Hebreus 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
1 Ora, a fé é o firme fundamento das coisas que se esperam, e a prova das coisas que se não vêem.
2 Jaarsoliifis kanaan dhugaa baʼameetii.
2 Porque por ela os antigos alcançaram testemunho.
3 Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna.
3 Pela fé entendemos que os mundos pela palavra de Deus foram criados; de maneira que aquilo que se vê não foi feito do que é aparente.
4 Abeel amantiidhaan aarsaa isa Qaayin dhiʼeesse caalu Waaqaaf dhiʼeesse. Inni yommuu Waaqni waaʼee kennaa isaa dhugaa baʼameefitti nama qajeelaa taʼuun isaa amantiidhaan dhugaa baʼameef. Abeel duʼu iyyuu hamma ammaatti amantiidhaan dubbachaa jira.
4 Pela fé Abel ofereceu a Deus maior sacrifício do que Caim, pelo qual alcançou testemunho de que era justo, dando Deus testemunho dos seus dons, e por ela, depois de morto, ainda fala.
5 Henook akka duʼa hin argineef amantiidhaan fudhatame; waan Waaqni isa fudhateef inni hin argamne. Inni utuu hin fudhatamin dura akka nama Waaqa gammachiiseetti dhugaa baʼameefii tureetii.
5 Pela fé Enoque foi trasladado para não ver a morte, e não foi achado, porque Deus o trasladara; visto como antes da sua trasladação alcançou testemunho de que agradara a Deus.
6 Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
6 Ora, sem fé é impossível agradar-lhe; porque é necessário que aquele que se aproxima de Deus creia que ele existe, e que é galardoador dos que o buscam.
7 Nohi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Waaqni isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe.
7 Pela fé Noé, divinamente avisado das coisas que ainda não se viam, temeu e, para salvação da sua família, preparou a arca, pela qual condenou o mundo, e foi feito herdeiro da justiça que é segundo a fé.
8 Abrahaam gara iddoo dhaaluuf jiruu akka dhaqu yommuu waamametti, amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu iyyuu utuu hin beekin kaʼee deeme.
8 Pela fé Abraão, sendo chamado, obedeceu, indo para um lugar que havia de receber por herança; e saiu, sem saber para onde ia.
9 Innis akka keessummaa biyya ormaa jiruutti biyya isaaf waadaa galame sana keessa amantiidhaan qubate; akkuma warra isa wajjin waadaadhuma sana dhaalan, akkuma Yisihaaqii fi Yaaqoob dunkaana keessa jiraate.
9 Pela fé habitou na terra da promessa, como em terra alheia, morando em cabanas com Isaque e Jacó, herdeiros com ele da mesma promessa.
10 Inni magaalaa hundee qabdu kan Waaqni ijaaree fi tolche eeggachaa tureetii.
10 Porque esperava a cidade que tem fundamentos, da qual o artífice e construtor é Deus.
11 Saaraan yoo umurii daʼumsaa dabartee, dhabduu turte illee isheen waan Waaqa waadaa isheef gale sana amanamaa gootee fudhatteef, amantiidhaan mucaa daʼu dandeesse.
11 Pela fé também a mesma Sara recebeu a virtude de conceber, e deu à luz já fora da idade; porquanto teve por fiel aquele que lho tinha prometido.
12 Kanaaf namicha akka waan duʼeetti ilaalamu tokkicha kana irraa sanyiin akka urjii samii baayʼattuu fi akka cirracha qarqara galaanaa kan hin lakkaaʼamne dhalate.
12 Por isso também de um, e esse já amortecido, descenderam tantos, em multidão, como as estrelas do céu, e como a areia inumerável que está na praia do mar.
13 Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru.
13 Todos estes morreram na fé, sem terem recebido as promessas; mas vendo-as de longe, e crendo-as e abraçando-as, confessaram que eram estrangeiros e peregrinos na terra.
14 Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu.
14 Porque, os que isto dizem, claramente mostram que buscam uma pátria.
15 Isaan utuu waaʼee biyya keessaa baʼan sanaa yaadaa turanii silaa, biyya isaaniitti deebiʼuuf carraa ni argatu turan.
15 E se, na verdade, se lembrassem daquela de onde haviam saído, teriam oportunidade de tornar.
16 Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.
16 Mas agora desejam uma melhor, isto é, a celestial. Por isso também Deus não se envergonha deles, de se chamar seu Deus, porque já lhes preparou uma cidade.
17 Abrahaam yeroo Waaqni isa qoretti amantiidhaan Yisihaaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse. Isuma waadaa argate sanatu ilma isaa tokkicha aarsaa godhee dhiʼeessuuf qophaaʼe;
17 Pela fé ofereceu Abraão a Isaque, quando foi provado; sim, aquele que recebera as promessas ofereceu o seu unigênito.
18 innis isuma Waaqni, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” jedheen sana.
18 Sendo-lhe dito: Em Isaque será chamada a tua descendência, considerou que Deus era poderoso para até dentre os mortos o ressuscitar;
19 Abrahaam akka Waaqni warra duʼan keessaa nama kaasuu dandaʼu illee hubatee ture; kunis karaa tokkoon inni ilma isaa Yisihaaqin warra duʼan keessaa deebisee argate jechuu dha.
