Gênesis 9
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa.
1 Abençoou Deus a Noé e a seus filhos e lhes disse: Sede fecundos, multiplicai-vos e enchei a terra.
2 Sodaachisuu fi naasisuun keessan bineensota lafaa hundumaa fi simbirroota samii hundumaa, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa fi qurxummiiwwan galaanaa hundumaa irra haa buʼu; isaan harka keessanitti kennamaniiru.
2 Pavor e medo de vós virão sobre todos os animais da terra e sobre todas as aves dos céus; tudo o que se move sobre a terra e todos os peixes do mar nas vossas mãos serão entregues.
3 Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna.
3 Tudo o que se move e vive ser-vos-á para alimento; como vos dei a erva verde, tudo vos dou agora.
4 “Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa.
4 Carne, porém, com sua vida, isto é, com seu sangue, não comereis.
5 Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.
5 Certamente, requererei o vosso sangue, o sangue da vossa vida; de todo animal o requererei, como também da mão do homem, sim, da mão do próximo de cada um requererei a vida do homem.
6 “Nama dhiiga namaa dhangalaasu,
6 Se alguém derramar o sangue do homem, pelo homem se derramará o seu; porque Deus fez o homem segundo a sua imagem.
7 Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa.”
7 Mas sede fecundos e multiplicai-vos; povoai a terra e multiplicai-vos nela.
8 Ergasii Waaqni Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe;
8 Disse também Deus a Noé e a seus filhos:
9 “Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa.
9 Eis que estabeleço a minha aliança convosco, e com a vossa descendência,
10 Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa.
10 e com todos os seres viventes que estão convosco: tanto as aves, os animais domésticos e os animais selváticos que saíram da arca como todos os animais da terra.
11 Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa.”
11 Estabeleço a minha aliança convosco: não será mais destruída toda carne por águas de dilúvio, nem mais haverá dilúvio para destruir a terra.
12 Waaqni akkana jedhe; “Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha.
12 Disse Deus: Este é o sinal da minha aliança que faço entre mim e vós e entre todos os seres viventes que estão convosco, para perpétuas gerações:
13 Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
13 porei nas nuvens o meu arco; será por sinal da aliança entre mim e a terra.
14 Yeroo ani lafa irratti duumessa fidee sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti,
14 Sucederá que, quando eu trouxer nuvens sobre a terra, e nelas aparecer o arco,
15 ani kakuu koo kan ofii kootii fi isin gidduu, uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa gidduus jiru sana nan yaadadha. Bishaanonnis deebiʼanii lubbuu hunda balleessuuf gonkumaa bishaan badiisaa hin taʼan.
15 então, me lembrarei da minha aliança, firmada entre mim e vós e todos os seres viventes de toda carne; e as águas não mais se tornarão em dilúvio para destruir toda carne.
16 Yeroo sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, ani isa ilaalee kakuu bara baraa kan Waaqaa fi uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa kanneen lafa irra jiraatan gidduu jiru sana nan yaadadha.”
16 O arco estará nas nuvens; vê-lo-ei e me lembrarei da aliança eterna entre Deus e todos os seres viventes de toda carne que há sobre a terra.
17 Kanaafuu Waaqni Nohiin, “Kun mallattoo kakuu ani ofii kootii fi lubbuu lafa irra jiraatu hunda gidduu dhaabe sanaa ti” jedhe.
17 Disse Deus a Noé: Este é o sinal da aliança estabelecida entre mim e toda carne sobre a terra.
18 Ilmaan Nohi warri doonii keessaa baʼan Seem, Haamii fi Yaafet turan. Haam abbaa Kanaʼaanii ti.
18 Os filhos de Noé, que saíram da arca, foram Sem, Cam e Jafé; Cam é o pai de Canaã.
19 Ilmaan Nohi jara kana sadan turan; sanyiin namaa kan lafa hunda irra bittinneeffames isaanuma irraa argame.
19 São eles os três filhos de Noé; e deles se povoou toda a terra.
20 Nohi qonnaan bulaa taʼee wayinii dhaabuutti nama jalqabaa ture.
20 Sendo Noé lavrador, passou a plantar uma vinha.
21 Innis daadhii wayinii sanaa dhugee machaaʼe; qullaa isaas dunkaana isaa keessa ciise.
21 Bebendo do vinho, embriagou-se e se pôs nu dentro de sua tenda.
22 Haam abbaan Kanaʼaan qullaa abbaa isaa argee obboloota isaa lamaan ala turanitti hime.
22 Cam, pai de Canaã, vendo a nudez do pai, fê-lo saber, fora, a seus dois irmãos.
23 Seemii fi Yaafeti garuu wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii dugda duubaan deemanii qullaa abbaa isaaniitti uffisan. Waan fuulli isaanii achi garagalee tureef isaan qullaa abbaa isaanii hin argine.
23 Então, Sem e Jafé tomaram uma capa, puseram-na sobre os próprios ombros de ambos e, andando de costas, rostos desviados, cobriram a nudez do pai, sem que a vissem.
24 Nohis yeroo machiin isaa irraa galetti waan ilmi isaa inni xinnaan isatti hojjete beekee
24 Despertando Noé do seu vinho, soube o que lhe fizera o filho mais moço
25 akkana jedhe;
25 e disse: Maldito seja Canaã; seja servo dos servos a seus irmãos.
26 Akkanas jedhe;
26 E ajuntou: Bendito seja o e Canaã lhe seja servo.
27 Waaqni biyya Yaafet haa balʼisu;
27 Engrandeça Deus a Jafé, e habite ele nas tendas de Sem; e Canaã lhe seja servo.
28 Bishaan badiisaa booddee Nohi waggaa 350 jiraate.
28 Noé, passado o dilúvio, viveu ainda trezentos e cinquenta anos.
29 Walumatti Nohi waggaa 950 jiraatee duʼe.
29 Todos os dias de Noé foram novecentos e cinquenta anos; e morreu.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.