Hebreus 12
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF
1 Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
1 Portanto nós também, pois que estamos rodeados de uma tão grande nuvem de testemunhas, deixemos todo o embaraço, e o pecado que tão de perto nos rodeia, e corramos com paciência a carreira que nos está proposta,
2 kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
2 Olhando para Jesus, autor e consumador da fé, o qual, pelo gozo que lhe estava proposto, suportou a cruz, desprezando a afronta, e assentou-se à destra do trono de Deus.
3 Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.
3 Considerai, pois, aquele que suportou tais contradições dos pecadores contra si mesmo, para que não enfraqueçais, desfalecendo em vossos ânimos.
4 Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine.
4 Ainda não resististes até ao sangue, combatendo contra o pecado.
5 Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha:
5 E já vos esquecestes da exortação que argumenta convosco como filhos: Filho meu, não desprezes a correção do Senhor, E não desmaies quando por ele fores repreendido;
6 Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii;
6 Porque o Senhor corrige o que ama,E açoita a qualquer que recebe por filho.
7 Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?
7 Se suportais a correção, Deus vos trata como filhos; porque, que filho há a quem o pai não corrija?
8 Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti.
8 Mas, se estais sem disciplina, da qual todos são feitos participantes, sois então bastardos, e não filhos.
9 Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!
9 Além do que, tivemos nossos pais segundo a carne, para nos corrigirem, e nós os reverenciamos; não nos sujeitaremos muito mais ao Pai dos espíritos, para vivermos?
10 Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.
10 Porque aqueles, na verdade, por um pouco de tempo, nos corrigiam como bem lhes parecia; mas este, para nosso proveito, para sermos participantes da sua santidade.
11 Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.
11 E, na verdade, toda a correção, ao presente, não parece ser de gozo, senão de tristeza, mas depois produz um fruto pacífico de justiça nos exercitados por ela.
12 Kanaafuu irree laafee fi jilba dadhabe jabeessaa.
12 Portanto, tornai a levantar as mãos cansadas, e os joelhos desconjuntados,
13 Naafti akka fayyuuf malee akka karaa irraa hin jalʼanneef, “Miilla keessaniif daandii qajeelaa baafadhaa.”
13 E fazei veredas direitas para os vossos pés, para que o que manqueja não se desvie inteiramente, antes seja sarado.
14 Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
14 Segui a paz com todos, e a santificação, sem a qual ninguém verá o Senhor;
15 Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa.
15 Tendo cuidado de que ninguém se prive da graça de Deus, e de que nenhuma raiz de amargura, brotando, vos perturbe, e por ela muitos se contaminem.
16 Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa.
16 E ninguém seja devasso, ou profano, como Esaú, que por uma refeição vendeu o seu direito de primogenitura.
17 Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye.
17 Porque bem sabeis que, querendo ele ainda depois herdar a bênção, foi rejeitado, porque não achou lugar de arrependimento, ainda que com lágrimas o buscou.
18 Isin gara tulluu tuqamuu dandaʼuu fi ibiddi irraa bobaʼu, gara dukkanaa, gara dimimmisaa fi bubbee hin geenye;
18 Porque não chegastes ao monte palpável, aceso em fogo, e à escuridão, e às trevas, e à tempestade,
19 gara sagalee malakataatii fi gara sagalee dubbii dubbatuu hin geenye; warri isa dhagaʼanis akka dubbiin biraa dabalamee isaanitti hin dubbatamne kadhatan.
19 E ao sonido da trombeta, e à voz das palavras, a qual os que a ouviram pediram que se lhes não falasse mais;
20 Isaan waan, “Bineensi iyyuu yoo tulluu sana tuqe dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu” jedhamee ajajame sana obsuu hin dandeenyeetii.
20 Porque não podiam suportar o que se lhes mandava: Se até um animal tocar o monte será apedrejado ou passado com um dardo.
21 Wanti achitti mulʼates waan sodaachisaa taʼeef Museen, “Ani sodaadhaan hollachaan jira” jedhe.
21 E tão terrível era a visão, que Moisés disse: Estou todo assombrado, e tremendo.
22 Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu;
22 Mas chegastes ao monte Sião, e à cidade do Deus vivo, à Jerusalém celestial, e aos muitos milhares de anjos;
23 gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,
23 À universal assembléia e igreja dos primogênitos, que estão inscritos nos céus, e a Deus, o juiz de todos, e aos espíritos dos justos aperfeiçoados;
24 gara Yesuus araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Abeel dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.
24 E a Jesus, o Mediador de uma nova aliança, e ao sangue da aspersão, que fala melhor do que o de Abel.
25 Isinis akka isa dubbachaa jiru sana hin didneef of eeggadhaa. Erga isaan yeroo isa lafa irratti isaan akeekkachiise sana didanitti jalaa hin baʼin, nu immoo yoo isa samii irraa nu akeekkachiisu sana irraa gara galle akkamitti jalaa baʼuu dandeenya ree?
25 Vede que não rejeiteis ao que fala; porque, se não escaparam aqueles que rejeitaram o que na terra os advertia, muito menos nós, se nos desviarmos daquele que é dos céus;
26 Yeroo sanatti sagaleen isaa lafa sochoose; amma garuu inni, “Ani ammas yeroo tokko lafa qofa utuu hin taʼin samiiwwanis nan sochoosa” jedhee waadaa galeera.
26 A voz do qual moveu então a terra, mas agora anunciou, dizendo: Ainda uma vez comoverei, não só a terra, senão também o céu.
27 Dubbiin, “Ammas yeroo tokko” jedhu kun akka wanni hin sochoofamne hafee jiraatuuf, wanni sochoofamu jechuunis wanni uumame baduu isaa argisiisa.
27 E esta palavra: Ainda uma vez, mostra a mudança das coisas móveis, como coisas feitas, para que as imóveis permaneçam.
28 Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;
28 Por isso, tendo recebido um reino que não pode ser abalado, retenhamos a graça, pela qual sirvamos a Deus agradavelmente, com reverência e piedade;
29 Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.
29 Porque o nosso Deus é um fogo consumidor.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Hebreus 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.