Ezequiel 46
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Karri oobdii gara keessaa kan baʼa biiftuutti garagalu guyyaa hojii jaʼanuu cufamuu qaba; gaafa Sanbataatii fi guyyaa Ayyaana Baatii garuu banamuu qaba.
1 O Senhor Deus diz: — O portão do leste que dá para o pátio de dentro deverá ficar fechado nos seis dias úteis, mas será aberto no sábado e na
2 Bulchaan sun karaa gardaafoo balbalaatiin ol galee dhaaba balbalaa bira dhaabachuu qaba. Luboonni immoo aarsaa isaa kan gubamuu fi aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qabu. Innis buusaa karraa duratti sagadee ergasii gad baʼuu qaba; karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamu.
2 O rei irá do pátio de fora para o salão do portão e ficará ao lado do portão. Enquanto isso, os sacerdotes oferecerão os sacrifícios que serão completamente queimados e também as ofertas de paz. Ali o rei deverá prestar culto e depois sair. O portão deverá ficar aberto até a tarde.
3 Guyyoota Sanbataattii fi Baatii Haaraatti sabni biyyattii karra ittiin ol seenan irratti fuula Waaqayyoo duratti sagaduu qaba.
3 No sábado e na Festa da Lua Nova, todo o povo também se curvará e adorará o Senhor na frente do portão.
4 Aarsaan gubamu kan bulchaan sun guyyaa Sanbataatiin Waaqayyoof fidu xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii mudaa hin qabne taʼuu qabu.
4 No sábado, o rei deverá apresentar ao Senhor , como sacrifícios que deverão ser completamente queimados, um carneiro e seis carneirinhos, todos sem defeito.
5 Kennaan midhaanii kan korbeessa hoolaa wajjin kennamu sun iifii tokko, kennaan midhaanii kan xobbaallaawwan hoolaa wajjin kennamu immoo akkuma bulchaan sun fedhetti taʼee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitiin iiniin tokko dabalamee dhiʼeeffamuu qaba.
5 Para cada carneiro que ele trouxer, dará a Deus uma oferta de dezessete litros e meio de cereais. E, junto com cada carneirinho que for oferecido em sacrifício, ele dará o que quiser. Para cada dezessete litros e meio de oferta de cereais, ele deverá trazer três litros de azeite.
6 Innis guyyaa Baatii Haaraatti dibicha tokko, xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii iyyuu mudaa hin qabne dhiʼeessuu qaba.
6 Na Festa da Lua Nova, ele oferecerá um touro novo, um carneiro e seis carneirinhos, todos sem defeito.
7 Iifii tokko korma loonii wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma bulchaan sun kennuu fedhetti kennaa midhaanii godhee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
7 Junto com o touro novo e com o carneiro haverá uma oferta de dezessete litros e meio de cereais; e junto com os carneirinhos o rei dará o que quiser. Para cada dezessete litros e meio de cereais, serão oferecidos três litros de azeite.
8 Bulchaan sun yeroo ol seenutti karaa gardaafoo karra sanaatiin seenuu, karuma sanaanis gad baʼu qaba.
8 O rei deverá voltar do portão, passando pelo salão, como fez para entrar.
9 “ ‘Yoo sabni biyyattii guyyaa ayyaana murteeffameetti fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatutti namni waaqeffachuudhaaf karra gama kaabaatiin ol seenu kam iyyuu, karra gama kibbaatiin baʼuu qaba; namni karra gama kibbaatiin seenu kam iyyuus karra gama kaabaatiin baʼuu qaba; namni kam iyyuu karra karra sanatti dugda galee jiruun baʼuu qaba malee karra ittiin seene sanaan baʼuu hin qabu.
9 — Quando o povo prestar culto ao Senhor em qualquer festa, os que entrarem pelo portão do norte sairão pelo portão do sul, depois que acabarem de adorar. Aqueles que entrarem pelo portão do sul sairão pelo portão do norte. Ninguém sairá pelo mesmo portão pelo qual entrou, mas pelo portão do lado contrário.
10 Bulchaan sunis isaan gidduu jiraachuu qaba; inni yeroo isaan ol seenanitti seenee yeroo isaan gad baʼanitti baʼa.
10 O rei entrará quando o povo entrar e sairá quando o povo sair.
11 “ ‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
11 Nos dias de festa e de comemorações solenes, a oferta de cereais será de dezessete litros e meio por touro ou carneiro. E junto com cada carneirinho o adorador dará o que quiser. Para cada dezessete litros e meio de cereais, serão oferecidos três litros de azeite.
