Hebreus 10
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu.
1 A Lei traz apenas uma sombra dos benefícios que hão de vir, e não a realidade dos mesmos. Por isso ela nunca consegue, mediante os mesmos sacrifícios repetidos ano após ano, aperfeiçoar os que se aproximam para adorar.
2 Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture.
2 Se pudesse fazê-lo, não deixariam de ser oferecidos? Pois os adoradores, tendo sido purificados uma vez por todas, não mais se sentiriam culpados de seus pecados.
3 Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu.
3 Contudo, esses sacrifícios são uma recordação anual dos pecados,
4 Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
4 pois é impossível que o sangue de touros e bodes tire pecados.
5 Kanaafuu Kiristoos yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe:
5 Por isso, quando Cristo veio ao mundo, disse: "Sacrifício e oferta não quiseste, mas um corpo me preparaste;
6 ati aarsaa gubamuu fi
6 de holocaustos e ofertas pelo pecado não te agradaste".
7 Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti;
7 Então eu disse: Aqui estou, no livro está escrito a meu respeito; vim para fazer a tua vontade, ó Deus.
8 Isaan akka seeraatti dhiʼeeffaman iyyuu inni jalqabatti, “Ati qalmawwanii fi aarsaawwan, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan cubbuuf dhiʼeeffaman hin feene yookaan itti hin gammanne” jedhe.
8 Primeiro ele disse: "Sacrifícios, ofertas, holocaustos e ofertas pelo pecado não quiseste, nem deles te agradaste" ( os quais eram feitos conforme a Lei ).
9 Ergasiis inni, “Ani kunoo fedhii kee raawwachuuf dhufeera” jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa dhabamsiise.
9 Então acrescentou: "Aqui estou; vim para fazer a tua vontade". Ele cancela o primeiro para estabelecer o segundo.
10 Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.
10 Pelo cumprimento dessa vontade fomos santificados, por meio do sacrifício do corpo de Jesus Cristo, oferecido uma vez por todas.
11 Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila isaa raawwata; aarsaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandeenye sanas yeroo hunda dhiʼeessa.
11 Dia após dia, todo sacerdote apresenta-se e exerce os seus deveres religiosos; repetidamente oferece os mesmos sacrifícios, que nunca podem remover os pecados.
12 Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.
12 Mas quando este sacerdote acabou de oferecer, para sempre, um único sacrifício pelos pecados, assentou-se à direita de Deus.
13 Yeroo sanaa jalqabees hamma diinonni isaa ejjeta miilla isaa taasifamanitti ni eeggata;
13 Daí em diante, ele está esperando até que os seus inimigos sejam colocados como estrado dos seus pés;
14 inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.
14 porque, por meio de um único sacrifício, ele aperfeiçoou para sempre os que estão sendo santificados.
15 Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha:
15 O Espírito Santo também nos testifica a este respeito. Primeiro ele diz:
16 “Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha,
16 "Esta é a aliança que farei com eles, depois daqueles dias, diz o Senhor. Porei as minhas leis em seus corações e as escreverei em suas mentes";
17 Ammas,
17 e acrescenta: "Dos seus pecados e iniqüidades não me lembrarei mais".
18 Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.
18 Onde essas coisas foram perdoadas, não há mais necessidade de sacrifício pelo pecado.
19 Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf
19 Portanto, irmãos, temos plena confiança para entrar no Santo dos Santos pelo sangue de Jesus,
20 karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan
20 por um novo e vivo caminho que ele nos abriu por meio do véu, isto é, do seu corpo.
21 waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf,
21 Temos, pois, um grande sacerdote sobre a casa de Deus.
22 kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa.
22 Sendo assim, aproximemo-nos de Deus com um coração sincero e com plena convicção de fé, tendo os corações aspergidos para nos purificar de uma consciência culpada e tendo os nossos corpos lavados com água pura.
23 Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
23 Apeguemo-nos com firmeza à esperança que professamos, pois aquele que prometeu é fiel.
24 Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa.
24 E consideremo-nos uns aos outros para incentivar-nos ao amor e às boas obras.
25 Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
25 Não deixemos de reunir-nos como igreja, segundo o costume de alguns, mas encorajemo-nos uns aos outros, ainda mais quando vocês vêem que se aproxima o Dia.
26 Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu;
26 Se continuarmos a pecar deliberadamente depois que recebemos o conhecimento da verdade, já não resta sacrifício pelos pecados,
27 garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata.
27 mas tão-somente uma terrível expectativa de juízo e de fogo intenso que consumirá os inimigos de Deus.
28 Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama.
28 Quem rejeitava a lei de Moisés morria sem misericórdia pelo depoimento de duas ou três testemunhas.
29 Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?
29 Quão mais severo castigo, julgam vocês, merece aquele que pisou aos pés o Filho de Deus, que profanou o sangue da aliança pelo qual ele foi santificado, e insultou o Espírito da graça?
30 Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura” jedhe.
30 Pois conhecemos aquele que disse: "A mim pertence a vingança; eu retribuirei"; e outra vez: "O Senhor julgará o seu povo".
31 Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
31 Terrível coisa é cair nas mãos do Deus vivo!
32 Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa.
32 Lembrem-se dos primeiros dias, depois que vocês foram iluminados, quando suportaram muita luta e muito sofrimento.
33 Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan.
33 Algumas vezes vocês foram expostos a insultos e tribulações; em outras ocasiões fizeram-se solidários com os que assim foram tratados.
34 Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu.
34 Vocês se compadeceram dos que estavam na prisão e aceitaram alegremente o confisco dos próprios bens, pois sabiam que possuíam bens superiores e permanentes.
35 Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
35 Por isso, não abram mão da confiança que vocês têm; ela será ricamente recompensada.
36 Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.
36 Vocês precisam perseverar, de modo que, quando tiverem feito a vontade de Deus, recebam o que ele prometeu;
37 “Yeroo xinnoo keessatti,
37 pois em breve, muito em breve "Aquele que vem virá, e não demorará.
38 Akkasumas,
38 Mas o meu justo viverá pela fé. E, se retroceder, não me agradarei dele".
39 Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.
39 Nós, porém, não somos dos que retrocedem e são destruídos, mas dos que crêem e são salvos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Hebreus 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.