Gênesis 12
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi.
1 Ora, disse o Senhor a Abrão: Sai da tua terra, da tua parentela e da casa de teu pai e vai para a terra que te mostrarei;
2 “Ani saba guddaa sin taasisa;
2 de ti farei uma grande nação, e te abençoarei, e te engrandecerei o nome. Sê tu uma bênção!
3 Ani warra si eebbisan nan eebbisa;
3 Abençoarei os que te abençoarem e amaldiçoarei os que te amaldiçoarem; em ti serão benditas todas as famílias da terra.
4 Kanaafuu Abraam akkuma Waaqayyo isatti himetti kaʼee deeme; Looxis isa wajjin deeme. Abraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture.
4 Partiu, pois, Abrão, como lho ordenara o Senhor , e Ló foi com ele. Tinha Abrão setenta e cinco anos quando saiu de Harã.
5 Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan.
5 Levou Abrão consigo a Sarai, sua mulher, e a Ló, filho de seu irmão, e todos os bens que haviam adquirido, e as pessoas que lhes acresceram em Harã. Partiram para a terra de Canaã; e lá chegaram.
6 Abraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan.
6 Atravessou Abrão a terra até Siquém, até ao carvalho de Moré. Nesse tempo os cananeus habitavam essa terra.
7 Waaqayyo Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedheen. Kanaafuu inni achitti Waaqayyo isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare.
7 Apareceu o Senhor a Abrão e lhe disse: Darei à tua descendência esta terra. Ali edificou Abrão um altar ao Senhor , que lhe aparecera.
8 Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate.
8 Passando dali para o monte ao oriente de Betel, armou a sua tenda, ficando Betel ao ocidente e Ai ao oriente; ali edificou um altar ao Senhor e invocou o nome do Senhor .
9 Abraam ergasii kaʼee gara Negeebitti karaa isaa itti fufe.
9 Depois, seguiu Abrão dali, indo sempre para o Neguebe.
10 Bara sana beelli biyya sanatti buʼee ture; beelli sun waan hammaateef Abraam achi jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe.
10 Havia fome naquela terra; desceu, pois, Abrão ao Egito, para aí ficar, porquanto era grande a fome na terra.
11 Innis yeroo Gibxi seenuu gaʼetti niitii isaa Saaraan akkana jedhe; “Ani akka ati dubartii bareedduu taate nan beeka.
11 Quando se aproximava do Egito, quase ao entrar, disse a Sarai, sua mulher: Ora, bem sei que és mulher de formosa aparência;
12 Warri Gibxi yommuu si argan, ‘Kun niitii isaa ti’ jedhanii na ajjeesu; siʼi immoo ni hambisu.
12 os egípcios, quando te virem, vão dizer: É a mulher dele e me matarão, deixando-te com vida.
13 Akka isaan siif jedhanii haala tolaan na ilaalanii fi akka lubbuun koos sababii keetiin duʼa ooltuuf maaloo, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi.”
13 Dize, pois, que és minha irmã, para que me considerem por amor de ti e, por tua causa, me conservem a vida.
14 Yeroo Abraam Gibxi seenettis warri Gibxi akka Sooraan dubartii baayʼee bareedduu taate argan.
14 Tendo Abrão entrado no Egito, viram os egípcios que a mulher era sobremaneira formosa.
15 Qondaaltonni Faraʼooniis yommuu ishee arganitti ishee jajanii Faraʼoonitti himan; isheenis masaraa mootummaa Faraʼooniitti geeffamte.
15 Viram-na os príncipes de Faraó e gabaram-na junto dele; e a mulher foi levada para a casa de Faraó.
16 Faraʼoon sababii isheetiif jedhee Abraamin haala tolaadhaan ilaale; Abraamis hoolotaa fi loon, harroota korommii fi dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa dubartii, gaalas argate.
16 Este, por causa dela, tratou bem a Abrão, o qual veio a ter ovelhas, bois, jumentos, escravos e escravas, jumentas e camelos.
17 Waaqayyo garuu sababii niitii Abraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe.
17 Porém o Senhor puniu Faraó e a sua casa com grandes pragas, por causa de Sarai, mulher de Abrão.
18 Kanaafuu Faraʼoon Abraamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin?
18 Chamou, pois, Faraó a Abrão e lhe disse: Que é isso que me fizeste? Por que não me disseste que era ela tua mulher?
19 Ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jettee, akka ani niitummaaf ishee fudhadhu na goote? Ammas niitiin kee kunoo ti; ishee fudhadhuu deemi!”
19 E me disseste ser tua irmã? Por isso, a tomei para ser minha mulher. Agora, pois, eis a tua mulher, toma-a e vai-te.
20 Faraʼoonis waaʼee Abraam irratti namoota isaa ajaje; isaanis Abraamii fi niitii isaa, waan inni qabu hunda wajjin geggeessan.
20 E Faraó deu ordens aos seus homens a respeito dele; e acompanharam-no, a ele, a sua mulher e a tudo que possuía.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.