Gênesis 47

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yoosefis gara Faraʼoon dhaqee, “Abbaan kootii fi obboloonni koo bushaayee isaanii, loon isaaniitii fi waan qaban hunda fudhatanii biyya Kanaʼaan dhufanii kunoo biyya Gooshen jiru” jedhee itti hime.
1 Então José foi dar a notícia ao rei. Ele disse: — O meu pai e os meus irmãos vieram da terra de Canaã e estão na região de Gosém com as suas ovelhas e cabras, o seu gado e tudo o que têm.
2 Innis obboloota isaa keessaa nama shan filatee Faraʼoonitti dhiʼeesse.
2 Depois levou cinco dos seus irmãos e os apresentou ao rei.
3 Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate.
3 O rei perguntou: — Qual é o trabalho de vocês? Eles responderam: — Senhor, nós somos criadores de ovelhas, como foram os nossos antepassados.
4 Akkanas jedhaniin; “Sababii beelli biyya Kanaʼaanitti cimee bushaayeen garboota keetii waan dheedan dhabaniif nu yeroo gabaabaa as jiraachuu dhufne. Akka nu garboonni kee biyya Gooshen keessa jiraannuuf maaloo nuu eeyyami.”
4 Viemos morar neste país porque na terra de Canaã não há pastos para os animais, e a fome lá está terrível. Por favor, deixe que a gente fique morando na região de Gosém.
5 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Abbaan keetii fi obboloonni kee siif dhufaniiru;
5 O rei disse a José: — Agora que o seu pai e os seus irmãos vieram ficar com você,
6 lafti Gibxi fuuluma kee dura jira; abbaa keetii fi obboloota kee iddoo lafa hundumaa caalu irra qubachiisi. Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan. Ati yoo namoota isaan keessaa dandeettii qaban beekte loon koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.”
6 a terra do Egito está às ordens deles. Dê a eles a região de Gosém, que é a melhor do país, para que fiquem morando lá. E, se na sua opinião houver entre eles homens capazes, ponha-os como chefes dos que cuidam do meu gado.
7 Ergasii Yoosef abbaa isaa Yaaqoobin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee booddee,
7 Depois José levou Jacó, o seu pai, e o apresentou ao rei. Jacó deu a sua bênção ao rei,
8 Faraʼoon, “Umuriin kee hammam?” jedhee isa gaafate.
8 e este perguntou: — Qual é a sua idade?
9 Yaaqoobis Faraʼooniin akkana jedhe; “Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti.”
9 Jacó respondeu: — Já estou com cento e trinta anos de idade e sempre tenho andado de um lado para outro. A minha vida tem passado rapidamente, e muitos anos foram difíceis. E eu não tenho conseguido viver tanto quanto os meus antepassados, que tiveram uma vida tão dura como a que eu tive.
10 Kana booddee, Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe.
10 Jacó deu a sua bênção ao rei e foi embora.
11 Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne.
11 E José deu ao pai e aos irmãos terras na melhor região do Egito, perto da cidade de Ramessés, como o rei havia ordenado. Essas terras se tornaram propriedade deles, e eles ficaram morando ali.
12 Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.
12 José dava mantimentos ao pai, aos irmãos e aos parentes, conforme as necessidades de cada família.
13 Waan beelli akka malee cimeef biyyattii guutuu keessa wanni nyaatamu hin jiru ture; sababii beela sanaatiinis Gibxii fi Kanaʼaan akka malee miidhaman.
13 Não havia alimento em lugar nenhum, e a fome aumentava cada vez mais. Os moradores do Egito e de Canaã ficaram fracos de tanto passar fome.
14 Yoosefis kaffaltii midhaan namoonni bitachaa turan sanaa maallaqa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti argamu hunda walitti qabee masaraa Faraʼoonitti galche.
14 O povo comprava mantimentos, e José ajuntava todo o dinheiro e o levava para o palácio.
15 Maallaqni warra Gibxii fi warra Kanaʼaan dhumnaan warri Gibxi hundi gara Yoosef dhufanii, “Midhaan nuu kenni. Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Maallaqni keenya dhumeera” jedhan.
15 Quando acabou todo o dinheiro do Egito e de Canaã, os egípcios foram falar com José. Eles disseram: — Por favor, nos dê comida! Não nos deixe morrer só porque o nosso dinheiro acabou!
16 Yoosef immoo, “Erga maallaqni keessan dhumee horii keessan fidaa; qooda horii keessanii ani midhaan isiniif nan kenna” jedhe.
16 José respondeu: — Se vocês não têm mais dinheiro, tragam o seu gado, que eu trocarei por mantimento.
17 Isaanis horii isaanii Yoosefitti fidan; Yoosefis qooda fardeen isaanii, qooda bushaayee isaanii, qooda loowwan isaaniitii fi qooda harroota isaanii midhaan kenneef. Innis bara sana geeddaraa horii isaanii hundaa midhaan isaan soore.
17 Os egípcios levaram a José cavalos, ovelhas, cabras, bois e jumentos, e em troca ele lhes deu mantimento durante todo aquele ano.
