Gênesis 31
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe.
1 Jacó ouviu as palavras dos filhos de Labão, que diziam: "Jacó tomou tudo o que é de nosso pai, e é às suas custas que ele se tornou de tal forma rico."
2 Yaaqoobis fuula Laabaa ilaale; kunoo fuulli isaa akka duraatti isatti hin tolle.
2 Observou também, pela fisionomia de Labão, que este não tinha mais para com ele os sentimentos de antes.
3 Waaqayyos Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe.
3 O Senhor disse a Jacó: "Volta para a terra dos teus pais, para a tua parentela, e eu estarei contigo."
4 Kanaafuu Yaaqoob akka isaan bakkeetti lafa bushaayeen isaa jiranitti gad baʼaniif gara Raahelii fi Liyaatti ergaa erge.
4 Então Jacó mandou Raquel e Lia vir ao campo junto dos seus rebanhos:
5 Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani akka abbaan keessan akka kanaan duraa sana fuula natti hin tolle hubadheera; garuu Waaqni abbaa kootii na wajjin jira.
5 "Vejo, disse-lhes ele, pelo semblante de vosso pai, que ele não é mais para comigo o mesmo que antes. Mas o Deus de meu pai está comigo.
6 Akka ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif hojjedhe isinuu beektu;
6 Sabeis que servi a vosso pai o melhor que pude,
7 taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef.
7 enquanto ele zombou de mim, mudando dez vezes o meu salário; mas Deus não lhe permitiu causar-me prejuízo.
8 Yeroo inni, ‘Bushaayeen cocorreen mindaa kee taʼu’ jedhetti, bushaayeen hundi ilmaan cocorree dhalan; yeroo inni, ‘warri halluu qaxxaamuroo qaban mindaa kee taʼu’ jedhetti immoo bushaayeen hundi ilmaan qaxxaamuroo qaban dhalan.
8 Quando ele dizia: os animais malhados serão o teu salário, todas as ovelhas davam à luz cordeiros malhados, e se dizia: os animais riscados serão o teu salário, todas as ovelhas davam à luz cordeiros riscados.
9 Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne.
9 Foi Deus mesmo que tomou o rebanho de vosso pai para me dar.
10 “Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge.
10 No tempo em que os animais deviam conceber, eu levantava os olhos e via em sonhos que os bodes que cobriam as cabras eram listados, malhados e manchados.
11 Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
11 Um anjo de Deus disse-me em sonhos: Jacó! Eis-me aqui, respondi.
12 Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii.
12 Levanta os olhos e vê: todos os bodes que cobrem as cabras são listados, malhados e manchados, porque eu vi tudo o que te fez Labão.
13 Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’ ”
13 Eu sou o Deus de Betel, onde tu me consagraste uma estela e me fizeste um voto. Agora, vamos, sai daqui e volta para a terra de tua família."
14 Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa?
14 Raquel e Lia responderam: "Resta-nos porventura ainda alguma parte de herança na casa de nosso pai?
15 Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera.
15 Não nos tratou ele como estrangeiras, vendendo-nos e devorando o nosso dinheiro?
16 Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.”
16 Toda a riqueza, que Deus tomou de nosso pai, é para nós e para nossos filhos. Faze, pois, o que Deus te disse."
17 Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate;
17 Levantou-se, pois, Jacó, e fez montar seus filhos e suas mulheres nos camelos.
18 horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe.
18 Levou consigo todos os seus rebanhos, todos os bens que tinha ajuntado, o rebanho que lhe pertencia, adquirido em Padã-Arã, e partiu para junto de seu pai Isaac, na terra de Canaã.
19 Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa murmuruu dhaqe; Raahel immoo waaqota abbaa ishee hatte.
19 Raquel, aproveitando um momento em que seu pai fora tosquiar suas ovelhas, roubou os terafim de seu pai;
20 Yaaqoobis akka isa dhiisee baqachuu yaade isa dhoksuudhaan Laabaan namicha Arraam sana gowwoomse.
20 e Jacó enganou Labão, o arameu, ocultando-lhe sua fuga.
