Gênesis 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; Waaqayyos waan hundumaan isa eebbise.
1 Abraão já era velho, de idade bem avançada, e o Senhor em tudo o abençoara.
2 Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi.
2 Disse ele ao servo mais velho de sua casa, que era o responsável por tudo quanto tinha: "Ponha a mão debaixo da minha coxa
3 Ani akka ati intallan warra Kanaʼaan kanneen ani gidduu isaanii jiraadhuu keessaa ilma kootiif niitii hin fidneef Waaqayyo Waaqa samiitii fi Waaqa lafaatiin kakattu nan barbaada;
3 e jure pelo Senhor, o Deus dos céus e o Deus da terra, que não buscará mulher para meu filho entre as filhas dos cananeus, no meio dos quais estou vivendo,
4 garuu gara biyya kootii fi gara firoota koo dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif niitii barbaadi.”
4 mas irá à minha terra e buscará entre os meus parentes uma mulher para meu filho Isaque".
5 Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate.
5 O servo lhe perguntou: "E se a mulher não quiser vir comigo a esta terra? Devo então levar teu filho de volta à terra de onde vieste? "
6 Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu.
6 "Cuidado! ", disse Abraão, "Não deixe o meu filho voltar para lá.
7 Waaqayyo Waaqni samii inni mana abbaa kootii fi biyya ani itti dhaladhe keessaa na fidee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna’ jechuudhaan natti dubbatee kakatee waadaa naa seene sun akka ati achii ilma kootiif niitii fidduuf ergamaa isaa fuula kee dura ni erga.
7 "O Senhor, o Deus dos céus, que me tirou da casa de meu pai e de minha terra natal e que me prometeu sob juramento que à minha descendência daria esta terra, enviará o seu anjo adiante de você para que de lá traga uma mulher para meu filho.
8 Yoo dubartiin sun si wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baatte immoo ati kakuu koo kana irraa bilisa taata. Ilma koo garuu gonkumaa achi hin deebisin.”
8 Se a mulher não quiser vir, você estará livre do juramento. Mas não leve o meu filho de volta para lá".
9 Kanaafuu tajaajilaan sun harka isaa gudeeda gooftaa isaa Abrahaam jala kaaʼee waaʼee waan kanaa kakateef.
9 Então o servo pôs a mão debaixo da coxa de Abraão, seu senhor, e jurou cumprir aquela palavra.
10 Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe.
10 O servo partiu, com dez camelos do seu senhor, levando também do que o seu senhor tinha de melhor. Partiu para a Mesopotâmia, em direção à cidade onde Naor tinha morado.
11 Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture.
11 Ao cair da tarde, quando as mulheres costumam sair para buscar água, ele fez os camelos se ajoelharem junto ao poço que ficava fora da cidade.
12 Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam, harʼa na milkeessiitii gooftaa koo Abrahaamiif garaa laafi.
12 Então orou: "SENHOR, Deus do meu senhor Abraão, dá-me neste dia bom êxito e seja bondoso com o meu senhor Abraão.
13 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheen jira; intallan warra magaalaa kanaas bishaan waraabbachuuf as baʼaa jiru.
13 Como vês, estou aqui ao lado desta fonte, e as jovens do povo desta cidade estão vindo para tirar água.
14 Intalli ani, ‘Maaloo akka ani bishaan dhuguuf okkotee kee gad qabi’ jedheenii isheenis, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees siifin obaasaa’ naan jettu ishee ati garbicha kee Yisihaaqiif filatte haa taatu. Anis kanaan akka ati gooftaa kootiif garaa laafte beeka.”
14 Concede que a jovem a quem eu disser: ‘Por favor, incline o seu cântaro e dê-me de beber’, e ela me responder: ‘Bebe; também darei água aos teus camelos’, seja essa a que escolheste para teu servo Isaque. Saberei assim que foste bondoso com o meu senhor".
15 Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti.
15 Antes que ele terminasse de orar, surgiu Rebeca, filha de Betuel, filho de Milca, mulher de Naor, irmão de Abraão, trazendo no ombro o seu cântaro.
16 Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite.
16 A jovem era muito bonita e virgem; nenhum homem tivera relações com ela. Rebeca desceu à fonte, encheu seu cântaro e voltou.
17 Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen.
17 O servo apressou-se ao encontro dela e disse: "Por favor, dê-me um pouco de água do seu cântaro".
18 Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef.
18 "Beba, meu senhor", disse ela, e tirou rapidamente dos ombros o cântaro e o serviu.
19 Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette.
19 Depois que lhe deu de beber, disse: "Tirarei água também para os seus camelos até saciá-los".
20 Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde.
20 Assim ela esvaziou depressa seu cântaro no bebedouro e correu de volta ao poço para tirar mais água para todos os camelos.
21 Namichi sunis akka Waaqayyo karaa isaaf milkeesse yookaan akka isaaf hin milkeessin baruuf jedhee calʼisee xiyyeeffatee ishee ilaalaa ture.
