Isaías 39

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsatee fayye dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
1 Nesse tempo, Merodaque-Baladã, filho de Baladã, rei da Babilônia, enviou cartas e um presente a Ezequias, porque soube que estivera doente e já tinha convalescido.
2 Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
2 Ezequias se agradou disso e mostrou aos mensageiros a casa do seu tesouro, a prata, o ouro, as especiarias, os óleos finos, todo o seu arsenal e tudo quanto se achava nos seus tesouros; nenhuma coisa houve, nem em sua casa, nem em todo o seu domínio, que Ezequias não lhes mostrasse.
3 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate.
3 Então, Isaías, o profeta, veio ao rei Ezequias e lhe disse: Que foi que aqueles homens disseram e donde vieram a ti? Respondeu Ezequias: De uma terra longínqua vieram a mim, da Babilônia.
4 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate.
4 Perguntou ele: Que viram em tua casa? Respondeu Ezequias: Viram tudo quanto há em minha casa; coisa nenhuma há nos meus tesouros que eu não lhes mostrasse.
5 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi:
5 Então, disse Isaías a Ezequias: Ouve a palavra do Senhor dos Exércitos:
6 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
6 Eis que virão dias em que tudo quanto houver em tua casa, com o que entesouraram teus pais até ao dia de hoje, será levado para a Babilônia; não ficará coisa alguma, disse o Senhor .
7 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
7 Dos teus próprios filhos, que tu gerares, tomarão, para que sejam eunucos no palácio do rei da Babilônia.
8 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin ni jiraata” jedhee yaadee tureetii.
8 Então, disse Ezequias a Isaías: Boa é a palavra do Senhor que disseste. Pois pensava: Haverá paz e segurança em meus dias.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Isaías 39, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.