Gênesis 18
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Utuma Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaʼee jiruu Waaqayyo isatti mulʼate.
1 Apareceu o Senhor a Abraão nos carvalhais de Manre, quando ele estava assentado à entrada da tenda, no maior calor do dia.
2 Abrahaamis ol ilaalee namoota isa bira dhadhaabatan sadii arge. Innis akkuma isaan argeen balbala dunkaana isaa duraa kaʼee isaan simachuudhaaf itti fiige; hamma lafa gaʼuttis gad jedhee harka fuudhe.
2 Levantou ele os olhos, olhou, e eis três homens de pé em frente dele. Vendo-os, correu da porta da tenda ao seu encontro, prostrou-se em terra
3 Innis akkana jedheen; “Gooftaa ko, yoo ani si duratti fudhatama argadhe, garbicha kee bira hin darbin.
3 e disse: Senhor meu, se acho mercê em tua presença, rogo-te que não passes do teu servo;
4 Bishaan xinnoo isiniif haa fidan; miilla dhiqadhaatii muka kana jala boqodhaa.
4 traga-se um pouco de água, lavai os pés e repousai debaixo desta árvore;
5 Erga isin gara garbicha keessanii dhuftanii, ani akka isin dadhabbii baatanii karaa keessan itti fuftaniif waan isin nyaattan isiniifin kenna.”
5 trarei um bocado de pão; refazei as vossas forças, visto que chegastes até vosso servo; depois, seguireis avante. Responderam: Faze como disseste.
6 Kanaafuu Abrahaam dafee Saaraatti dunkaana seenee, “Dafii daakuu bullaaʼaa safartuu sadii sukkuumiitii maxinoo tolchi” jedheen.
6 Apressou-se, pois, Abraão para a tenda de Sara e lhe disse: Amassa depressa três medidas de flor de farinha e faze pão assado ao borralho.
7 Innis gara saawwaniitti fiigee jabbii gabbatee itti tole tokko filatee hojjetaa tokkotti kenne; hojjetaan sunis qopheessuuf ariifate.
7 Abraão, por sua vez, correu ao gado, tomou um novilho, tenro e bom, e deu-o ao criado, que se apressou em prepará-lo.
8 Abrahaamis itittuu fi aannan, foon jabbii qopheeffame sanas geessee isaanii dhiʼeesse; yeroo isaan nyaachaa turanittis Abrahaam muka tokko jala isaan bira dhaabachaa ture.
8 Tomou também coalhada e leite e o novilho que mandara preparar e pôs tudo diante deles; e permaneceu de pé junto a eles debaixo da árvore; e eles comeram.
9 Isaanis, “Niitiin kee Saaraan eessa jirti?” jedhanii isa gaafatan.
9 Então, lhe perguntaram: Sara, tua mulher, onde está? Ele respondeu: Está aí na tenda.
10 Isaan keessaa tokko, “Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi” jedhe.
10 Disse um deles: Certamente voltarei a ti, daqui a um ano; e Sara, tua mulher, dará à luz um filho. Sara o estava escutando, à porta da tenda, atrás dele.
11 Abrahaamii fi Saaraan umuriin isaanii dheeratee dulloomanii turan; Saaraanis umurii itti mucaa daʼuu dandeessu dabartee turte.
11 Abraão e Sara eram já velhos, avançados em idade; e a Sara já lhe havia cessado o costume das mulheres.
12 Kanaafuu Saaraan, “Ani erga jaaree bututee, gooftaan koos erga dulloomee booddee, gammachuu kana qabaachuu nan dandaʼaa?” jettee of keessatti kolfite.
12 Riu-se, pois, Sara no seu íntimo, dizendo consigo mesma: Depois de velha, e velho também o meu senhor, terei ainda prazer?
13 Kana irratti Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe; “Saaraan maaliif, ‘Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?’ jettee kolfite?
13 Disse o Senhor a Abraão: Por que se riu Sara, dizendo: Será verdade que darei ainda à luz, sendo velha?
14 Wanni Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi.”
14 Acaso, para o Senhor há coisa demasiadamente difícil? Daqui a um ano, neste mesmo tempo, voltarei a ti, e Sara terá um filho.
15 Saaraanis waan sodaatteef sobdee, “Ani hin kolfine” jette.
15 Então, Sara, receosa, o negou, dizendo: Não me ri. Ele, porém, disse: Não é assim, é certo que riste.
16 Namoonni sun yommuu deemuuf kaʼanitti gara Sodoom gad ilaalan; Abrahaamis isaan geggeessuuf jedhee isaan wajjin baʼe.
16 Tendo-se levantado dali aqueles homens, olharam para Sodoma; e Abraão ia com eles, para os encaminhar.
17 Ergasii Waaqayyo akkana jedhe; “Ani waanan gochuuf jiru Abrahaamin nan dhoksaa?
17 Disse o Senhor : Ocultarei a Abraão o que estou para fazer,
18 Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa taʼa; sabni lafa irraa hundinuu karaa isaatiin eebbifama.