21 Sem dizer nada, o homem a observava atentamente para saber se o Senhor tinha ou não coroado de êxito a sua missão.
22 Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee,
22 Quando os camelos acabaram de beber, o homem deu à jovem um pendente de ouro de seis gramas e duas pulseiras de ouro de cento e vinte gramas,
23 “Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate.
23 e perguntou: "De quem você é filha? Diga-me, por favor, se há lugar na casa de seu pai para eu e meus companheiros passarmos a noite".
24 Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette.
24 "Sou filha de Betuel, o filho que Milca deu a Naor", respondeu ela;
25 Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen.
25 e acrescentou: "Temos bastante palha e forragem, e também temos lugar para vocês passarem a noite".
26 Namichis gad jedhee Waaqayyoof sagade;
26 Então o homem curvou-se em adoração ao Senhor,
27 akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni gooftaa koo Abrahaam kan arjummaa isaatii fi amanamummaa isaa gooftaa koo hin dhowwatin sun haa eebbifamu. Waaqayyo anas gara mana obboloota gooftaa kootti karaa irra na qajeelcheera.”
27 dizendo: "Bendito seja o Senhor, o Deus do meu senhor Abraão, que não retirou sua bondade e sua fidelidade do meu senhor. Quanto a mim, o Senhor me conduziu na jornada até a casa dos parentes do meu senhor".
28 Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte.
28 A jovem correu para casa e contou tudo à família de sua mãe.
29 Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe.
29 Rebeca tinha um irmão chamado Labão. Ele saiu apressado à fonte para conhecer o homem,
30 Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture.
30 pois tinha visto o pendente, e as pulseiras no braço de sua irmã, e ouvira Rebeca contar o que o homem lhe dissera. Saiu, pois, e foi encontrá-lo parado junto à fonte, ao lado dos camelos.
31 Namicha sanaanis, “Yaa namicha Waaqayyo eebbise, kottu; ati maaliif ala dhaabatta? Ani manicha qopheesseera; gaalawwaniifis iddoo qopheesseera” jedhe.
31 E disse: "Venha, bendito do Senhor! Por que ficar aí fora? Já arrumei a casa e um lugar para os camelos".
32 Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne.
32 Assim o homem dirigiu-se à casa, e os camelos foram descarregados. Deram palha e forragem aos camelos, e água ao homem e aos que estavam com ele para lavarem os pés.
33 Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe.
33 Depois lhe trouxeram comida, mas ele disse: "Não comerei enquanto não disser o que tenho para dizer". Disse Labão: "Então fale".
34 Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
34 E ele disse: "Sou servo de Abraão.
35 Waaqayyo, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera.
35 O Senhor o abençoou muito, e ele se tornou muito rico. Deu-lhe ovelhas e bois, prata e ouro, servos e servas, camelos e jumentos.
36 Niitiin gooftaa kootii Saaraan bara dulluma ishee keessa ilma isaaf deesse; innis waan qabu hunda ilma isaatiif kenneera.
36 Sara, mulher do meu senhor, na velhice lhe deu um filho, que é o herdeiro de tudo o que Abraão possui.
37 Gooftaan koo akkana jedhee na kakachiise; ‘Ati intallan Kanaʼaan kanneen ani biyya isaanii keessa jiraadhu keessaa ilma koof niitii hin fidin;
37 E meu senhor fez-me jurar, dizendo: ‘Você não buscará mulher para meu filho entre as filhas dos cananeus, em cuja terra estou vivendo,
38 garuu gara mana abbaa kootii fi gara gosa koo dhaqiitii ilma kootiif niitii fidi.’
38 mas irá à família de meu pai, ao meu próprio clã, buscar uma mulher para meu filho’.
39 “Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe.
39 "Então perguntei a meu senhor: ‘E se a mulher não quiser me acompanhar? ’
40 “Innis akkana naan jedhe; ‘Waaqayyo inni ani fuula isaa dura jiraadhu ergamaa isaa si wajjin ergee karaa kee siif milkeessa; atis gosa koo fi mana abbaa koo keessaa ilma kootiif niitii ni fidda.
40 "Ele respondeu: ‘O Senhor, a quem tenho servido, enviará seu anjo com você e coroará de êxito a sua missão, para que você traga para meu filho uma mulher do meu próprio clã, da família de meu pai.
41 Ati yommuu gara gosa koo dhaqxu kakuu koo irraa bilisa taata; yoo isaan intala sana sitti kennuu didani iyyuu ati kakuu koo irraa bilisa taata.’
41 Quando chegar aos meus parentes, você estará livre do juramento se eles se recusarem a entregá-la a você. Só então você estará livre do juramento’.
42 “Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa Waaqayyo, Waaqa gooftaa koo Abrahaam yoo fedhii kee taʼe karaa ani deemu naa milkeessi.
42 "Hoje, quando cheguei à fonte, eu disse: Ó Senhor, Deus do meu senhor Abraão, se assim desejares, dá êxito à missão de que fui incumbido.
