Ezequiel 9
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Ergasis ani isaa, “Warra tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii magaalattii balleessan as dhiʼeessi” jedhee gurra kootti iyyu nan dhagaʼe.
1 Aí ouvi o Senhor dizer em voz bem alta: — Venham cá vocês, os que vão castigar a cidade. Tragam as suas armas de destruição.
2 Anis utuu namoonni jaʼa kallattii karra ol aanuu kan gara kaabaa ilaaluun tokkoon tokkoon isaanii meeshaa nama ajjeesu harkatti qabatanii dhufaa jiranuu nan arge. Isaan wajjinis nama uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffate kan mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate tokkotu ture. Isaanis ol seenanii iddoo aarsaa naasii bira dhaabatan.
2 Naquele momento, seis homens vieram do Templo, do portão externo que fica ao norte, e cada um carregava uma arma mortal. Com eles estava um homem vestido com uma roupa de linho, que carregava material de escrever. Todos eles vieram e ficaram ao lado do altar de bronze.
3 Ulfinni Waaqa Israaʼelis iddoo irra buʼee ture kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Ergasiis Waaqayyo namicha wayyaa quncee talbaa irraa tolfame uffatee mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate sana waame;
3 Então a glória do Deus de Israel, que estava em cima dos animais com asas , subiu dali e foi para a entrada do Templo. E o Senhor gritou para o homem vestido com a roupa de linho:
4 innis akkana jedheen; “Guutummaa magaalaa Yerusaalem keessa deemiitii adda namoota sababii wantoota jibbisiisoo ishee keessatti hojjetaman hundaatiif gaddanii booʼan irratti mallattoo godhi.”
4 — Vá por toda a cidade de Jerusalém e faça um sinal na testa de todas as pessoas que sofrem e se aborrecem por causa de todas as coisas vergonhosas que estão sendo feitas na cidade.
5 Inni utuma ani dhagaʼuu warra kaaniin akkana jedhe; “Magaalattii keessa isa faana deemaatii utuu garaa hin laafin yookaan utuu hin mararfatin ajjeesaa.
5 E ouvi o Senhor dizer aos outros homens: — Vão atrás dele pela cidade e matem todos. Não deixem escapar ninguém; não tenham dó de ninguém.
6 Jaarsota, dargaggeeyyii, shamarran, dubartootaa fi ijoollee ajjeesaa; nama mallattoo qabu kam iyyuu garuu hin tuqinaa. Iddoo qulqullummaa koo irraa jalqabaa.” Kanaafuu isaan jaarsota fuula mana qulqullummaa dura jiran irraa jalqaban.
6 Matem os velhos, os moços, as moças, as mães e as crianças. Mas não toquem em quem tiver o sinal na testa. Comecem aqui no meu Templo. Aí eles começaram a matar os líderes que estavam ali na frente do Templo.
7 Innis, “Mana qulqullummaa xureessaa; waltajjichas reeffaan guutaa. Itti baʼaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad baʼanii magaalattii guutuu keessatti ajjeesuu jalqaban.
7 O Senhor lhes disse ainda: — Então eles começaram a matar as pessoas da cidade.
8 Utuu isaan ajjeesaa jiranii, ani kophaa koo hafee addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa Waaqayyo Gooftaa! Ati dheekkamsa kee Yerusaalem irratti roobsuudhaan hambaawwan Israaʼel hunda balleessuuf jirtaa?” jedheen iyye.
8 Enquanto a matança continuava, fiquei ali sozinho. Eu me atirei no chão, com o rosto encostado na terra, e gritei: —
9 Innis akkana jedhee naaf deebise; “Cubbuun mana Israaʼelii fi Yihuudaa akka malee guddaa dha; biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalaan immoo jalʼinaan guutamteerti. Isaan, ‘Waaqayyo biyyattii gateera; Waaqayyo hin argu’ jedhu.
9 O Senhor respondeu: — O povo de Israel e de Judá é culpado de pecados terríveis. Eles têm matado pessoas no país inteiro e têm enchido Jerusalém de crimes. Eles dizem: “O
10 Kanaafuu ani ija gara laafinaatiin isaan hin ilaalu yookaan hin hiluufis; garuu ani waanuma isaan hojjetan mataa isaaniitti nan fida.”
10 Por isso, agora não deixarei escapar ninguém e não terei dó de ninguém. Farei com eles o que fizeram com os outros.
11 Ergasii namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee korojoo katabbii mudhii isaatti hidhate sun deebiʼee dhufee, “Ani akkuma ati na ajajje sana godheera” jedhe.
11 Então o homem que vestia a roupa de linho e carregava material de escrever voltou e contou tudo ao Senhor . E disse: — Fiz tudo como mandaste.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.