Gênesis 22
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame.
1 Passado algum tempo, Deus pôs Abraão à prova, dizendo-lhe: "Abraão! " Ele respondeu: "Eis-me aqui".
2 Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.”
2 Então disse Deus: "Tome seu filho, seu único filho, Isaque, a quem você ama, e vá para a região de Moriá. Sacrifique-o ali como holocausto num dos montes que lhe indicarei".
3 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele.
3 Na manhã seguinte, Abraão levantou-se e preparou o seu jumento. Levou consigo dois de seus servos e Isaque seu filho. Depois de cortar lenha para o holocausto, partiu em direção ao lugar que Deus lhe havia indicado.
4 Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge.
4 No terceiro dia de viagem, Abraão olhou e viu o lugar ao longe.
5 Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe.
5 Disse ele a seus servos: "Fiquem aqui com o jumento enquanto eu e o rapaz vamos até lá. Depois de adorarmos, voltaremos".
6 Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu,
6 Abraão pegou a lenha para o holocausto e a colocou nos ombros de seu filho Isaque, e ele mesmo levou as brasas para o fogo, e a faca. E caminhando os dois juntos,
7 Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate.
7 Isaque disse a seu pai Abraão: "Meu pai! " "Sim, meu filho", respondeu Abraão. Isaque perguntou: "As brasas e a lenha estão aqui, mas onde está o cordeiro para o holocausto? "
8 Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
8 Respondeu Abraão: "Deus mesmo há de prover o cordeiro para o holocausto, meu filho". E os dois continuaram a caminhar juntos.
9 Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse.
9 Quando chegaram ao lugar que Deus lhe havia indicado, Abraão construiu um altar e sobre ele arrumou a lenha. Amarrou seu filho Isaque e o colocou sobre o altar, em cima da lenha.
10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate.
10 Então estendeu a mão e pegou a faca para sacrificar seu filho.
11 Ergamaan Waaqayyoo garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame.
11 Mas o Anjo do Senhor o chamou do céu: "Abraão! Abraão! " "Eis-me aqui", respondeu ele.
12 Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
12 "Não toque no rapaz", disse o Anjo. "Não lhe faça nada. Agora sei que você teme a Deus, porque não me negou seu filho, o seu único filho. "
13 Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.
13 Abraão ergueu os olhos e viu um carneiro preso pelos chifres num arbusto. Foi lá, pegou-o e sacrificou-o como holocausto em lugar de seu filho.
14 Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
14 Abraão deu àquele lugar o nome de "O Senhor proverá". Por isso até hoje se diz: "No monte do Senhor se proverá".
15 Ergamaan Waaqayyoo sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee
15 Pela segunda vez o Anjo do Senhor chamou do céu a Abraão
16 akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha;
16 e disse: "Juro por mim mesmo", declara o Senhor, "que por ter feito o que fez, não me negando seu filho, o seu único filho,
17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu.
17 esteja certo de que o abençoarei e farei seus descendentes tão numerosos como as estrelas do céu e como a areia das praias do mar. Sua descendência conquistará as cidades dos que lhe forem inimigos
18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
18 e, por meio dela, todos povos da terra serão abençoados, porque você me obedeceu".
19 Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate.
19 Então voltou Abraão a seus servos, e juntos partiram para Berseba, onde passou a viver.
20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
20 Passado algum tempo, disseram a Abraão que Milca dera filhos a seu irmão Naor:
21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz,
21 Uz, o mais velho, Buz, seu irmão, Quemuel, pai de Arã,
22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.”
22 Quésede, Hazo, Pildas, Jidlafe e Betuel,
23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche.
23 pai de Rebeca. Estes foram os oito filhos que Milca deu a Naor, irmão de Abraão.
24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture;
24 E sua concubina, chamada Reumá, teve os seguintes filhos: Tebá, Gaã, Taás e Maaca.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.