19 E daí também em figura ele o recobrou.
20 Yisihaaq amantiidhaan waan dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi Esaawun eebbise.
20 Pela fé Isaque abençoou Jacó e Esaú, no tocante às coisas futuras.
21 Yaaqoob yeroo duʼetti amantiidhaan ilmaan Yoosef tokko tokkoon eebbise; mataa ulee isaatti irkatees sagade.
21 Pela fé Jacó, próximo da morte, abençoou cada um dos filhos de José, e adorou encostado à ponta do seu bordão.
22 Yoosefis yeroo duʼetti amantiidhaan waaʼee Gibxi keessaa baʼuu ijoollee Israaʼel dubbate; waaʼee lafee isaas ajaja kenne.
22 Pela fé José, próximo da morte, fez menção da saída dos filhos de Israel, e deu ordem acerca de seus ossos.
23 Yeroo Museen dhalatetti abbaa fi haati isaa mucaa miidhagaa taʼuu isaa arganii utuu labsii mootichaa hin sodaatin amantiidhaan jiʼa sadii isa dhoksan.
23 Pela fé Moisés, já nascido, foi escondido três meses por seus pais, porque viram que era um menino formoso; e não temeram o mandamento do rei.
24 Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide.
24 Pela fé Moisés, sendo já grande, recusou ser chamado filho da filha de Faraó,
25 Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate.
25 Escolhendo antes ser maltratado com o povo de Deus, do que por um pouco de tempo ter o gozo do pecado;
26 Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate.
26 Tendo por maiores riquezas o vitupério de Cristo do que os tesouros do Egito; porque tinha em vista a recompensa.
27 Innis utuu dheekkamsa mootichaa hin sodaatin amantiidhaan Gibxi keessaa baʼe; isa hin mulʼanne sana akka waan argeetti obsee eeggate.
27 Pela fé deixou o Egito, não temendo a ira do rei; porque ficou firme, como vendo o invisível.
28 Akka ergamaan hangafa ajjeesu sun hangafoota saba Israaʼel hin tuqneefis amantiidhaan akka Faasiikaan ayyaaneffamu, dhiignis akka facaafamu godhe.
28 Pela fé celebrou a páscoa e a aspersão do sangue, para que o destruidor dos primogênitos lhes não tocasse.
29 Sabni Israaʼel akkuma nama lafa gogaa irra deemuutti amantiin Galaana Diimaa ceʼe; warri Gibxi garuu yommuu akkuma sanatti ceʼuu yaalanitti ni liqimfaman.
29 Pela fé passaram o Mar Vermelho, como por terra seca; o que intentando os egípcios, se afogaram.
30 Dallaan Yerikoo erga guyyaa torba marfamee booddee amantiidhaan jige.
30 Pela fé caíram os muros de Jericó, sendo rodeados durante sete dias.
31 Sagaagaltuun Rahaab jedhamtu basaastota simachuu isheetiin amantiidhaan hafte malee warra hin amanin wajjin hin ajjeefamne.
31 Pela fé Raabe, a meretriz, não pereceu com os incrédulos, acolhendo em paz os espias.
32 Ani egaa kana caalaa maalin jedha ree? Waaʼee Gedewoon, waaʼee Baaraq, waaʼee Saamsoon, waaʼee Yiftaa, waaʼee Daawit, waaʼee Saamuʼeelii fi waaʼee raajotaa odeessuuf ani yeroo hin qabu;
32 E que mais direi? Faltar-me-ia o tempo contando de Gideão, e de Baraque, e de Sansão, e de Jefté, e de Davi, e de Samuel e dos profetas,
33 isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan;
33 Os quais pela fé venceram reinos, praticaram a justiça, alcançaram promessas, fecharam as bocas dos leões,
34 amantiidhaan ibidda jabaa dhaamsan; qara goraadee jalaa baʼan; dadhabbiin isaanii jabinatti geeddarame; waraana keessatti humna argatanii loltoota diinaa ariʼan.
34 Apagaram a força do fogo, escaparam do fio da espada, da fraqueza tiraram forças, na batalha se esforçaram, puseram em fuga os exércitos dos estranhos.
35 Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan.
35 As mulheres receberam pela ressurreição os seus mortos; uns foram torturados, não aceitando o seu livramento, para alcançarem uma melhor ressurreição;
36 Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman.
36 E outros experimentaram escárnios e açoites, e até cadeias e prisões.
37 Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran;
37 Foram apedrejados, serrados, tentados, mortos ao fio da espada; andaram vestidos de peles de ovelhas e de cabras, desamparados, aflitos e maltratados
38 addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan.
38 (Dos quais o mundo não era digno), errantes pelos desertos, e montes, e pelas covas e cavernas da terra.
39 Warri kunneen hundinuu yoo sababii amantii isaaniitiif jajaman iyyuu isaan keessaa namni tokko iyyuu waan waadaa galame sana hin arganne.
39 E todos estes, tendo tido testemunho pela fé, não alcançaram a promessa,
40 Waaqni akka isaan nu qofa wajjin warra mudaa hin qabne taʼaniif duraan dursee waan nuuf wayyu argeera.
40 Provendo Deus alguma coisa melhor a nosso respeito, para que eles sem nós não fossem aperfeiçoados.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Hebreus 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.