Ezequiel 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 “Yaa ilma namaa, goraadee qara qabu fudhadhuutii akkuma qarabaa ittiin haaddatanitti mataa keetii fi areeda kee ittiin haaddadhu. Rifeensa sanas madaaliidhaan madaaliitii gargar qoodi.
1 Deus disse: —
2 Yeroo barri marfamuu keetii dhumatutti rifeensa sana keessaa harka sadii keessaa harka tokko magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Harka sadii keessaa harka tokko fuudhii magaalattii marsiitii goraadeen cicciri. Harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbeetti bittinneessi. Ani goraadee luqqifameen isaanan ariʼaatii.
2 Quando os inimigos deixarem de cercar a cidade, vá ao centro e queime ali uma terça parte desses cabelos e pelos. Depois, ande em volta da cidade e vá picando outra terça parte com a espada. Jogue a última terça parte para o ar, e o vento a levará. Aí eu a atacarei com a minha espada.
3 Rifeensa sana irraa xinnoo fuudhiitii handaara wayyaa keetiitti guduunfadhu.
3 Guarde alguns fios de cabelo e prenda-os na barra da sua roupa.
4 Ammas kanneen keessaa xinnoo fuudhiitii ibiddatti naqi; gubis. Ibiddi achii kaʼee guutummaa mana Israaʼel keessa faffacaʼa.
4 Então tire dali alguns fios, jogue-os no fogo e deixe queimar. O fogo que sairá deles se espalhará por toda a nação de Israel.
5 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yerusaalem isheen ani biyyoota itti naannessee saboota walakkaa teessise sun ishee kanaa dha.
5 O Senhor Deus disse: — Olhe para a cidade de Jerusalém. Eu a coloquei no centro do mundo e pus os outros países em volta dela.
6 Isheenis sabootaa fi biyyoota naannoo ishee jiraatan caalaa hammina isheetiin seera kootii fi ajaja kootti fincilteerti; isheen seera koo gatteerti; ajaja koos duukaa hin buune.
6 Mas Jerusalém se revoltou contra os meus mandamentos e acabou se tornando mais perversa do que as outras nações, mais desobediente do que os povos que estão em volta dela. Jerusalém rejeitou os meus mandamentos e não quis guardar as minhas leis .
7 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin saboota naannoo keessan jiraatan caalaa warra hin ajajamne taataniirtu; isin ajaja koo duukaa hin buune yookaan seera koo hin eegne. Isin seera saboonni naannoo keessan jiraatan eegani iyyuu hin eegne.
7 Agora, Jerusalém, preste atenção no que eu, o Senhor Deus, estou dizendo. Vocês não obedeceram às minhas leis, nem guardaram os meus mandamentos e por isso têm causado mais confusão do que as nações que estão ao seu redor. Vocês têm seguido os costumes de outras nações.
8 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Yerusaalem, ani mataan koo sittan kaʼa; fuula sabootaa durattis sin adaba.
8 Por isso, eu, o Senhor Deus, digo que estou contra vocês. Eu os julgarei num lugar onde todos os povos possam ver.
9 Ani sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatiif waanan kanaan dura takkumaa godhee hin beekin, waanan siʼachis gonkumaa hin goone sitti nan fida.
9 Por causa de todas as coisas horríveis que vocês fazem, eu castigarei Jerusalém como nunca fiz antes e como nunca mais farei.
10 Kanaafuu si keessatti abbootiin ijoollee isaanii ni nyaatu; ijoolleen immoo abbootii isaanii ni nyaatu. Ani sin adaba; hambaawwan kee hundas bubbeetti nan bittinneessa.
10 Como resultado, em Jerusalém os pais vão devorar os próprios filhos, e os filhos vão devorar os pais. Eu castigarei vocês; e os que ficarem vivos serão espalhados em todas as direções.
11 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii ati fakkiiwwan kee kanneen faayidaa hin qabne hundaa fi gochawwan kee jibbisiisoo sanaan mana qulqullummaa koo xureessiteef ani fuula koo sirraa nan deebiffadha; ani si hin baraaru yookaan garaa siif hin laafu.
11 — Portanto, esta é a palavra do Senhor Deus: Vocês profanaram o meu Templo com tudo o que é mau e sujo, e por isso juro pela minha vida que eu os destruirei sem dó nem piedade.
12 Uummanni kee harka sadii keessaa harki tokko dhaʼichaan duʼa yookaan beelaan si keessatti dhuma; harka sadii keessaa harki tokko dallaa keetiin alatti goraadeedhaan galaafatama; harka sadii keessaa harka tokko immoo anatu bubbeetti bittinneessa; goraadee luqqifameenis ariʼa.
12 Uma terça parte do povo morrerá de peste e de fome dentro da cidade; outra terça parte será morta por espadas fora da cidade; e a outra terça parte eu espalharei aos ventos e a perseguirei com uma espada.
13 “Ergasii aariin koo narraa gala; dheekkamsi koo kan isaanitti dhufe sun ni qabbanaaʼa; anis haaloo nan baafadha. Yeroo ani dheekkamsa koo isaanitti fidetti isaan akka ani Waaqayyo hinaaffaa kootiin dubbadhe ni beeku.
13 — Vocês sentirão toda a força da minha ira e do meu furor, até que eu fique satisfeito. Quando tudo isso acontecer, vocês ficarão convencidos de que eu, o Senhor , lhes disse todas essas coisas porque fui ofendido pela infidelidade de vocês.
14 “Saboota naannoo kee jiraatan gidduutti fuula warra achiin darban hundaa duratti onaa fi waan fafaa sin godha.
14 Eu farei com que você, Jerusalém, fique arrasada, e por isso as nações ao seu redor e os que passarem por você vão zombar dos seus moradores.
15 Yeroo ani aariidhaan, dheekkamsaa fi adabbiidhaan si adabutti, ati fuula saboota naannoo kee jiraatanii duratti waan fafaa, waan kolfaa, waan ilaalanii quba itti qabanii fi waan sodaa ni taata. Ani Waaqayyo dubbadheera.
15 — Quando eu ficar irado e furioso com vocês e castigá-los, todas as nações vizinhas ficarão espantadas. Olharão para vocês com nojo e zombarão.
16 Ani yeroon xiyya beelaa kan nama ajjeesuu fi nama barbadeessu isinitti darbadhutti isin balleessuuf jedheen darbadha. Ani beela irratti beela isinittin fida; madda nyaata keessaniis nan gogsa.
16 Não vou deixar que vocês recebam comida de fora, e assim morrerão de fome. Vocês sentirão as dores da fome como se fossem flechas pontudas mandadas para destruí-los.
17 Ani beelaa fi bineensa isinittan erga; isaanis ijoollee malee isin hambisu. Dhaʼichii fi dhangalaafamuun dhiigaa isin haxaaʼa; ani goraadee isinittin fida. Ani Waaqayyo dubbadheera.”
17 Mandarei fome e animais ferozes para matarem os seus filhos e peste, violência e guerra para matarem vocês. Eu, o Senhor , falei.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.