Gênesis 42

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Yaaqoob yommuu akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼetti, ilmaan isaatiin, “Isin maaliif wal ilaaltu?” jedhe.
1 Quando Jacó soube que no Egito havia trigo, disse a seus filhos: "Por que estão aí olhando uns para os outros? "
2 Itti fufees, “Kunoo ani akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼeera. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf gad buʼaatii achii midhaan nuu bitaa” jedhe.
2 Disse ainda: "Ouvi dizer que há trigo no Egito. Desçam até lá e comprem trigo para nós, para que possamos continuar vivos e não morramos de fome".
3 Obboloota Yoosef keessaa kudhan Gibxi keessaa midhaan bituuf gad buʼan.
3 Assim dez dos irmãos de José desceram ao Egito para comprar trigo.
4 Yaaqoob garuu balaatu isa irra gaʼa jedhee waan sodaateef obboleessa Yoosef Beniyaamin isaan wajjin hin ergine.
4 Jacó não deixou que Benjamim, irmão de José, fosse com eles, temendo que algum mal lhe acontecesse.
5 Beelli biyya Kanaʼaan keessa waan tureef ilmaan Israaʼelis warra midhaan bitachuu dhaqan wajjin deeman.
5 Os filhos de Israel estavam entre outros que também foram comprar trigo, por causa da fome na terra de Canaã.
6 Yoosefis bulchaa biyyattii kan uummata biyyattii hundatti midhaan gurguru ture. Obboloonni Yoosefis yommuu achi gaʼanitti fuula isaaniitiin lafatti gombifamanii sagadaniif.
6 José era o governador do Egito e era ele que vendia trigo a todo o povo da terra. Por isso, quando os irmãos de José chegaram, curvaram-se diante dele, rosto em terra.
7 Yoosef akkuma obboloota isaa argeen isaan beeke; garuu akkuma nama isaan hin beekneetti afaan hamaa isaanitti dubbatee, “Isin eessaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate.
7 José reconheceu os seus irmãos logo que os viu, mas agiu como se não os conhecesse, e lhes falou asperamente: "De onde vocês vêm? " Responderam eles: "Da terra de Canaã, para comprar comida".
8 Yoo Yoosef obboloota isaa beeke iyyuu jarri isa hin beekne.
8 José reconheceu os seus irmãos, mas eles não o reconheceram.
9 Innis abjuu waaʼee isaanii abjoote sana yaadatee, “Isin basaastota dadhabbii biyyattii basaasuuf dhuftanii dha!” jedheen.
9 Lembrou-se então dos sonhos que tivera a respeito deles e lhes disse: "Vocês são espiões! Vieram para ver onde a nossa terra está desprotegida".
10 Isaan immoo akkana jedhanii deebisan; “Yaa gooftaa akkas miti; nu garboonni kee midhaan bitachuu dhufne.
10 Eles responderam: "Não, meu senhor. Teus servos vieram comprar comida.
11 Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.”
11 Todos nós somos filhos do mesmo pai. Teus servos são homens honestos, e não espiões".
12 Innis, “Akkas miti; isin dadhabbii biyyattii basaasuu dhuftan” jedheen.
12 Mas José insistiu: "Não! Vocês vieram ver onde a nossa terra está desprotegida".
13 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu garboonni kee obboloota kudha lama, ilmaanuma abbaa tokkoo kan biyya Kanaʼaan jiraatuu ti. Kunoo quxisuun hunda keenyaa amma abbaa keenya bira jira; inni tokko garuu hin jiru.”
13 E eles disseram: "Teus servos eram doze irmãos, todos filhos do mesmo pai, na terra de Canaã. O caçula está agora em casa com o pai, e o outro já morreu".
14 Yoosef garuu akkana jedheen; “Akkuma ani isiniin jedhe sana isin basaastota!
14 José tornou a afirmar: "É como lhes falei: Vocês são espiões!
15 Akki isin ittiin qoramtan kana; ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; yoo obboleessi keessan quxisuun sun as dhufe malee isin asii hin sochootan.
15 Vocês serão postos à prova: Juro pela vida do faraó que vocês não sairão daqui, enquanto o seu irmão caçula não vier para cá.
16 Akka inni dhaqee obboleessa keessan fiduuf of keessaa nama tokko ergaa; isin warri haftan immoo mana hidhaatti galfamtu; akkasiinis dubbiin keessan qoratamee akka dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ni ilaalama; yoo kanaa achii, ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; isin dhugumaan basaastota!”
16 Mandem algum de vocês buscar o seu irmão enquanto os demais aguardam presos. Assim ficará provado se as suas palavras são verdadeiras ou não. Se não forem, juro pela vida do faraó que ficará confirmado que vocês são espiões! "
17 Innis hunda isaanii guyyaa sadii mana hidhaa keessa turse.
17 E os deixou presos três dias.
18 Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii.
18 No terceiro dia, José lhes disse: "Eu tenho temor de Deus. Se querem salvar suas vidas, façam o seguinte:
19 Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa.
19 Se vocês são homens honestos, deixem um dos seus irmãos aqui na prisão, enquanto os demais voltam, levando trigo para matar a fome das suas famílias.
20 Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan.
20 Tragam-me, porém, o seu irmão caçula, para que se comprovem as suas palavras e vocês não tenham que morrer".
21 Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu dhugumaan sababii obboleessa keenyaatiif adabamaa jirra. Yeroo inni nu kadhatetti lubbuun isaa hammam akka dhiphachaa turte argineerra; nu garuu isa dhagaʼuu didne; dhiphinni kun kanaaf nutti dhufe.”
