Filipenses 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan,
1 Há alguma motivação por estar em Cristo? Há alguma consolação que vem do amor? Há alguma comunhão no Espírito? Há alguma compaixão e afeição?
2 gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa.
2 Então completem minha alegria concordando sinceramente uns com os outros, amando-se mutuamente e trabalhando juntos com a mesma forma de pensar e um só propósito.
3 Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
3 Não sejam egoístas, nem tentem impressionar ninguém. Sejam humildes e considerem os outros mais importantes que vocês.
4 Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
4 Não procurem apenas os próprios interesses, mas preocupem-se também com os interesses alheios.
5 Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
5 Tenham a mesma atitude demonstrada por Cristo Jesus.
6 Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu,
6 Embora sendo Deus, não considerou que ser igual a Deus fosse algo a que devesse se apegar.
7 qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
7 Em vez disso, esvaziou a si mesmo; assumiu a posição de escravo e nasceu como ser humano. Quando veio em forma humana,
8 Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
8 humilhou-se e foi obediente até a morte, e morte de cruz.
9 Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe;
9 Por isso Deus o elevou ao lugar de mais alta honra e lhe deu o nome que está acima de todos os nomes,
10 Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti,
10 para que, ao nome de Jesus, todo joelho se dobre, nos céus, na terra e debaixo da terra,
11 Akka arrabni hundinuus // ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee
11 e toda língua declare que Jesus Cristo é Senhor, para a glória de Deus, o Pai.
12 Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa;
12 Quando eu estava aí, meus amados, vocês sempre seguiam minhas instruções. Agora que estou longe, é ainda mais importante que o façam. Trabalhem com afinco a sua salvação, obedecendo a Deus com reverência e temor.
13 akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii.
13 Pois Deus está agindo em vocês, dando-lhes o desejo e o poder de realizarem aquilo que é do agrado dele.
14 Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa;
14 Façam tudo sem queixas nem discussões,
15 kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
15 de modo que ninguém possa acusá-los. Levem uma vida pura e inculpável como filhos de Deus, brilhando como luzes resplandecentes num mundo cheio de gente corrompida e perversa.
16 yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa.
16 Apeguem-se firmemente à mensagem da vida. Então, no dia em que Cristo voltar, me orgulharei de saber que não participei da corrida em vão e que não trabalhei inutilmente.
17 Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada.
17 Contudo, me alegrarei mesmo se perder a vida, entregando-a a Deus como oferta derramada, da mesma forma que o serviço fiel de vocês é uma oferta a Deus. E quero que todos vocês participem dessa alegria.
18 Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.
18 Sim, alegrem-se, e eu me alegrarei com vocês.
19 Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Yesuusin nan abdadha.
19 Se for da vontade do Senhor Jesus, espero enviar-lhes Timóteo em breve para visitá-los. Assim ele poderá me animar, contando-me notícias de vocês.
20 Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu.
20 Não tenho ninguém que se preocupe sinceramente com o bem-estar de vocês como Timóteo.
21 Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Yesuus Kiristoosiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii.
21 Todos os outros se preocupam apenas consigo mesmos, e não com o que é importante para Jesus Cristo.
22 Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii wangeelaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu.
22 Mas vocês sabem que Timóteo provou seu valor. Como um filho junto ao pai, ele tem servido ao meu lado na proclamação das boas-novas.
23 Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha.
23 Espero enviá-lo assim que souber o que me acontecerá aqui.
24 Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.
24 E tenho confiança no Senhor de que, em breve, eu mesmo irei vê-los.
25 Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata.
25 Enquanto isso, penso que devo enviar-lhes de volta Epafrodito. Ele é um verdadeiro irmão, colaborador e companheiro de lutas, que também foi mensageiro de vocês para me ajudar em minha necessidade.
26 Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira.
26 Ele deseja muito vê-los e está angustiado porque vocês souberam que ele esteve doente.
27 Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Waaqni garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera.
27 De fato, ficou enfermo e quase morreu. Mas Deus teve misericórdia dele, e também de mim, para que eu não tivesse uma tristeza atrás da outra.
28 Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa.
28 Por isso, estou ainda mais ansioso para enviá-lo de volta, pois sei que vocês se alegrarão em vê-lo, e eu não ficarei tão preocupado com vocês.
29 Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa;
29 Recebam-no com grande alegria no Senhor e deem-lhe a honra que ele merece,
30 inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.
30 pois arriscou a vida pela obra de Cristo e esteve a ponto de morrer enquanto fazia por mim o que vocês mesmos não podiam fazer.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Filipenses 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.