Gênesis 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture.
1 No mundo todo havia apenas uma língua, um só modo de falar.
2 Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan.
2 Saindo os homens do Oriente, encontraram uma planície em Sinear e ali se fixaram.
3 Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman.
3 Disseram uns aos outros: "Vamos fazer tijolos e queimá-los bem". Usavam tijolos em lugar de pedras, e piche em vez de argamassa.
4 Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan.
4 Depois disseram: "Vamos construir uma cidade, com uma torre que alcance os céus. Assim nosso nome será famoso e não seremos espalhados pela face da terra".
5 Waaqayyo garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe.
5 O Senhor desceu para ver a cidade e a torre que os homens estavam construindo.
6 Waaqayyos akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu.
6 E disse o Senhor: "Eles são um só povo e falam uma só língua, e começaram a construir isso. Em breve nada poderá impedir o que planejam fazer.
7 Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!”
7 Venham, desçamos e confundamos a língua que falam, para que não entendam mais uns aos outros".
8 Kanaafuu Waaqayyo achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan.
8 Assim o Senhor os dispersou dali por toda a terra, e pararam de construir a cidade.
9 Waan Waaqayyo achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Waaqayyo iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
9 Por isso foi chamada Babel, porque ali o Senhor confundiu a língua de todo o mundo. Dali o Senhor os espalhou por toda a terra.
10 Seenaan maatii Seem kana.
10 Este é o registro da descendência de Sem: Dois anos depois do Dilúvio, aos 100 anos de idade, Sem gerou Arfaxade.
11 Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
11 E depois de ter gerado Arfaxade, Sem viveu 500 anos e gerou outros filhos e filhas.
12 Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche.
12 Aos 35 anos, Arfaxade gerou Salá.
13 Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
13 Depois que gerou Salá, Arfaxade viveu 403 anos e gerou outros filhos e filhas.
14 Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche.
14 Aos 30 anos, Salá gerou Héber.
15 Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
15 Depois que gerou Héber, Salá viveu 403 anos e gerou outros filhos e filhas.
16 Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche.
16 Aos 34 anos, Héber gerou Pelegue.
17 Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
17 Depois que gerou Pelegue, Héber viveu 430 anos e gerou outros filhos e filhas.
18 Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche.
18 Aos 30 anos, Pelegue gerou Reú.
19 Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche.
19 Depois que gerou Reú, Pelegue viveu 209 anos e gerou outros filhos e filhas.
20 Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche.
20 Aos 32 anos, Reú gerou Serugue.
21 Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
21 Depois que gerou Serugue, Reú viveu 207 anos e gerou outros filhos e filhas.
22 Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche.
22 Aos 30 anos, Serugue gerou Naor.
23 Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
23 Depois que gerou Naor, Serugue viveu 200 anos e gerou outros filhos e filhas.
24 Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche.
24 Aos 29 anos, Naor gerou Terá.
25 Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
25 Depois que gerou Terá, Naor viveu 119 anos e gerou outros filhos e filhas.
26 Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche.
26 Aos 70 anos, Terá havia gerado Abrão, Naor e Harã.
27 Seenaan maatii Taaraa kana.
27 Esta é a história da família de Terá: Terá gerou Abrão, Naor e Harã. E Harã gerou Ló.
28 Haaraan utuma abbaan isaa Taaraan jiruu Uuri biyya Kaldootaa keessatti lafuma itti dhalatetti duʼe.
28 Harã morreu em Ur dos caldeus, sua terra natal, quando ainda vivia Terá, seu pai.
29 Abraamii fi Naahoor niitii fuudhan. Maqaan niitii Abraam Saaraa, maqaan niitii Naahoor immoo Miilkaa ture. Miilkaan intala Haaraan. Haaraan kun immoo abbaa Miikaatii fi Yiskaa ture.
29 Tanto Abrão como Naor casaram-se. O nome da mulher de Abrão era Sarai, e o nome da mulher de Naor era Milca; esta era filha de Harã, pai de Milca e de Iscá.
30 Saaraan dhabduu turte; ijoollees hin deenye.
30 Ora, Sarai era estéril; não tinha filhos.
31 Taaraan ilma isaa Abraamin, ilma ilma isaa jechuunis Loox ilma Haaraanii fi niitii ilma isaa jechuunis Saaraa niitii Abraam fudhatee Kanaʼaan dhaquuf, Uuri biyya Kaldootaatii walii wajjin baʼan; garuu yeroo Kaaraan gaʼanitti achuma qubatan.
31 Terá tomou seu filho Abrão, seu neto Ló, filho de Harã, e sua nora Sarai, mulher de seu filho Abrão, e juntos partiram de Ur dos caldeus para Canaã. Mas, ao chegarem a Harã, estabeleceram-se ali.
32 Taaraan waggaa 205 jiraatee Kaaraanitti duʼe.
32 Terá viveu 205 anos e morreu em Harã.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.