12 Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama.
12 — Quando o rei tiver vontade de dar uma oferta ao Senhor , seja uma oferta que deverá ser completamente queimada ou uma oferta de paz, o portão do leste que dá para o pátio de dentro será aberto para ele. Ele fará a oferta do mesmo modo que faz no sábado, e, depois que ele sair, o portão deverá ser fechado.
13 “ ‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee Waaqayyoof dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita.
13 O Senhor diz: — Todas as manhãs, deverá ser oferecido ao
14 Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana Waaqayyoof dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti.
14 Também será feita todas as manhãs a oferta de um quilo e meio de farinha e, junto com ela, um litro de azeite para misturar com a farinha. As leis para essa oferta ao Senhor deverão ser obedecidas para sempre.
15 Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu.
15 O carneirinho, a farinha e o azeite deverão ser oferecidos ao Senhor todas as manhãs, para sempre.
16 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa isa tokkoof kenne dhaalli sun sanyii isaatiifis ni taʼa; kunis dhaalaan handhuuraa isaanii taʼa.
16 O Senhor Deus diz o seguinte: — Se o rei der de presente uma parte das suas terras a um dos seus filhos, essa terra será do filho como parte da propriedade da sua família.
17 Haa taʼu malee yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa garboota isaa keessaa isa tokkoof kenne garbichi sun hamma waggaan inni itti bilisoomu gaʼutti kan isaa ti; sana booddee dhaalli sun bulchaa sanaaf deebiʼa. Dhaalli isaa ilmaan isaa qofaaf taʼa; dhaalli sun kan isaanii ti.
17 Mas, se o rei der de presente uma parte das suas terras a um dos seus servidores, essa terra voltará a ser do rei quando chegar o Ano da Libertação . A terra será dele e depois será dos seus filhos.
18 Bulchaan sun qabeenya isaa irraa isaan buqqisee dhaala sabaa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Akka sabni koo kam iyyuu qabeenya isaa irraa hin buqqifamneefis inni qabeenya isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala isaanii kennuu qaba.’ ”
18 O rei não deverá tomar nenhuma propriedade do povo. Das suas próprias terras é que ele dará terras aos seus filhos; assim ele não explorará ninguém do meu povo, tomando a sua terra.
19 Ergasii namichi sun balbala isa karra gara dareewwan qulqulluu gara kaabaatti garagalanii jiran kanneen lubootaaf kennamanitti geessu cina jiru keessaan na baasee moggaa gara dhiʼaatiin iddoo tokko natti argisiise.
19 Depois disso, o homem me levou para a entrada dos cômodos de perto do portão, que ficavam de frente para o norte. São esses os cômodos santos dos sacerdotes. Ele me mostrou um lugar no lado oeste dos cômodos
20 Innis akkana naan jedhe; “Iddoon kun iddoo itti luboonni uummata qulqulleessuuf jedhanii akka aarsaan gara oobdii alaatti gad hin baafamneef aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuu bilcheessanii kennaa midhaanii immoo itti tolchanii dha.”
20 e disse: — Este é o lugar onde os sacerdotes irão cozinhar a carne oferecida como
21 Innis ergasii gara oobdii alaatti na baasee golee isaa afran irra na naannesse; ani immoo tokkoo tokkoo golee sanaa keessatti oobdii biraa nan arge.
21 — ausente —
22 Goleewwan oobdii alaa afran keessa oobdiiwwan xixinnaatu ture; isaanis lafa irra dheerina dhundhuma afurtamaa fi balʼina dhundhuma soddoma qabu; balʼinni tokkoo tokkoo oobdiiwwan goleewwan afran keessa jiranii wal qixxee ture.
22 — ausente —
23 Naannoo tokkoo tokkoo goleewwan afranii keessa marsaa dhagaa kan naannoo isaa jalatti iddoon ibiddaa jiru tokkotu ijaaramee ture.
23 Cada pátio era cercado por um muro de pedra, e, encostados nesses muros, havia fogões.
24 Innis, “Isaan kunneen manneen warri mana qulqullummaa keessa tajaajilan aarsaawwan sabaa itti bilcheessanii dha” naan jedhe.
24 O homem me disse: — São estas as cozinhas onde os servidores do Templo irão cozinhar os sacrifícios que o povo oferece.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 46, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.