Gênesis 23
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Saaraan waggaa dhibba tokkoo fi digdamii torba jiraatte; barri jireenya Saaraas kanuma ture.
1 Sara viveu cento e vinte e sete anos
2 Isheenis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon biyya Kanaʼaan keessaa sanatti duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuudhaaf jedhee dhaqe.
2 e morreu em Quiriate-Arba, que é Hebrom, em Canaã; e Abraão foi lamentar e chorar por ela.
3 Abrahaam reeffa niitii isaa biraa kaʼee Heetotaan akkana jedhe;
3 Depois Abraão deixou ali o corpo de sua mulher e foi falar com os hititas:
4 “Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti awwaalladhuuf lafa awwaalaaf taʼu natti gurguraa.”
4 "Sou apenas um estrangeiro entre vocês. Cedam-me alguma propriedade para sepultura, para que eu tenha onde enterrar a minha mulher".
5 Heetonnis akkana jedhanii Abrahaamii fi deebii kennan;
5 Responderam os hititas a Abraão:
6 “Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo awwaala keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti awwaalladhu. Nu keessaa namni iddoo awwaala isaatti duʼaa kee awwaallachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru.”
6 "Ouça-nos, senhor; o senhor é um príncipe de Deus em nosso meio. Enterre a sua mulher numa de nossas sepulturas, na que lhe parecer melhor. Nenhum de nós recusará ceder-lhe sua sepultura para que enterre a sua mulher".
7 Abrahaamis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
7 Abraão levantou-se, curvou-se perante o povo daquela terra, os hititas,
8 Akkanas isaaniin jedhe; “Ani duʼaa koo akkan awwaalladhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa.
8 e disse-lhes: "Já que vocês me dão permissão para sepultar minha mulher, peço que intercedam por mim junto a Efrom, filho de Zoar,
9 Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo awwaalaa sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa.”
9 a fim de que ele me ceda a caverna de Macpela, que lhe pertence e se encontra na divisa do seu campo. Peçam-lhe que a ceda a mim pelo preço justo, para que eu tenha uma propriedade para sepultura entre vocês".
10 Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
10 Efrom, o hitita, estava sentado no meio do seu povo e respondeu a Abraão, sendo ouvido por todos os hititas que tinham vindo à porta da cidade:
11 “Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti awwaalladhu.”
11 "Não, meu senhor. Ouça-me, eu lhe cedo o campo e também a caverna que nele está. Cedo-os na presença do meu povo. Sepulte a sua mulher".
12 Abrahaam amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee,
12 Novamente Abraão curvou-se perante o povo daquela terra
13 utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, “Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti awwaalladhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu” jedhe.
13 e disse a Efrom, sendo ouvido por todos: "Ouça-me, por favor. Pagarei o preço do campo. Aceite-o, para que eu possa sepultar a minha mulher".
14 Efroonis akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
14 Efrom respondeu a Abraão:
15 “Gooftaa ko, mee na dhagaʼi; gatiin lafa kanaa meetii saqilii dhibba afur taʼa; garuu kun anaa fi si gidduutti maali? Duʼaa kee itti awwaalladhu.”
15 "Ouça-me, meu senhor: aquele pedaço de terra vale quatrocentas peças de prata, mas o que significa isso entre mim e você? Sepulte a sua mulher".
16 Abrahaamis waan Efroon dubbate sana fudhatee gatii inni utuma Heetonni dhagaʼanuu himate sana madaaleef; gatiin sunis akka madaalii daldaltoota yeroo sanaatti meetii saqilii dhibba afur ture.
16 Abraão concordou com Efrom e pesou-lhe o valor por ele estipulado diante dos hititas: quatrocentas peças de prata, de acordo com o peso corrente entre os mercadores.
17 Akkasitti lafti qotiisaa Efroon kan fuula Mamree dura, Makfelaa keessa jiru sun jechuunis lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru, mukni daangaa lafa qotiisaa sana keessa jiru hundi,
17 Assim o campo de Efrom em Macpela, perto de Manre, o próprio campo com a caverna que nele há e todas as árvores dentro das divisas do campo, foi transferido
18 fuula Heetota gara karra magaalaa dhufan hundaa duratti akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.
18 a Abraão como sua propriedade diante de todos os hititas que tinham vindo à porta da cidade.
19 Ergasii Abrahaam biyya Kanaʼaan keessa, holqa Makfelaa kan Mamree bira jechuunis Kebroon bira jiru sanatti niitii isaa Saaraa Awwaallate.
19 Depois disso, Abraão sepultou sua mulher Sara na caverna do campo de Macpela, perto de Manre, que se encontra em Hebrom, na terra de Canaã.
20 Akkasitti lafa qotiisaa sunii fi holqi achi keessaa akka lafa awwaalaa taʼuuf Heetota irraa akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.
20 Assim o campo e a caverna que nele há foram transferidos a Abraão pelos hititas como propriedade para sepultura.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 23, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.