18 visto que Abraão certamente virá a ser uma grande e poderosa nação, e nele serão benditas todas as nações da terra?
19 Akka inni ijoollee isaatii fi sanyii isaa warra isa duubaan dhufan, akka isaan waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuudhaan karaa Waaqayyoo eegan ajajuuf ani isa filadheeraatii; kunis akka Waaqayyo waan Abrahaamiif kakate sana isaaf guutuuf.”
19 Porque eu o escolhi para que ordene a seus filhos e a sua casa depois dele, a fim de que guardem o caminho do Senhor e pratiquem a justiça e o juízo; para que o Senhor faça vir sobre Abraão o que tem falado a seu respeito.
20 Waaqayyos akkana jedhe; “Iyyi Sodoomii fi Gomoraa irratti iyyame guddaa dha; cubbuun isaaniis waan akka malee hamaa taʼeef
20 Disse mais o Senhor : Com efeito, o clamor de Sodoma e Gomorra tem-se multiplicado, e o seu pecado se tem agravado muito.
21 ani gad buʼee akka wanni isaan hojjetan akkuma iyya na qaqqabe sanaa hamaa taʼe nan ilaala. Yoo akkas taʼuu baate immoo natu beeka.”
21 Descerei e verei se, de fato, o que têm praticado corresponde a esse clamor que é vindo até mim; e, se assim não é, sabê-lo-ei.
22 Namoonni sunis garagalanii Sodoomitti qajeelan; Abrahaam garuu Waaqayyo dura dhaabatee hafe.
22 Então, partiram dali aqueles homens e foram para Sodoma; porém Abraão permaneceu ainda na presença do Senhor .
23 Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; “Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa?
23 E, aproximando-se a ele, disse: Destruirás o justo com o ímpio?
24 Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu?
24 Se houver, porventura, cinquenta justos na cidade, destruirás ainda assim e não pouparás o lugar por amor dos cinquenta justos que nela se encontram?
25 Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?”
25 Longe de ti o fazeres tal coisa, matares o justo com o ímpio, como se o justo fosse igual ao ímpio; longe de ti. Não fará justiça o Juiz de toda a terra?
26 Waaqayyos, “Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha” jedhe.
26 Então, disse o Senhor : Se eu achar em Sodoma cinquenta justos dentro da cidade, pouparei a cidade toda por amor deles.
27 Abrahaam ammas akkana jedhe; “Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera;
27 Disse mais Abraão: Eis que me atrevo a falar ao Senhor, eu que sou pó e cinza.
28 yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?”
28 Na hipótese de faltarem cinco para cinquenta justos, destruirás por isso toda a cidade? Ele respondeu: Não a destruirei se eu achar ali quarenta e cinco.
29 Abrahaam amma illee, “Yoo qajeeltonni afurtamni qofti achitti argaman hoo?” jedhee isatti dubbate.
29 Disse-lhe ainda mais Abraão: E se, porventura, houver ali quarenta? Respondeu: Não o farei por amor dos quarenta.
30 Abrahaamis, “Mee nan dubbadhaatii Gooftaan, hin aarin. Yoo namoonni soddomni qofti achitti argaman hoo?” jedhe.
30 Insistiu: Não se ire o Senhor, falarei ainda: Se houver, porventura, ali trinta? Respondeu o Senhor : Não o farei se eu encontrar ali trinta.
31 Abrahaamis, “Kunoo amma erga ani Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadhe, yoo namoonni digdamni qofti achitti argaman hoo?” jedhe.
31 Continuou Abraão: Eis que me atrevi a falar ao Senhor: Se, porventura, houver ali vinte? Respondeu o Senhor : Não a destruirei por amor dos vinte.
32 Abrahaamis, “Yaa Gooftaa amma illee yeroo tokko waa sin gaafadhaatii maaloo hin aarin; yoo namni kudhan qofti achitti argame hoo?” jedhe.
32 Disse ainda Abraão: Não se ire o Senhor, se lhe falo somente mais esta vez: Se, porventura, houver ali dez? Respondeu o Senhor : Não a destruirei por amor dos dez.
33 Waaqayyos erga Abrahaam wajjin dubbatee fixee booddee achii deeme. Abrahaam immoo iddoo ofii isaatti deebiʼe.
33 Tendo cessado de falar a Abraão, retirou-se o Senhor ; e Abraão voltou para o seu lugar.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.