21 Innis waan qabu hunda fudhatee baqate; laga Efraaxiis ceʼee biyya gaara Giliʼaaditti qajeele.
21 Fugindo, pois, com tudo o que era seu, atravessou o rio e dirigiu-se para a montanha de Galaad.
22 Akka Yaaqoob baqate guyyaa sadaffaatti Laabaatti himame.
22 Três dias depois, soube Labão da fuga de Jacó.
23 Laabaanis firoota isaa fudhatee guyyaa torba Yaaqoob duukaa buʼee biyya gaara Giliʼaaditti isa qaqqabe.
23 E, tomando consigo seus irmãos, perseguiu-o durante sete dias de marcha, e alcançou-o na montanha de Galaad.
24 Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe.
24 Deus, porém, apareceu num sonho noturno a Labão, o arameu, e disse-lhe: "Guarda-te de dizer algo a Jacó."
25 Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan.
25 Labão alcançou, pois, Jacó. Este havia levantado sua tenda na montanha, enquanto Labão e seus irmãos tinham plantado a sua na montanha de Galaad.
26 Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti?
26 Labão disse a Jacó: "Que fizeste? Tu me enganaste, e conduziste minhas filhas como prisioneiras de guerra!
27 Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde?
27 Por que fugiste dessa forma, e me lograste em lugar de me avisar? Eu te teria despedido com manifestações de júbilo e com cânticos, ao som do tamborim e da harpa.
28 Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete.
28 Não me deixaste beijar meus filhos e minhas filhas! Procedeste como um insensato.
29 Ani isin miidhuuf humna qaba; garuu eda Waaqni abbaa keessanii, ‘Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko illee Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu’ naan jedhe.
29 Eu poderia agora fazer-vos mal, mas o Deus de teu pai disse-me na última noite: Guarda-te de dizer algo a Jacó.
30 Ati sababii mana abbaa keetiitti deebiʼuu akka malee hawwiteef deemteerta; garuu maaliif waaqota koo hatte?”
30 E, se partiste somente porque tinhas saudade da casa paterna, então por que roubaste os meus deuses?"
31 Yaaqoobis akkana jedhee Laabaaf deebii kenne; “Ati intallan kee humnaan narraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef nan deeme.
31 Jacó respondeu-lhe: "Tive medo, ao pensar que poderias tirar-me tuas filhas;
32 Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture.
32 quanto aos teus deuses, porém, seja morto aquele que os tiver consigo! Examina o que está comigo, em presença de nossos parentes, e retoma o que é teu." Ora, Jacó ignorava o roubo de Raquel.
33 Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaatii fi dunkaana xomboreewwan lamaanii seenee homaa dhabe. Erga dunkaana Liyaatii baʼee booddees dunkaana Raahel seene.
33 Labão entrou na tenda de Jacó, na de Lia e na das duas escravas, mas nada encontrou. Saindo da tenda de Lia, entrou na de Raquel.
34 Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne.
34 Esta havia tomado os terafim e, colocando-os na sela do camelo, sentou-se em cima. Labão revistou toda a tenda, sem nada encontrar.
35 Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne.
35 Raquel disse ao seu pai: "Não se irrite o meu senhor, se não posso levantar-me em sua presença, pois acho-me agora com a indisposição que costuma vir às mulheres." Revistou, pois, mas não encontrou os terafim.
36 Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti?
36 Jacó encolerizou-se então contra Labão, e acabrunhou-o de censuras: "Qual é o meu crime?, disse-lhe ele. Qual é o meu pecado, para que te irrites desse modo contra mim?
37 Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan.
37 Revistaste todas as minhas bagagens: que encontraste do que é teu? Mostra-me aqui em presença de meus parentes e dos teus, e sejam eles juízes entre nós dois.
38 “Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne.
38 Há vinte anos que estou em tua casa: tuas ovelhas e tuas cabras não abortaram, não comi os carneiros do teu rebanho.
39 Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte.