43 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheera; yoo durbi tokko bishaan waraabbachuu dhuftee ani immoo, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi” jedheenii,
43 Aqui estou em pé diante desta fonte; se uma moça vier tirar água e eu lhe disser: ‘Por favor, dê-me de beber um pouco de seu cântaro’,
44 isheenis, “Dhugi; ani gaalawwan keetiifis nan waraaba” naan jette, isheen kan Waaqayyo ilma gooftaa kootiif file haa taatu.’
44 e ela me responder: ‘Bebe. Também darei água aos teus camelos’, seja essa a que o Senhor escolheu para o filho do meu senhor.
45 “Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen.
45 "Antes de terminar de orar em meu coração, surgiu Rebeca, com o cântaro ao ombro. Dirigiu-se à fonte e tirou água, e eu lhe disse: Por favor, dê-me de beber.
46 “Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte.
46 "Ela se apressou a tirar o cântaro do ombro e disse: ‘Bebe; também darei água aos teus camelos’. Eu bebi, e ela deu de beber também aos camelos.
47 “Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe.
47 "Depois lhe perguntei: ‘De quem você é filha? ’ "Ela me respondeu: ‘De Betuel, filho de Naor e Milca’. "Então coloquei o pendente em seu nariz e as pulseiras em seus braços,
48 Anis gad jedhee Waaqayyoof nan sagade; Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam isa akka ani intala fira isaa ilma isaatiif geessu karaa qajeelaa irra na buuse sana nan eebbise.
48 e curvei-me em adoração ao Senhor. Bendisse ao Senhor, o Deus do meu senhor Abraão, que me guiou pelo caminho certo para buscar para o filho dele a neta do irmão do meu senhor.
49 Egaa isin yoo gooftaa kootti garaa laafummaa fi amanamummaa argisiiftan natti himaa; yoo taʼuu baate immoo akka ani gara bitaatti yookaan gara mirgaatti goru natti himaa.”
49 Agora, se quiserem mostrar fidelidade e bondade a meu senhor, digam-me; e, se não quiserem, digam-me também, para que eu decida o que fazer".
50 Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun Waaqayyo biraa dhufe; nu waan hamaa yookaan waan tolaa sitti dubbachuu hin dandeenyu.
50 Labão e Betuel responderam: "Isso vem do Senhor; nada lhe podemos dizer, nem a favor, nem contra.
51 Kunoo, Ribqaan fuula kee dura jirti; ishee fudhadhuu deemi; isheenis akkuma Waaqayyo dubbatetti niitii ilma gooftaa keetii haa taatu.”
51 Aqui está Rebeca; leve-a com você e que ela se torne a mulher do filho do seu senhor, como disse o Senhor".
52 Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee Waaqayyoof sagade.
52 Quando o servo de Abraão ouviu o que disseram, curvou-se até ao chão diante do Senhor.
53 Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne.
53 Então o servo deu jóias de ouro e de prata e vestidos a Rebeca; deu também presentes valiosos ao irmão dela e à sua mãe.
54 Innii fi namoonni isa wajjin turanis nyaatanii dhuganii achuma bulan.
54 Depois ele e os homens que o acompanhavam comeram, beberam e ali passaram a noite. Ao se levantarem na manhã seguinte, ele disse: "Deixem-me voltar ao meu senhor".
55 Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan.
55 Mas o irmão e a mãe dela responderam: "Deixe a jovem ficar mais uns dez dias conosco; então você poderá partir".
56 Inni garuu, “Erga Waaqayyo karaa koo naa milkeessee isin na hin tursinaa; akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” isaaniin jedhe.
56 Mas ele disse: "Não me detenham, agora que o Senhor coroou de êxito a minha missão. Vamos despedir-nos, e voltarei ao meu senhor".
57 Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan.
57 Então lhe disseram: "Vamos chamar a jovem e ver o que ela diz".
58 Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan.
58 Chamaram Rebeca e lhe perguntaram: "Você quer ir com este homem? " "Sim, quero", respondeu ela.
59 Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan.
59 Despediram-se, pois, de sua irmã Rebeca, de sua ama, do servo de Abraão e dos que o acompanhavam.
60 Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan;
60 E abençoaram Rebeca, dizendo-lhe: "Que você cresça, nossa irmã, até ser milhares de milhares; e que a sua descendência conquiste as cidades dos seus inimigos".
61 Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme.
61 Então Rebeca e suas servas se aprontaram, montaram seus camelos e partiram com o homem. E assim o servo partiu levando Rebeca.
62 Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture.
62 Isaque tinha voltado de Beer-Laai-Roi, pois habitava no Neguebe.
63 Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge.
63 Certa tarde, saiu ao campo para meditar. Ao erguer os olhos, viu que se aproximavam camelos.
64 Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee
64 Rebeca também ergueu os olhos e viu Isaque. Ela desceu do camelo
65 tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte.
65 e perguntou ao servo: "Quem é aquele homem que vem pelo campo ao nosso encontro? " "É meu senhor", respondeu o servo. Então ela se cobriu com o véu.
66 Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime.
66 Depois o servo contou a Isaque tudo o que havia feito.
67 Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.
67 Isaque levou Rebeca para a tenda de sua mãe Sara; fez dela sua mulher, e a amou; assim Isaque foi consolado após a morte de sua mãe.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 24, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.