Isaías 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Bara Aahaaz ilmi Yootaam, ilmi Uziyaan Mootii Yihuudaa turetti, Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemiin loluuf itti duulan; garuu ishee moʼachuu hin dandeenye.
1 Quando Acaz, filho de Jotão, e neto de Uzias, era rei de Judá, o rei Rezim, da Síria, e Peca, filho de Remalias, rei de Israel, atacaram Jerusalém, mas não puderam vencê-la.
2 Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame.
2 Informaram ao rei: "A Síria montou acampamento em Efraim". Com isso o coração de Acaz e do seu povo agitou-se, como as árvores da floresta agitam-se com o vento.
3 Kana irratti Waaqayyo Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa.
3 Então o Senhor disse a Isaías: "Saiam, você e seu filho Sear-Jasube, e vão encontrar-se com Acaz no final do aqueduto do açude Superior, na estrada que vai para o campo do Lavandeiro.
4 Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin.
4 Diga a ele: ‘Tenha cuidado, acalme-se e não tenha medo. Que o seu coração não se desanime por causa do furor destes restos de lenha fumegantes: Rezim, a Síria e o filho de Remalias.
5 Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru;
5 " ‘Porque a Síria, Efraim e o filho de Remalias têm tramado a sua ruína, dizendo:
6 “Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.”
6 "Vamos invadir o reino de Judá; vamos rasgá-lo e dividi-lo entre nós, e fazer o filho de Tabeel reinar sobre ele".
7 Taʼus Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
7 Assim diz o Soberano Senhor: " ‘Não será assim, isso não acontecerá,
8 mataan Sooriyaa Damaasqoodhaatii;
8 pois a cabeça da Síria é Damasco, e a cabeça de Damasco é Rezim. Em sessenta e cinco anos Efraim estará destruído demais para ser um povo.
9 Mataan Efreem Samaariyaa dha;
9 A cabeça de Efraim é Samaria, e a cabeça de Samaria é o filho de Remalias. Se vocês não ficarem firmes na fé, com certeza não resistirão! ’ "
10 Waaqayyo amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate;
10 Disse ainda o Senhor a Acaz:
11 “Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, Waaqayyoon Waaqa kee mallattoo gaafadhu.”
11 "Peça ao Senhor, ao seu Deus, um sinal miraculoso, seja das maiores profundezas, seja das alturas mais elevadas".
12 Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; Waaqayyonis hin qoru” jedhe.
12 Mas Acaz disse: "Não pedirei; não porei o Senhor à prova".
13 Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu?
13 Disse então Isaías: "Ouçam agora, descendentes de Davi! Não basta abusarem da paciência dos homens? Também vão abusar da paciência do meu Deus?
14 Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
14 Por isso o Senhor mesmo lhes dará um sinal: a virgem ficará grávida e dará à luz um filho, e o chamará Emanuel.
15 Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata.
15 Ele comerá coalhada e mel até a idade em que saiba rejeitar o erro e escolher o que é certo.
16 Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona.
16 Mas antes que o menino saiba rejeitar o erro e escolher o que é certo, a terra dos dois reis que você teme ficará deserta.
17 Waaqayyo erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.”
17 O Senhor trará o rei da Assíria sobre você e sobre o seu povo e sobre a descendência de seu pai. Serão dias como nunca houve, desde que Efraim se separou de Judá".
18 Bara sana keessa Waaqayyo tisiisota burqaa laga Gibxi keessa jiranii fi kanniisota biyya Asoor siiqsee waama.
18 Naquele dia o Senhor assobiará para chamar as moscas dos distantes rios do Egito e as abelhas da Assíria.
19 Hundi isaanii dhufanii dhooqa lafaa keessa, holqa kattaa keessa, daggala qoraattiitii fi boolla bishaanii hunda keessa qubatu.
19 Todas virão e pousarão nos vales íngremes e nas fendas das rochas, em todos os espinheiros e em todas as cisternas.
20 Bara sana keessa Gooftaan haaduu laga gamaa kireeffateen jechuunis mootiin Asoor rifeensa mataa keessanii rifeensa miilla keessaniitii fi areeda keessan ni haada.
20 Naquele dia o Senhor utilizará uma navalha alugada de além do Eufrates, o rei da Assíria, para rapar a sua cabeça e os pêlos de suas pernas e da sua barba.
21 Bara sana keessa namni tokko goromsa tokkoo fi hoolaa lama qabaata.
21 Naquele dia o homem que tiver uma vaca e duas cabras
22 Sababii baayʼina aannan isaan kennaniif, inni itittuu sooratu qabaata. Namni biyya sanatti hafu hundinuu itittuu fi damma nyaata.
22 terá coalhada para comer, graças à fartura de leite que elas darão. Todos os que ficarem na terra comerão coalhada e mel.
23 Bara sana keessa, lafa mukkeen wayinii kumni tokko kanneen meetii saqilii kuma baasan jiran hunda irra sokorruu fi qoraattii qofatu jiraata.
23 Naquele dia, todo lugar onde havia mil videiras no valor de doze quilos de prata será deixado para as roseiras bravas e para os espinheiros.
24 Sababii lafti sun sokorruu fi qoraattiin guutameef, namoonni iddaa fi xiyya qabatan iyyuu achi dhaqu.
24 Os homens entrarão ali com arcos e flechas, pois todo o país estará coberto de roseiras bravas e de espinheiros.
25 Ati sababii sokorruu fi qoraattii sodaattuuf siʼachi gara gaarran kanaan dura gasoon soqamaa turan sanaa hin dhaqxu; isaan lafa loon itti bobbaʼanii fi lafa hoolonni keessa burraaqan taʼu.
25 E às colinas antes lavradas com enxada você não irá mais, porque terá medo das roseiras bravas e dos espinheiros; nesses lugares os bois ficarão à solta e as ovelhas correrão livremente.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Isaías 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.