39 Nunca te trouxe os animais estraçalhados pelas feras. Eu os repunha, pois tu o exigias, quer fossem roubados de dia, quer de noite.
40 Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade.
40 Eu era queimado de dia pelo calor, e de noite pelo frio, e o sono fugia dos meus olhos.
41 Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte.
41 Eis já vinte anos que estou em tua casa; servi-te catorze anos por tuas duas filhas, seis anos pelos teus rebanhos, e dez vezes modificaste o meu salário.
42 Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.”
42 Se o Deus de meu pai, o Deus de Abraão, o Deus terrível de Isaac não se tivesse posto de meu lado, tu me terias hoje despedido com as mãos vazias. Deus viu minhas penas e meus trabalhos, e na última noite ele pronunciou-se.
43 Laabaan akkana jedhee Yaaqoobiif deebise; “Dubartoonni kunneen intallan koo ti; ijoolleen kunneenis ijoolluma koo ti; bushaayeen kunneenis bushaayee koo ti. Wanni ati argitu hundi kanuma koo ti. Yoos ani waaʼee intallan koo kanneeniitii fi waaʼee ijoollee isaan daʼanii harʼa maal gochuun dandaʼa?
43 Labão respondeu a Jacó: "Estas filhas são minhas filhas, estes filhos, meus filhos, e estes rebanhos, meus rebanhos: tudo o que vês é meu. Que farei eu agora contra minhas filhas, ou contra os filhos que elas deram ao mundo?
44 Kottu mee anii fi ati amma walii kakannaa; kakuun kunis anaa fi si gidduutti ragaa haa taʼu.”
44 Vamos, façamos juntos um pacto que nos sirva de testemunho a nós dois."
45 Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee akka utubaatti dhaabe.
45 Jacó tomou uma pedra e erigiu-a em estela,
46 Innis firoota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii tuulan; jarris tuullaa sana biratti nyaata nyaatan.
46 e disse aos seus parentes: "Trazei pedras." E, tendo juntado muitas, fizeram um monte, sobre o qual comeram.
47 Laabaan tuullaa sanaan “Yigaarsahaadutaa” jedhee moggaase; Yaaqoob immoo “Giliʼaad” jedheen.
47 Labão chamou-o Yegar-Saaduta, e Jacó, Galaad.
48 Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf.
48 Labão disse: "Este monte é hoje testemunha entre mim e ti",e por isso deu-se-lhe o nome de Galaad,
49 Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti Waaqayyo sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu.
49 e também Mitspa, porque Labão disse ainda: "Que o Senhor nos vigie a nós ambos, quando nós nos tivermos despedido um do outro.
50 Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.”
50 Se maltratares minhas filhas, e se tomares outras mulheres além delas, não é um homem que estará conosco. Mas toma cuidado, pois é Deus que será testemunha entre nós."
51 Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali.
51 Labão disse ainda a Jacó: "Vês este monte de pedras e esta estela que levantei entre mim e ti.
52 Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha.
52 Este monte é testemunho, e igualmente esta estela, de que eu não ultrapassarei este monte para o teu lado, e que tu não ultrapassarás este monte e esta estela para o meu lado para nos fazer mal.
53 Waaqni Abrahaam, Waaqni Naahoor, Waaqni abbootii isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.”
53 O Deus de Abraão, o Deus de Nacor, o Deus de seus pais seja juiz entre nós!" E Jacó jurou pelo Deus terrível de Isaac.
54 Innis biyya gaaraa sanatti aarsaa dhiʼeessee firoota isaa nyaatatti waame. Isaanis erga nyaatanii booddee achuma bulan.
54 Ofereceu um sacrifício sobre a montanha e convidou seus parentes para comer. Comeram e passaram a noite na montanha.
55 Laabaanis guyyaa itti aanu ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee isaatii fi intallan isaa dhungatee isaan eebbise. Ergasiis achii kaʼee gara iddoo isaatti deebiʼe.
55 No dia seguinte pela manhã, Labão beijou seus filhos e suas filhas; abençoou-os e retomou o caminho de sua casa.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 31, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.