Gênesis 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Abrahaam achii kaʼee Negeebitti godaanee Qaadeshii fi Shuuri gidduu jiraate. Innis yeroodhaaf Geraaraa keessa ture.
1 Abraão partiu dali para região do Negeb. Estabeleceu-se entre Cadés e Sur, e viveu algum tempo em Gerara.
2 Achittis Abrahaam, “Isheen obboleettii koo ti” jedhee waaʼee niitii isaa, waaʼee Saaraa dubbate. Abiimelek mootiin Geraaraas nama itti ergee Saaraa fudhate.
2 Ele dizia de Sara, sua mulher, que ela era sua irmã. Abimelec, rei de Gerara, arrebatou-lha.
3 Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.
3 Mas Deus apareceu em sonhos a Abimelec e disse-lhe: Vais morrer, por causa da mulher que roubaste, porque é casada.
4 Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa?
4 Abimelec, que não a tinha tocado {ainda}, disse: Senhor, fareis perecer mesmo inocentes?
5 Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.”
5 Não me disse ele que ela era sua irmã? E ela mesma me disse: É meu irmão. É na simplicidade de meu coração e com as mãos puras que fiz isso.
6 Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma.
6 Deus disse-lhe em sonhos: Sei que é na simplicidade do teu coração que agiste assim; por isso, preservei-te de pecar contra mim, e não deixei que a tocasses.
7 Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.”
7 Devolve agora a mulher deste homem, que é profeta, e ele rogará por ti para que conserves a vida. Mas, se não a devolveres, sabes que morrerás seguramente, tu e todos os teus.
8 Abiimelek guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee qondaaltota isaa hunda walitti waamee waan taʼe hunda isaanitti hime; isaanis akka malee sodaatan.
8 Ao romper da manhã, Abimelec convocou todos os seus servos e referiu-lhes essas coisas. Todos ficaram muito atemorizados.
9 Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.”
9 Depois, Abimelec chamou Abraão e disse-lhe: Que nos fizeste? Em que te ofendi para que nos expusesses, a mim e ao meu reino, ao castigo de um tão grande pecado. Fizeste-me o que não devias fazer.
10 Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate.
10 E ajuntou: Que tiveste em vista agindo assim?
11 Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture.
11 Abraão respondeu: Eu pensava comigo que não havia certamente nenhum temor a Deus nesta terra, e que me matariam por causa de minha mulher.
12 Taʼus isheen dhugumaan obboleettii koo ti; yoo haadha koo irraa dhalachuu baatte iyyuu isheen intaluma abbaa koo ti; isheenis niitii koo taate.
12 Aliás, ela é realmente minha irmã, filha de meu pai, mas não de minha mãe; ela tornou-se minha mulher.
13 Anis yeroo Waaqni mana abbaa kootii na baase sana isheedhaan, ‘Haalli ati ittiin jaalala naaf qabdu mulʼiftu kanaa dha; lafa nu dhaqnu hundumaatti, “Inni obboleessa koo ti” jedhiitii waaʼee koo dubbadhun’ jedhe.”
13 Quando Deus me tirou da casa de meu pai, eu disse-lhe: Faze-me esta graça: onde quer que formos, dirás de mim que sou teu irmão.
14 Abiimelek ergasii hoolaa fi loon, garboota dhiiraa fi nadheenii fidee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraas ni deebiseef.
14 Tomou então Abimelec ovelhas, bois, servos e servas, e deu-os a Abraão, ao mesmo tempo que lhe devolvia Sara, sua mulher.
15 Abiimelekis, “Kunoo biyyi koo fuula kee dura jira; idduma feete jiraadhu” jedheen.
15 E disse-lhe: Minha terra está à tua disposição: fixa-te onde quiseres.
16 Saaraadhaanis, “Kunoo ani meetii saqilii kuma tokko obboleessa keetiifin kenna. Kunis akka dhugaa qabaachuun kee fuula warra si wajjin jiranii duratti beekamuuf; ati guutumaan guutuutti dhugaa argatteerta” jedhe.
16 Disse também a Sara: Dou a teu irmão mil moedas de prata: isto te será um véu sobre os olhos para todos aqueles que estão contigo; eis-te justificada.
17 Abrahaamis Waaqa kadhate; Waaqni immoo Abiimelek, niitii isaatii fi garboota isaa dubartoota fayyise; isaanis ijoollee godhatan.
17 Abraão intercedeu junto de Deus, que curou Abimelec, sua mulher e suas servas, e deram novamente à luz.
18 Waaqayyo sababii niitii Abrahaam sababii Saaraatiif jedhee gadameessa dubartoota mana Abiimelek jiraatanii hunda cufee tureetii.
18 Porque o Senhor tinha ferido de esterilidade todas as mulheres da casa de Abimelec, por causa de Sara, mulher de Abraão.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.