18 Waggaan sun dhumnaan jarri waggaa itti aanutti gara isaa dhufanii akkana jedhan; “Erga maallaqni keenya dhumee horiin keenya kan kee taʼee as, yaa gooftaa keenya akka dhagna keenyaa fi lafa keenya malee wanni tokko iyyuu nuuf hin hafin nu gooftaa keenya jalaa hin dhoksinu.
18 O ano passou, e no ano seguinte foram dizer a José:
19 Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Nuu fi lafti keenyas maaliif badna? Nuu fi lafa keenya fudhadhuutii qooda isaa midhaan nuuf kenni. Nu lafa keenya wajjin Faraʼooniif ni garboomna. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf, akka laftis duwwaa hin hafneef sanyii nuuf kenni.”
19 — Senhor, não podemos esconder o fato de que o nosso dinheiro acabou e que os nossos animais agora são seus. Não temos mais nada para entregar a não ser os nossos corpos e as nossas terras. Não deixe a gente morrer. Compre a nós e as nossas terras em troca de alimentos. Seremos escravos do rei, e ele será dono das nossas terras. Dê-nos mantimento para que possamos viver e também sementes para plantarmos, e assim a terra não se tornará um deserto.
20 Yoosefis lafa biyya Gibxi hundumaa Faraʼooniif bite. Warri Gibxi hundi waan beelli isaanitti cimeef lafa isaanii gurguran; laftis kan Faraʼoon taʼe;
20 Então José comprou todas as terras do Egito para o rei. Todos os egípcios tiveram de vender as suas terras, pois a fome era terrível. Assim, a terra ficou sendo do rei,
21 Yoosefis daangaa biyya Gibxi tokko irraa hamma daangaa kaaniitti saba garbummaa jala galche.
21 e José fez dos egípcios escravos no país inteiro.
22 Lafti inni hin bitin lafa lubootaa qofa ture; kunis sababii isaan Faraʼoon irraa qooda argatanii fi sababii qooda Faraʼoon isaaniif kennu sanaan jiraataniif. Kanaafuu isaan lafa isaanii hin gurgurre.
22 José só não comprou as terras dos sacerdotes. Eles não tiveram de vendê-las, pois o rei lhes dava certa quantidade de alimentos; e assim eles tinham o que comer.
23 Yoosefis saba sanaan akkana jedhe; “Kunoo ani harʼa isinii fi lafa keessan Faraʼooniif biteera. Kunoo lafatti sanyii facaafadhaa.
23 Então José disse ao povo: — Agora vocês e as suas terras são do rei, pois eu os comprei para ele. Peguem aqui sementes para semearem nos campos.
24 Yommuu midhaan galfamutti harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif ni kennitu. Harka afran hafe immoo sanyii facaafattan, nyaata ofii keessanii, nyaata warra mana keessan jiraataniitii fi nyaata ijoollee keessanii godhattu.”
24 Do que colherem, deem a quinta parte ao rei; usem as outras quatro partes para semear e para alimentar vocês, os seus filhos e as pessoas que moram com vocês.
25 Jarris, “Ati duʼa nu oolchiteerta; nu fuula gooftaa keenyaa duratti fudhatama haa argannuu malee Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan.
25 Eles responderam: — O senhor salvou a nossa vida e tem sido bom para nós. Seremos escravos do rei.
26 Yoosefis akkasiin akka harka shan keessaa harki tokko kan Faraʼoon taʼuuf Gibxi keessatti seera lafaa dhaabe; seerri sun hamma harʼaatti illee ittiin hojjetamaa jira. Lafa lubootaa qofattu utuu kan Faraʼoon hin taʼin hafe.
26 Assim, José fez uma lei que existe até hoje . A lei é a seguinte: em todo o Egito a quinta parte das colheitas pertence ao rei. Só as terras dos sacerdotes não ficaram para o rei.
27 Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan.
27 Os israelitas ficaram vivendo no Egito, na região de Gosém, onde compraram terras e tiveram muitos filhos.
28 Yaaqoob waggaa kudha torba biyya Gibxi keessa jiraate; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo afurtamii torba ture.
28 Jacó viveu dezessete anos no Egito, chegando à idade de cento e quarenta e sete anos.
29 Israaʼelis yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Yoosefin ofitti waamee akkana jedheen; “Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhe, mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼiitii akka gaarummaa na argisiiftuu fi akka naaf amanamtu waadaa naaf seeni. Gibxitti na hin awwaalin;
29 Quando sentiu que ia morrer, Jacó mandou chamar o seu filho José e disse: — Se lhe posso pedir um favor, ponha a mão por baixo da minha coxa e jure que será fiel e honesto comigo nisto que vou pedir: não me sepulte no Egito.
30 yeroo ani abbootii koo wajjin boqodhutti biyya Gibxii na baasii iddoo isaan itti awwaalamanitti na awwaali.”
30 Quando eu morrer, tire o meu corpo do Egito e me coloque na sepultura dos meus antepassados, a fim de que eu descanse com eles. José respondeu: — Eu farei o que o senhor está pedindo.
31 Israaʼelis, “Naa kakadhu” jedheen. Yoosefis ni kakateef. Israaʼel immoo mataa ulee isaatti irkatee sagade.
31 — Então jure — disse Jacó. José jurou, e aí Jacó se inclinou sobre a cabeceira da cama e orou.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 47, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.