21 Eles se prontificaram a fazer isso e disseram uns aos outros: "Certamente estamos sendo punidos pelo que fizemos a nosso irmão. Vimos como ele estava angustiado, quando nos implorava por sua vida, mas não lhe demos ouvidos; por isso nos sobreveio esta angústia".
22 Ruubeen immoo, “Ani, ‘Gurbaa kana hin miidhinaa’ jedhee isinitti hin himnee? Isin garuu na dhagaʼuu diddan! Kunoo nu dhiiga isaatti ni gaafatamna” jedhe.
22 Rúben respondeu: "Eu não lhes disse que não maltratassem o menino? Mas vocês não quiseram me ouvir! Agora teremos que prestar contas do seu sangue".
23 Sababii Yoosef karaa nama afaan hiikuutiin isaanitti dubbachaa tureef isaan akka inni waan isaan dubbatan hubatu hin beekne.
23 Eles, porém, não sabiam que José podia compreendê-los, pois ele lhes falava por meio de um intérprete.
24 Yoosef achi isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe; ergasii immoo isaanitti garagalee isaanitti dubbate. Simiʼooninis isaan keessaa baasisee fuuluma isaanii duratti hiisise.
24 Nisso José retirou-se e começou a chorar, mas logo depois voltou e conversou de novo com eles. Então escolheu Simeão e mandou acorrentá-lo diante deles.
25 Yoosef akka qalqalloo isaaniitti midhaan guutaniif, akka meetii tokkoo tokkoo isaanii deebisanii qalqalloo isaanii keessa isaaniif kaaʼanii fi akka karaa isaaniitiif galaa isaaniif kennan ajaje. Erga wanni kun isaaniif godhamee booddee
25 Em seguida, José deu ordem para que enchessem de trigo suas bagagens, devolvessem a prata de cada um deles, colocando-a nas bagagens, e lhes dessem mantimentos para a viagem. E assim foi feito.
26 jarri midhaan isaanii harroota isaaniitti feʼatanii qajeelan.
26 Eles puseram a carga de trigo sobre os seus jumentos e partiram.
27 Isaan keessaa inni tokko iddoo bulanitti harree isaatiif nyaata kennuuf jedhee qalqalloo isaa bane; kunoo afaan qalqalloo keessattis meetii isaa argate.
27 No lugar onde pararam para pernoitar, um deles abriu a bagagem para pegar forragem para o seu jumento e viu a prata na boca da bagagem.
28 Innis obboloota isaatiin, “Meetiin koo naa deebiʼeera; kunoo qalqalloo koo keessa jira” jedhe.
28 E disse a seus irmãos: "Devolveram a minha prata. Está aqui em minha bagagem". Seus corações se encheram de pavor e, tremendo, disseram uns aos outros: "Que é isto que Deus fez conosco? "
29 Isaanis gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhufanii waan isaan irra gaʼe hunda isatti himan; akkanas jedhan;
29 Ao chegarem à casa de seu pai Jacó, na terra de Canaã, relataram-lhe tudo o que lhes acontecera, dizendo:
30 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe afaan hamaa nutti dubbatee akka waan nu biyyattii basaasuu dhaqneetti nu lakkaaʼe.
30 "O homem que governa aquele país falou asperamente conosco e nos tratou como espiões da terra.
31 Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti.
31 Mas nós lhe asseguramos que somos homens honestos e não espiões.
32 Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’
32 Dissemos também que éramos doze irmãos, filhos do mesmo pai, e que um já havia morrido e que o caçula estava com o nosso pai, em Canaã.
33 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa.
33 "Então o homem que governa aquele país nos disse: ‘Vejamos se vocês são honestos: um dos seus irmãos ficará aqui comigo, e os outros poderão voltar e levar mantimentos para matar a fome das suas famílias.
34 Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’ ”
34 Tragam-me, porém, o seu irmão caçula, para que eu comprove que vocês não são espiões, mas sim, homens honestos. Então lhes devolverei o irmão e os autorizarei a fazer negócios nesta terra’ ".
35 Yommuu isaan qalqalloo isaanii keessaa midhaan garagalchanitti, kunoo meetiin tokkoo tokkoo isaanii hidhaa hidhaan qalqalloo isaanii keessa ture. Isaanii fi abbaan isaanii yeroo meetii hidhame sana arganitti ni rifatan.
35 Ao esvaziarem as bagagens, dentro da bagagem de cada um estava a sua bolsa cheia de prata. Quando eles e seu pai viram as bolsas cheias de prata, ficaram com medo.
36 Abbaan isaanii Yaaqoobis, “Isin ijoollee koo na dhabsiiftan. Yoosef hin jiru; Simiʼoonis hin jiru. Amma immoo Beniyaamin fudhachuu barbaaddu. Wanni hundi natti hammaateera!” jedheen.
36 E disse-lhes seu pai Jacó: "Vocês estão tirando meus filhos de mim! Já fiquei sem José, agora sem Simeão e ainda querem levar Benjamim. Tudo está contra mim! "
37 Ruubeen immoo abbaa isaatiin, “Yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe ilmaan koo lamaan ajjeesuu ni dandeessa; isa imaanaa natti kenni; ani deebisee isa nan fida” jedhe.
37 Então Rúben disse ao pai: "Podes matar meus dois filhos se eu não o trouxer de volta. Deixa-o aos meus cuidados, e eu o trarei".
38 Yaaqoob garuu akkana jedhe; “Ilmi koo isin wajjin achi gad hin buʼu; obboleessi isaa duʼeera; isa qofatu hafe. Yoo karaa keessan irratti balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.”
38 Mas o pai respondeu: "Meu filho não descerá com vocês; seu irmão está morto, e ele é o único que resta. Se qualquer mal lhe acontecer na viagem que estão por fazer, vocês farão estes meus cabelos brancos descerem à sepultura com tristeza".

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 42, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.