Hebreus 9

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture.
1 Ora, também a primeira tinha ordenanças de culto divino, e um santuário terrestre.
2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture.
2 Porque um tabernáculo estava preparado, o primeiro, em que havia o candeeiro, e a mesa, e os pães da proposição; ao que se chama o santuário.
3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture.
3 Mas depois do segundo véu estava o tabernáculo que se chama o santo dos santos,
4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame.
4 Que tinha o incensário de ouro, e a arca da aliança, coberta de ouro toda em redor; em que estava um vaso de ouro, que continha o maná, e a vara de Arão, que tinha florescido, e as tábuas da aliança;
5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
5 E sobre a arca os querubins da glória, que faziam sombra no propiciatório; das quais coisas não falaremos agora particularmente.
6 Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan.
6 Ora, estando estas coisas assim preparadas, a todo o tempo entravam os sacerdotes no primeiro tabernáculo, cumprindo os serviços;
7 Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture.
7 Mas, no segundo, só o sumo sacerdote, uma vez no ano, não sem sangue, que oferecia por si mesmo e pelas culpas do povo;
8 Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture.
8 Dando nisto a entender o Espírito Santo que ainda o caminho do santuário não estava descoberto enquanto se conservava em pé o primeiro tabernáculo,
9 Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa.
9 Que é uma alegoria para o tempo presente, em que se oferecem dons e sacrifícios que, quanto à consciência, não podem aperfeiçoar aquele que faz o serviço;
10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa.
10 Consistindo somente em comidas, e bebidas, e várias abluções e justificações da carne, impostas até ao tempo da correção.
11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe.
11 Mas, vindo Cristo, o sumo sacerdote dos bens futuros, por um maior e mais perfeito tabernáculo, não feito por mãos, isto é, não desta criação,
12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene.
12 Nem por sangue de bodes e bezerros, mas por seu próprio sangue, entrou uma vez no santuário, havendo efetuado uma eterna redenção.
13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee,
13 Porque, se o sangue dos touros e bodes, e a cinza de uma novilha esparzida sobre os imundos, os santifica, quanto à purificação da carne,
14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
14 Quanto mais o sangue de Cristo, que pelo Espírito eterno se ofereceu a si mesmo imaculado a Deus, purificará as vossas consciências das obras mortas, para servirdes ao Deus vivo?
15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
15 E por isso é Mediador de um novo testamento, para que, intervindo a morte para remissão das transgressões que havia debaixo do primeiro testamento, os chamados recebam a promessa da herança eterna.
16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha;
16 Porque onde há testamento, é necessário que intervenha a morte do testador.
17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii.
17 Porque um testamento tem força onde houve morte; ou terá ele algum valor enquanto o testador vive?
18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma.
18 Por isso também o primeiro não foi consagrado sem sangue;
19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase.
19 Porque, havendo Moisés anunciado a todo o povo todos os mandamentos segundo a lei, tomou o sangue dos bezerros e dos bodes, com água, lã purpúrea e hissopo, e aspergiu tanto o mesmo livro como todo o povo,
20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha” jedhe.
20 Dizendo: Este é o sangue do testamento que Deus vos tem mandado.
21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase.
21 E semelhantemente aspergiu com sangue o tabernáculo e todos os vasos do ministério.
22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
22 E quase todas as coisas, segundo a lei, se purificam com sangue; e sem derramamento de sangue não há remissão.
23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa.
23 De sorte que era bem necessário que as figuras das coisas que estão no céu assim se purificassem; mas as próprias coisas celestiais com sacrifícios melhores do que estes.
24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
24 Porque Cristo não entrou num santuário feito por mãos, figura do verdadeiro, porém no mesmo céu, para agora comparecer por nós perante a face de Deus;
25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne.
25 Nem também para a si mesmo se oferecer muitas vezes, como o sumo sacerdote cada ano entra no santuário com sangue alheio;
26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera.
26 De outra maneira, necessário lhe fora padecer muitas vezes desde a fundação do mundo. Mas agora na consumação dos séculos uma vez se manifestou, para aniquilar o pecado pelo sacrifício de si mesmo.
27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
27 E, como aos homens está ordenado morrerem uma vez, vindo depois disso o juízo,
28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
28 Assim também Cristo, oferecendo-se uma vez para tirar os pecados de muitos, aparecerá segunda vez, sem pecado, aos que o esperam para salvação.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Hebreus 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.