Gálatas 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC

Sair da comparação
ARC Almeida Revista e Corrigida 2009
1 Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.
1 Irmãos, se algum homem chegar a ser surpreendido nalguma ofensa, vós, que sois espirituais, encaminhai o tal com espírito de mansidão, olhando por ti mesmo, para que não sejas também tentado.
2 Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.
2 Levai as cargas uns dos outros e assim cumprireis a lei de Cristo.
3 Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.
3 Porque, se alguém cuida ser alguma coisa, não sendo nada, engana-se a si mesmo.
4 Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa;
4 Mas prove cada um a sua própria obra e terá glória só em si mesmo e não noutro.
5 tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii.
5 Porque cada qual levará a sua própria carga.
6 Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu.
6 E o que é instruído na palavra reparta de todos os seus bens com aquele que o instrui.
7 Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
7 Não erreis: Deus não se deixa escarnecer; porque tudo o que o homem semear, isso também ceifará.
8 Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
8 Porque o que semeia na sua carne da carne ceifará a corrupção; mas o que semeia no Espírito do Espírito ceifará a vida eterna.
9 Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
9 E não nos cansemos de fazer o bem, porque a seu tempo ceifaremos, se não houvermos desfalecido.
10 Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
10 Então, enquanto temos tempo, façamos o bem a todos, mas principalmente aos domésticos da fé.
11 Akka ani harkuma kootiin qubee gurguddaa hammam gaʼuun isinii barreesse mee ilaalaa!
11 Vede com que grandes letras vos escrevi por minha mão.
12 Warri fooniin gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan akka isin dhagna qabattan isin dirqisiisuu yaalu. Isaanis fannoo Kiristoosiif jedhanii akka hin ariʼatamne qofaaf waan kana godhu.
12 Todos os que querem mostrar boa aparência na carne, esses vos obrigam a circuncidar-vos, somente para não serem perseguidos por causa da cruz de Cristo.
13 Warri dhagna qabatan mataan isaanii iyyuu seera hin eegan; taʼus isaan dhagna qabaa keessan kan fooniitiin boonuuf jedhanii akka isin dhagna qabattan barbaadu.
13 Porque nem ainda esses mesmos que se circuncidam guardam a lei, mas querem que vos circuncideis, para se gloriarem na vossa carne.
14 Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu.
14 Mas longe esteja de mim gloriar-me, a não ser na cruz de nosso Senhor Jesus Cristo, pela qual o mundo está crucificado para mim e eu, para o mundo.
15 Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
15 Porque, em Cristo Jesus, nem a circuncisão nem a incircuncisão têm virtude alguma, mas sim o ser uma nova criatura.
16 Nagaa fi araarri warra seera kana duukaa buʼan hundaaf, Israaʼel Waaqaatiifis haa taʼu.
16 E, a todos quantos andarem conforme esta regra, paz e misericórdia sobre eles e sobre o Israel de Deus.
17 Ani dhagna koo irraa godaannisa Yesuus qabaatii siʼachi namni tokko iyyuu na hin rakkisin.
17 Desde agora, ninguém me inquiete; porque trago no meu corpo as marcas do Senhor Jesus.
18 Yaa obboloota, ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
18 A graça de nosso Senhor Jesus Cristo seja, irmãos, com o vosso espírito. Amém!

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gálatas 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.