Hebreus 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise;
1 Porque este Melquisedeque, que era rei de Salém, sacerdote do Deus Altíssimo, e que saiu ao encontro de Abraão quando ele regressava da matança dos reis, e o abençoou;
2 Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha.
2 A quem também Abraão deu o dízimo de tudo, e primeiramente é, por interpretação, rei de justiça, e depois também rei de Salém, que é rei de paz;
3 Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Waaqaatti luba bara baraa taʼee jiraata.
3 Sem pai, sem mãe, sem genealogia, não tendo princípio de dias nem fim de vida, mas sendo feito semelhante ao Filho de Deus, permanece sacerdote para sempre.
4 Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa!
4 Considerai, pois, quão grande era este, a quem até o patriarca Abraão deu os dízimos dos despojos.
5 Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja.
5 E os que dentre os filhos de Levi recebem o sacerdócio têm ordem, segundo a lei, de tomar o dízimo do povo, isto é, de seus irmãos, ainda que tenham saído dos lombos de Abraão.
6 Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise.
6 Mas aquele, cuja genealogia não é contada entre eles, tomou dízimos de Abraão, e abençoou o que tinha as promessas.
7 Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu.
7 Ora, sem contradição alguma, o menor é abençoado pelo maior.
8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama.
8 E aqui certamente tomam dízimos homens que morrem; ali, porém, aquele de quem se testifica que vive.
9 Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama;
9 E, por assim dizer, por meio de Abraão, até Levi, que recebe dízimos, pagou dízimos.
10 Malkiiseedeq yommuu Abrahaamin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii.
10 Porque ainda ele estava nos lombos de seu pai quando Melquisedeque lhe saiu ao encontro.
11 Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Aroonitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii.
11 De sorte que, se a perfeição fosse pelo sacerdócio levítico (porque sob ele o povo recebeu a lei), que necessidade havia logo de que outro sacerdote se levantasse, segundo a ordem de Melquisedeque, e não fosse chamado segundo a ordem de Arão?
12 Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii.
12 Porque, mudando-se o sacerdócio, necessariamente se faz também mudança da lei.
13 Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille.
13 Porque aquele de quem estas coisas se dizem pertence a outra tribo, da qual ninguém serviu ao altar,
14 Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne.
14 Visto ser manifesto que nosso Senhor procedeu de Judá, e concernente a essa tribo nunca Moisés falou de sacerdócio.
15 Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa;
15 E muito mais manifesto é ainda, se à semelhança de Melquisedeque se levantar outro sacerdote,
16 innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe.
16 Que não foi feito segundo a lei do mandamento carnal, mas segundo a virtude da vida incorruptível.
17 Waaʼee isaas,
17 Porque ele assim testifica: Tu és sacerdote eternamente, Segundo a ordem de Melquisedeque.
18 Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera.
18 Porque o precedente mandamento é abrogado por causa da sua fraqueza e inutilidade
19 Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiʼaannu tokko dhufeera.
19 (Pois a lei nenhuma coisa aperfeiçoou) e desta sorte é introduzida uma melhor esperança, pela qual chegamos a Deus.
20 Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan;
20 E visto como não é sem prestar juramento (porque certamente aqueles, sem juramento, foram feitos sacerdotes,
21 inni garuu yeroo Waaqni,
21 Mas este com juramento por aquele que lhe disse: Jurou o Senhor, e não se arrependerá; Tu és sacerdote eternamente, Segundo a ordem de Melquisedeque,
22 Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
22 De tanto melhor aliança Jesus foi feito fiador.
23 Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan;
23 E, na verdade, aqueles foram feitos sacerdotes em grande número, porque pela morte foram impedidos de permanecer,
24 Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba.
24 Mas este, porque permanece eternamente, tem um sacerdócio perpétuo.
25 Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
25 Portanto, pode também salvar perfeitamente os que por ele se chegam a Deus, vivendo sempre para interceder por eles.
26 Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa.
26 Porque nos convinha tal sumo sacerdote, santo, inocente, imaculado, separado dos pecadores, e feito mais sublime do que os céus;
27 Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.
27 Que não necessitasse, como os sumos sacerdotes, de oferecer cada dia sacrifícios, primeiramente por seus próprios pecados, e depois pelos do povo; porque isto fez ele, uma vez, oferecendo-se a si mesmo.
28 Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda.
28 Porque a lei constitui sumos sacerdotes a homens fracos, mas a palavra do juramento, que veio depois da lei, constitui ao Filho, perfeito para sempre.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Hebreus 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.