Gênesis 17
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti Waaqayyo isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin.
1 Quando atingiu Abrão a idade de noventa e nove anos, apareceu-lhe o Senhor e disse-lhe: Eu sou o Deus Todo-Poderoso; anda na minha presença e sê perfeito.
2 Ani kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba; guddaas sin baayʼisa.”
2 Farei uma aliança entre mim e ti e te multiplicarei extraordinariamente.
3 Abraamis adda isaatiin lafatti gombifame; Waaqnis akkana isaan jedhe;
3 Prostrou-se Abrão, rosto em terra, e Deus lhe falou:
4 “Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata.
4 Quanto a mim, será contigo a minha aliança; serás pai de numerosas nações.
5 Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa.
5 Abrão já não será o teu nome, e sim Abraão; porque por pai de numerosas nações te constituí.
6 Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu.
6 Far-te-ei fecundo extraordinariamente, de ti farei nações, e reis procederão de ti.
7 Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba.
7 Estabelecerei a minha aliança entre mim e ti e a tua descendência no decurso das suas gerações, aliança perpétua, para ser o teu Deus e da tua descendência.
8 Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Waaqa isaanii nan taʼa.”
8 Dar-te-ei e à tua descendência a terra das tuas peregrinações, toda a terra de Canaã, em possessão perpétua, e serei o seu Deus.
9 Waaqni Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati immoo kakuu koo eeguu qabda; ati, sanyiin kee warri si duubaas dhaloota isaanii keessatti kakuu koo eeguu qabdu.
9 Disse mais Deus a Abraão: Guardarás a minha aliança, tu e a tua descendência no decurso das suas gerações.
10 Kakuun koo kan isin anaa fi siʼi gidduutti, sanyii kee kan siʼi duubaan dhufu gidduuttis eeguu qabdan kanaa dha; innis isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabatu.
10 Esta é a minha aliança, que guardareis entre mim e vós e a tua descendência: todo macho entre vós será circuncidado.
11 Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
11 Circuncidareis a carne do vosso prepúcio; será isso por sinal de aliança entre mim e vós.
12 Isin keessaa dhiirri guyyaa saddeet guute dhagna haa qabatu; dhaloota keessan hunda keessatti dhiirri mana keetti dhalate yookaan kan nama biyya ormaa irraa maallaqa keetiin bitame hundi kan sanyii kee hin taʼin dhagna haa qabatu.
12 O que tem oito dias será circuncidado entre vós, todo macho nas vossas gerações, tanto o escravo nascido em casa como o comprado a qualquer estrangeiro, que não for da tua estirpe.
13 Mana keetti dhalatanis yookaan maallaqa keetiin bitamanis isaan dhagna haa qabatan. Kakuun koo kan foon keessan irratti godhame kun kakuu bara baraa taʼa.
13 Com efeito, será circuncidado o nascido em tua casa e o comprado por teu dinheiro; a minha aliança estará na vossa carne e será aliança perpétua.
14 Dhiirri dhagna hin qabatin, kan qola foon isaa dhagna hin qabatin kam iyyuu saba ofii isaa keessaa balleeffama; inni kakuu koo cabseeraatii.”
14 O incircunciso, que não for circuncidado na carne do prepúcio, essa vida será eliminada do seu povo; quebrou a minha aliança.
15 Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa.
15 Disse também Deus a Abraão: A Sarai, tua mulher, já não lhe chamarás Sarai, porém Sara.
16 Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu.”
16 Abençoá-la-ei e dela te darei um filho; sim, eu a abençoarei, e ela se tornará nações; reis de povos procederão dela.
17 Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade.
17 Então, se prostrou Abraão, rosto em terra, e se riu, e disse consigo: A um homem de cem anos há de nascer um filho? Dará à luz Sara com seus noventa anos?
18 Abrahaamis Waaqaan, “Maaloo utuu Ishmaaʼeel fuula kee dura naa jiraatee!” jedhe.
18 Disse Abraão a Deus: Tomara que viva Ismael diante de ti.
19 Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba.
19 Deus lhe respondeu: De fato, Sara, tua mulher, te dará um filho, e lhe chamarás Isaque; estabelecerei com ele a minha aliança, aliança perpétua para a sua descendência.
20 Waaʼee Ishmaaʼeel immoo ani si dhagaʼeera; kunoo ani, isa nan eebbisa; akka inni baayʼatu nan godha; guddaa isa nan baayʼisa. Inni abbaa bulchitoota kudha lamaa taʼa; anis saba guddaa isa nan godha.
20 Quanto a Ismael, eu te ouvi: abençoá-lo-ei, fá-lo-ei fecundo e o multiplicarei extraordinariamente; gerará doze príncipes, e dele farei uma grande nação.
21 Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.”
21 A minha aliança, porém, estabelecê-la-ei com Isaque, o qual Sara te dará à luz, neste mesmo tempo, daqui a um ano.
22 Waaqni erga Abrahaam wajjin haasaʼee fixatee booddee isa biraa ol baʼe.
22 E, finda esta fala com Abraão, Deus se retirou dele, elevando-se.
23 Abrahaamis guyyuma sana ilmaan isaa Ishmaaʼeelii fi warra mana isaatti dhalatan yookaan warra maallaqa isaatiin bitaman hunda, dhiira mana isaa hundumaas fuudhee akkuma Waaqni isatti himetti dhagna qabe.
23 Tomou, pois, Abraão a seu filho Ismael, e a todos os escravos nascidos em sua casa, e a todos os comprados por seu dinheiro, todo macho dentre os de sua casa, e lhes circuncidou a carne do prepúcio de cada um, naquele mesmo dia, como Deus lhe ordenara.
24 Abrahaam yeroo dhagna qabatetti nama waggaa sagaltamii sagalii ture.
24 Tinha Abraão noventa e nove anos de idade, quando foi circuncidado na carne do seu prepúcio.
25 Ilmi isaa Ishmaaʼeel immoo yeroo dhagna qabatetti nama waggaa kudha sadii ture.
25 Ismael, seu filho, era de treze anos, quando foi circuncidado na carne do seu prepúcio.
26 Abrahaamii fi ilmi isaa Ishmaaʼeel guyyuma sana dhagna qabatan.
26 Abraão e seu filho, Ismael, foram circuncidados no mesmo dia.
27 Dhiirri mana Abrahaam hundinuu, warri mana isaatti dhalatan yookaan warri orma irraa maallaqaan bitamanis isa wajjin dhagna qabatan.
27 E também foram circuncidados todos os homens de sua casa, tanto os escravos nascidos nela como os comprados por dinheiro ao estrangeiro.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.