Gênesis 13

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme.
1 Saiu, pois, Abrão do Egito e foi para o Neguebe, com sua mulher e com tudo o que possuía, e Ló foi com ele.
2 Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome.
2 Abrão tinha enriquecido muito, tanto em gado como em prata e ouro.
3 Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe;
3 Ele partiu do Neguebe em direção a Betel, indo de um lugar a outro, até que chegou ao lugar entre Betel e Ai onde já havia armado acampamento anteriormente
4 iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa Waaqayyoo waammate.
4 e onde, pela primeira vez, tinha construído um altar. Ali Abrão invocou o nome do Senhor.
5 Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture.
5 Ló, que acompanhava Abrão, também possuía rebanhos e tendas.
6 Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye.
6 E não podiam morar os dois juntos na mesma região, porque possuíam tantos bens que a terra não podia sustentá-los.
7 Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan.
7 Por isso surgiu uma desavença entre os pastores dos rebanhos de Abrão e os de Ló. Nessa época os cananeus e os ferezeus habitavam aquela terra.
8 Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin.
8 Então Abrão disse a Ló: "Não haja desavença entre mim e você, ou entre os seus pastores e os meus; afinal somos irmãos!
9 Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
9 Aí está a terra inteira diante de você. Vamos nos separar! Se você for para a esquerda, irei para a direita; se for para a direita, irei para a esquerda".
10 Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu Waaqayyoo akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture.
10 Olhou então Ló e viu todo o vale do Jordão, todo ele bem irrigado, até Zoar; era como o jardim do Senhor, como a terra do Egito. Isto se deu antes do Senhor destruir Sodoma e Gomorra.
11 Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan.
11 Ló escolheu todo o vale do Jordão e partiu em direção ao Leste. Assim os dois se separaram:
12 Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox immoo magaalaawwan dirree irra jiran gidduu jiraatee dunkaana isaa Sodoom bira dhaabbate.
12 Abrão ficou na terra de Canaã, mas Ló mudou seu acampamento para um lugar próximo a Sodoma, entre as cidades do vale.
13 Warri Sodoom jalʼoota fuula Waaqayyoo duratti akka malee cubbuu hojjetan turan.
13 Ora, os homens de Sodoma eram extremamente perversos e pecadores contra o Senhor.
14 Erga Loox isa biraa godaanee booddee Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali.
14 Disse o Senhor a Abrão, depois que Ló separou-se dele: "De onde você está, olhe para o Norte, para o Sul, para o Leste e para o Oeste:
15 Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna.
15 Toda a terra que você está vendo darei a você e à sua descendência para sempre.
16 Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa.
16 Tornarei a sua descendência tão numerosa como o pó da terra. Se for possível contar o pó da terra, também se poderá contar a sua descendência.
17 Kaʼiitii dheerinaa fi balʼina lafa kanaa keessa dedeemi; ani isa siifin kennaatii.”
17 Percorra esta terra de alto a baixo, de um lado a outro, porque eu a darei a você".
18 Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa Waaqayyoof tolche.
18 Então Abrão mudou seu acampamento e passou a viver próximo aos carvalhos de Manre, em Hebrom, onde construiu um altar dedicado ao Senhor.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.