Gênesis 35
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Waaqni Yaaqoobiin, “Kaʼiitii Beetʼeelitti ol baʼii achi jiraadhu; achittis Waaqa yeroo ati obboleessa kee Esaawun baqatetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa tolchi” jedhe.
1 Disse Deus a Jacó: Levanta-te, sobe a Betel e habita ali; faze ali um altar ao Deus que te apareceu quando fugias da presença de Esaú, teu irmão.
2 Yaaqoob warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; “Waaqota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa.
2 Então, disse Jacó à sua família e a todos os que com ele estavam: Lançai fora os deuses estranhos que há no vosso meio, purificai-vos e mudai as vossas vestes;
3 Kottaa kaanee Beetʼeelitti ol baanaa; anis achitti Waaqa gaafa rakkina kootii deebii naa kenne isa iddoo ani dhaqe hundumatti na wajjin ture sanaaf iddoo aarsaa nan tolcha.”
3 levantemo-nos e subamos a Betel. Farei ali um altar ao Deus que me respondeu no dia da minha angústia e me acompanhou no caminho por onde andei.
4 Isaanis waaqota ormaa kanneen isaan of biraa qaban hundaa fi lootii gurra isaanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobis fuudhee qilxuu Sheekemii jalatti awwaale.
4 Então, deram a Jacó todos os deuses estrangeiros que tinham em mãos e as argolas que lhes pendiam das orelhas; e Jacó os escondeu debaixo do carvalho que está junto a Siquém.
5 Isaanis kaʼanii qajeelan; akka namni tokko iyyuu isaan duukaa hin buuneef naasisuun Waaqaa magaalaawwan naannoo isaanii jiran irra buʼe.
5 E, tendo eles partido, o terror de Deus invadiu as cidades que lhes eram circunvizinhas, e não perseguiram aos filhos de Jacó.
6 Yaaqoobii fi namoonni isa wajjin turan hundi gara Luuzi kan Beetʼeel jedhamtuu ishee biyya Kanaʼaan keessatti argamtu sanaa dhufan.
6 Assim, chegou Jacó a Luz, chamada Betel, que está na terra de Canaã, ele e todo o povo que com ele estava.
7 Innis achitti iddoo aarsaa tolchee sababii yeroo inni obboleessa isaa jalaa baqachaa turetti Waaqni achitti isatti of mulʼiseef iddoo sana El Beetʼeel jedhee waame.
7 E edificou ali um altar e ao lugar chamou El-Betel; porque ali Deus se lhe revelou quando fugia da presença de seu irmão.
8 Debooraan guddiftuun Ribqaa duutee Beetʼeelii gaditti qilxuu jalatti awwaalamte. Maqaan isaas Aloonbaakut jedhame.
8 Morreu Débora, a ama de Rebeca, e foi sepultada ao pé de Betel, debaixo do carvalho que se chama Alom-Bacute.
9 Erga Yaaqoob kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee Waaqni ammas isatti mulʼatee isa eebbise.
9 Vindo Jacó de Padã-Arã, outra vez lhe apareceu Deus e o abençoou.
10 Waaqni, “Maqaan kee Yaaqoob; siʼachi garuu ati Yaaqoob hin jedhamtu; maqaan kee Israaʼel jedhama” jedheen. Maqaan isaas Israaʼel jedhame.
10 Disse-lhe Deus: O teu nome é Jacó. Já não te chamarás Jacó, porém Israel será o teu nome. E lhe chamou Israel.
11 Waaqni akkana isaan jedhe; “Ani Waaqa Waan Hunda Dandaʼu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu.
11 Disse-lhe mais: Eu sou o Deus Todo-Poderoso; sê fecundo e multiplica-te; uma nação e multidão de nações sairão de ti, e reis procederão de ti.
12 Ani biyya Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne siifis nan kenna; ani biyya kana sanyii kee warra si booddeetiifis nan kenna.”
12 A terra que dei a Abraão e a Isaque dar-te-ei a ti e, depois de ti, à tua descendência.
13 Waaqnis iddoo itti isa wajjin haasaʼaa ture sanatti isa dhiisee ol baʼe.
13 E Deus se retirou dele, elevando-se do lugar onde lhe falara.
14 Yaaqoob iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana utubaa dhagaa tokko dhaabee kennaa dhugaatii irratti dhangalaase; zayitiis irratti dhangalaase.
