Filemom 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs BKJ

Sair da comparação
1 Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
1 Paulo, prisioneiro de Jesus Cristo, e Timóteo, nosso irmão, a Filemom, nosso querido e amado cooperador,
2 akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:
2 e à nossa amada Áfia, e a Arquipo, nosso companheiro de lutas, e à igreja que está em tua casa:
3 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Graça a vós e paz, da parte de Deus, nosso Pai, e da do Senhor Jesus Cristo.
4 Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha;
4 Graças dou ao meu Deus, fazendo menção de ti sempre em minhas orações,
5 ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.
5 ouvindo o teu amor e a fé que tens para com o Senhor Jesus e para com todos os santos;
6 Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Kiristoosiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu nan kadhadha.
6 para que a comunicação da tua fé seja eficaz, no conhecimento de toda boa coisa que há em vós, por Cristo Jesus,
7 Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.
7 porque temos grande alegria e consolação no teu amor, porque por ti, ó irmão, as entranhas dos santos são revigoradas.
8 Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee,
8 Pelo que, ainda que seja muito corajoso em Cristo para te mandar o que é conveniente,
9 sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
9 contudo, por amor, peço-te, sendo eu tal como sou, Paulo, o velho e agora também prisioneiro de Jesus Cristo.
10 ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha.
10 Peço-te por meu filho Onésimo, que gerei nas minhas prisões,
11 Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.
11 o qual, noutro tempo, te foi inútil, mas, agora, muito útil a ti e a mim,
12 Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga.
12 e que te envio de volta; tu, portanto, torna a recebê-lo como às minhas próprias entranhas.
13 Ani yeroon wangeelaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture.
13 Eu bem o quisera reter comigo, para que, em teu nome, me servisse nas prisões do evangelho;
14 Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne.
14 mas sem o teu parecer, nada quis fazer, para que o teu benefício não fosse como por necessidade, mas voluntário.
15 Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa;
15 Porque bem pode ser que ele tenha se apartado de ti por algum tempo, para que o recebesses para sempre,
16 atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?
16 não já como um servo, mas além de um servo, como irmão amado, especialmente para mim e quanto mais para ti, assim na carne como no Senhor.
17 Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu.
17 Assim, pois, se me tens por companheiro, recebe-o como a mim mesmo.
18 Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi.
18 E, se te fez algum mal ou te deve alguma coisa, põe isso na minha conta.
19 Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu.
19 Eu, Paulo, de minha própria mão o escrevi: Eu o pagarei, para não te dizer que tu mesmo te deves inteiramente a mim.
20 Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Kiristoositti garaa koo naa qabbaneessi.
20 Sim, irmão, eu me alegrarei de ti no Senhor; revigora as minhas entranhas no Senhor.
21 Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.
21 Confiado na tua obediência te escrevi, sabendo que ainda farás mais do que digo.
22 Kana malees ani kadhannaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.
22 E além disso, prepara-me também pousada, porque confio que, pelas vossas orações, vos serei restituído.
23 Ephaafiraan inni Kiristoos Yesuusiif jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.
23 Saúdam-te Epafras, meu companheiro de prisão em Cristo Jesus,
24 Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.
24 Marcos, Aristarco, Demas e Lucas, meus cooperadores.
25 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.
25 A graça de nosso Senhor Jesus Cristo seja com o vosso espírito. Amém.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Filemom 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.