Gênesis 29

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe.
1 Jacó pôs-se de novo a caminho e foi para a terra dos filhos do oriente.
2 Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture.
2 Olhando em torno de si, viu no campo um poço junto do qual estavam deitados três rebanhos de ovelhas. Este poço servia de bebedouro para os rebanhos. Mas, sendo grande a pedra que cobria a abertura do poço
3 Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan.
3 somente a removiam de cima quando todos os rebanhos fossem recolhidos. Davam então de beber aos animais e recolocavam a pedra no seu lugar.
4 Yaaqoobis tiksoota sanaan, “Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?” jedhee gaafate.
4 Jacó disse aos pastores: "Meus irmãos, de, onde sois?" "Somos de Harã", responderam.
5 Innis, “Laabaa ilma Naahoor beektuu?” jedheen.
5 "Conheceis porventura Labão, filho de Nacor?" "Sim."
6 Yaaqoob immoo, “Inni fayyumaa?” jedhee isaan gaafate.
6 "Como vai ele?" "Vai muito bem; e eis justamente sua filha Raquel que vem com o rebanho."
7 Innis, “Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” jedheen.
7 "É ainda pleno dia, tornou Jacó, e não é hora de se recolherem os rebanhos. Dai de beber às ovelhas e levai-as de novo ao pasto."
8 Isaanis, “Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna” jedhanii deebisan.
8 "Não o podemos, responderam eles, antes que todos os rebanhos estejam reunidos. Tiramos então a pedra de cima do poço e damos de beber aos animais."
9 Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte.
9 Falava ainda com eles, quando chegou Raquel com o rebanho do seu pai, porque era pastora.
10 Yaaqoob yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase.
10 Logo que Jacó viu Raquel, filha de Labão, irmão de sua mãe, aproximou-se, rolou a pedra de cima da boca do poço e deu de beber às ovelhas de Labão.
11 Yaaqoobis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe.
11 Depois beijou Raquel e pôs-se a chorar.
12 Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte.
12 Contou-lhe que era parente de seu pai e filho de Rebeca; e ela correu a anunciar isto ao seu pai.
13 Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaqoob dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaqoobis waan kana hunda Laabaatti hime.
13 Tendo Labão ouvido falar de Jacó, filho de sua irmã, correu-lhe ao encontro, abraçou-o, beijou-o e o conduziu à sua casa. Jacó contou-lhe tudo o que se tinha passado,
14 Laabaan immoo, “Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti” jedheen.
14 e Labão disse-lhe: "Sim, tu és de meus ossos e de minha carne." Jacó ficou em casa dele um mês inteiro.
15 Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.”
15 E Labão disse-lhe: "Acaso, porque és meu parente, servir-me-ás de. raça? Dize-me que salário queres."
16 Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture.
16 Ora, Labão tinha duas filhas: a mais velha chamava-se Lia, e a mais nova Raquel.
17 Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte.
17 Lia tinha os olhos embaciados, e Raquel era bela de talhe e rosto.
18 Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen.
18 Jacó, que amava Raquel, disse a Labão: "Eu te servirei sete anos por Raquel tua filha mais nova."
19 Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe.
19 "E melhor, respondeu Labão, dá-la a ti que a outro: fica comigo."
20 Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
20 Assim, Jacó serviu por Raquel sete anos, que lhe pareceram dias, tão grande era o amor que lhe tinha.
21 Yaaqoobis Laabaadhaan, “Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni” jedhe.
21 Disse, pois, a Labão: "Dá-me minha mulher, porque está completo o meu tempo e quero desposá-la."
22 Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse.
22 Labão reuniu. todos os habitantes do lugar e deu um banquete.
23 Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaqoobiif kenne; Yaaqoobis ishee bira gaʼe.
23 Mas, à noite, conduziu, Lia a Jacó, que se uniu com ela.
24 Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne.
24 E deu à sua filha Lia, sua escrava Zelfa.
25 Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaqoobis Laabaadhaan, “Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?” jedhe.
25 Pela manhã, viu Jacó que tinha ficado com Lia. E disse a Labão: "Que me fizeste? Não foi por Raquel que te servi? Por que me enganaste?"
26 Laabaanis akkana jedhee deebise; “Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti.
26 "Aqui, respondeu Labão, não é costume casar a mais nova antes da mais velha.
27 Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina.”
27 Acaba a semana com esta, e depois te darei também sua irmã, na condição que me sirvas ainda sete anos."
28 Yaaqoobis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise.
28 Assim fez Jacó: acabou a semana com Lia, e depois lhe deu Labão por mulher sua filha Raquel,
29 Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne.
29 dando por serva a Raquel sua escrava Bala.
30 Yaaqoobis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete.
30 Jacó uniu-se também a Raquel, a quem amou mais do que a Lia. E serviu ainda por sete anos em casa de Labão.
31 Waaqayyo yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte.
31 O Senhor, vendo que Lia era desprezada, tornou-a fecunda enquanto Raquel permanecia estéril.
32 Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, “Waaqayyo dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata” jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte.
32 Lia concebeu e deu à luz um filho, ao qual chamou Rubem, "porque, dizia ela, o Senhor olhou minha aflição; agora meu marido me amará".
33 Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, “Waaqayyo sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne” jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte.
33 Concebeu de novo e deu à luz outro filho. "O Senhor, disse ela, vendo que era desdenhada, deu-me ainda este." E pôs-lhe o nome de Simeão.
34 Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana” jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame.
34 Concebeu ainda e deu à luz mais um filho. "Desta vez, disse ela, meu marido se apegará a mim, porque já lhe dei à luz três filhos." Por isso deu-lhe o nome de Levi.
35 Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Amma Waaqayyo nan galateeffadha” jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte.
35 Concebeu ainda e deu à luz um filho. E disse: "Desta vez, louvarei ao Senhor." E chamou-o Judá. Depois cessou de ter filhos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 29, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.