14 Então, Jacó erigiu uma coluna de pedra no lugar onde Deus falara com ele; e derramou sobre ela uma libação e lhe deitou óleo.
15 Yaaqoobis iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana Beetʼeel jedhee moggaase.
15 Ao lugar onde Deus lhe falara, Jacó lhe chamou Betel.
16 Isaanis Beetʼeelii kaʼanii adeemsa isaanii itti fufan. Akkuma isaan Efraataatti dhiʼaataniinis Raahel ciniinsuun qabamtee akka malee muddamte.
16 Partiram de Betel, e, havendo ainda pequena distância para chegar a Efrata, deu à luz Raquel um filho, cujo nascimento lhe foi a ela penoso.
17 Utuu isheen daʼuuf ciniinsuu jabaa keessa jirtuus deessiftuun, “Ati waan ilma biraa deessuuf hin sodaatin” jetteen.
17 Em meio às dores do parto, disse-lhe a parteira: Não temas, pois ainda terás este filho.
18 Raahel garuu waan duʼuu geesseef utuma lubbuun ishee baʼaa jirtuu Ben-Oonii jettee ilma ishee moggaafte. Abbaan isaa garuu Beniyaam jedhee isa moggaase.
18 Ao sair-lhe a alma (porque morreu), deu-lhe o nome de Benoni; mas seu pai lhe chamou Benjamim.
19 Akkasiin Raahel duutee karaa Efraataatti geessu irratti awwaalamte; Efraataan kun immoo Beetlihem.
19 Assim, morreu Raquel e foi sepultada no caminho de Efrata, que é Belém.
20 Yaaqoobis awwaala ishee irra soodduu dhaabe; soodduun sunis hamma harʼaattuu awwaala Raahel argisiisa.
20 Sobre a sepultura de Raquel levantou Jacó uma coluna que existe até ao dia de hoje.
21 Israaʼel ammas achii kaʼee Migdaal Eederiin gamatti dunkaana isaa dhaabbate.
21 Então, partiu Israel e armou a sua tenda além da torre de Éder.
22 Utuu Israaʼel biyya sana jiraatuu Ruubeen ol seenee saajjatoo abbaa isaa Bilihaa wajjin ciise; Israaʼelis waan kana dhagaʼe.
22 E aconteceu que, habitando Israel naquela terra, foi Rúben e se deitou com Bila, concubina de seu pai; e Israel o soube. Eram doze os filhos de Israel.
23 Ilmaan Liyaa:
23 Rúben, o primogênito de Jacó, Simeão, Levi, Judá, Issacar e Zebulom, filhos de Lia;
24 Ilmaan Raahel:
24 José e Benjamim, filhos de Raquel;
25 Ilmaan Bilihaa jechuunis xomboree Raahel:
25 Dã e Naftali, filhos de Bila, serva de Raquel;
26 Ilmaan Zilfaa jechuunis xomboree Liyaa:
26 e Gade e Aser, filhos de Zilpa, serva de Lia. São estes os filhos de Jacó, que lhe nasceram em Padã-Arã.
27 Yaaqoobis gara abbaa isaa, gara Yisihaaq, gara magaalaa Mamree ishee Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtuu, iddoo Abrahaamii fi Yisihaaq alagoota taʼanii jiraachaa turan sanaa dhufe.
27 Veio Jacó a Isaque, seu pai, a Manre, a Quiriate-Arba (que é Hebrom), onde peregrinaram Abraão e Isaque.
28 Yisihaaq waggaa dhibba tokkoo fi saddeettama jiraate.
28 Foram os dias de Isaque cento e oitenta anos.
29 Innis umurii quufee, dulloomee hafuura isaa kan dhumaa baafatee duʼe; gara saba isaattis dabalame. Ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan.
29 Velho e farto de dias, expirou Isaque e morreu, sendo recolhido ao seu povo; e Esaú e Jacó, seus filhos, o sepultaram.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 35, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.