Ezequiel 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
1 Recebi outra mensagem do S enhor :
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara tulluuwwan Israaʼelitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raajii dubbadhu;
2 “Filho do homem, volte o rosto para os montes de Israel e profetize contra eles.
3 akkanas jedhi; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, hallayyaawwanii fi sululawwaniin akkana jedha: Ani goraadee isinitti fiduufan jira; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoo ol kaʼaa irraa illee nan balleessa.
3 Proclame esta mensagem do S enhor Soberano contra os montes de Israel. Assim diz o S enhor Soberano aos montes, às colinas, aos desfiladeiros e aos vales: Estou prestes a trazer guerra sobre vocês e destruir seus santuários idólatras.
4 Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu; iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa ni caccabu; anis namoota keessan fuula waaqota keessan tolfamoo duratti nan gorraʼa.
4 Todos os seus altares serão demolidos, e seus lugares de adoração serão destruídos. Matarei o povo diante de seus ídolos.
5 Reeffa Israaʼelootaa fuula waaqota isaanii tolfamoo dura nan ciciibsa; lafee keessanis naannoo iddoo aarsaa keessaniitti nan bittinneessa.
5 Porei os cadáveres dos israelitas diante de seus ídolos e espalharei os ossos ao redor de seus altares.
6 Akka iddoowwan aarsaa keessanii diigamanii barbadeeffamaniif, akka waaqonni keessan tolfamoon caccabanii hunkutaaʼaniif, akka iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa burkuteeffamanii fi akka hojiin harka keessanii balleeffamuuf iddoo isin jiraattan hunda keessatti magaalaawwan keessan ni onu; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoowwan ol kaʼoo irraas ni barbadeeffamu.
6 Onde quer que vocês vivam, haverá desolação, e destruirei os santuários idólatras. Seus altares serão demolidos, seus ídolos serão despedaçados, seus lugares de adoração serão derrubados e todos os objetos religiosos que vocês fizeram serão destruídos.
7 Namoonni keessan qalamanii gidduu keessanitti harcaʼu; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
7 O lugar ficará cheio de cadáveres, e vocês saberão que somente eu sou o S enhor .
8 “ ‘Ani garuu yommuu isin biyyootaa fi saboota gidduutti bittinnooftanitti sababii isin keessaa gariin goraadee jalaa miliqxaniif, namoota muraasa nan hambisa.
8 “Deixarei, porém, que alguns do meu povo escapem da destruição, e eles serão espalhados entre as nações do mundo.
9 Warri miliqan sun saboota itti boojiʼaman sana keessa taaʼanii yaada isaanii ejjaa isa narraa garagalee fi ija isaanii isa waaqota isaanii tolfamoo dharraʼe sanaan hammam akka na gaddisiisan ni yaadatu. Isaanis hammina hojjetanii fi gochawwan isaanii jibbisiisoo hundaaf of jibbu.
9 Então, quando estiverem exilados entre as nações, se lembrarão de mim. Reconhecerão quanto me entristece seu coração infiel e seus olhos lascivos por seus ídolos. Por fim, terão nojo de si mesmos por causa de todos os seus pecados detestáveis.
10 Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku; ani waan hamaa kana isaanittin fida jedhee akkasumaan hin dubbanne.
10 Saberão que somente eu sou o S enhor e que falava sério quando disse que traria sobre eles essa calamidade.
11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii hamminaatii fi gochaawwan jibbisiisoo mana Israaʼel hundaatiif isaan goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumuutii harka kee walitti rukutii, miilla keetiinis lafa dhiitii, “Ani bade!” jedhii booʼi.
11 “Assim diz o S enhor Soberano: Batam palmas de horror e batam os pés. Gritem por causa de todos os pecados detestáveis que o povo de Israel cometeu. Agora, morrerão de guerra, fome e doença.
12 Inni fagoo jiru dhaʼichaan ni duʼa; kan dhiʼoo jirus goraadeedhaan ni galaafatama; kan hafee fi kan miliqe immoo beelaan duʼa. Anis haala kanaan dheekkamsa koo isaanitti nan roobsa.
12 A doença matará os que estiverem exilados em lugares distantes, a guerra destruirá os que estiverem por perto, e os que sobrarem morrerão de fome. Enfim derramarei toda a minha fúria sobre eles.
13 Isaan yeroo namoonni isaanii naannoo iddoowwan aarsaa isaaniitti, waaqota isaanii tolfamoo gidduutti, gaarran ol dhedheeroo hunda irratti, fiixee tulluuwwanii hunda irratti, mukkeen lalisoo hunda jalattii fi qilxuu baala baayʼatu hunda jalatti jechuunis iddoowwan isaan itti waaqota isaanii tolfamoo sanaaf ixaana urgaaʼaa aarsan hundatti gorraʼamanii ciciisanitti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
13 Eles saberão que sou o S enhor quando seus mortos estiverem espalhados entre os ídolos e os altares em todas as colinas e montes, debaixo de toda árvore verdejante e de todo carvalho que dá sombra, os lugares onde ofereciam sacrifícios a seus ídolos.
14 Anis harka koo isaanitti nan kaasa; iddoo isaan jiraatan hundatti jechuunis gammoojjiidhaa jalqabee hamma Diblaatiitti biyyattii nan onsa. Isaanis akka ani Waaqa taʼe ni beeku.’ ”
14 Eu os arrasarei e deixarei suas cidades desoladas, desde o deserto, no sul, até Ribla, no norte. Então saberão que eu sou o S enhor ”.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.