Ezequiel 41
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Ergasiis gara mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan isaa safare; balʼinni tuggeewwan sanaas qixa hundaanuu dhundhuma jaʼa jaʼa ture.
1 Depois {este homem} me fez entrar no templo, cujas pilastras mediu; tinham seis côvados de largura de um lado, e seis côvados de largura do outro lado, largura da tenda.
2 Balʼinni balbala isaa dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo karaa hundaan dhundhuma shan shan ture. Akkasumas inni karaa mana qulqullummaa kan gara alaa safare; innis dhundhuma afurtama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture.
2 A largura da entrada era de dez côvados; os dois lados da porta tinham ambos cinco côvados. Ele mediu a extensão do templo: quarenta côvados; e sua largura, vinte côvados.
3 Sana booddee gara mana qulqullummaa isa gara keessaa seenee utubaawwan balbalaa safare; tokkoon tokkoon isaaniis dhundhuma lama lama babalʼatu ture. Balballi isaa dhundhuma jaʼa balʼatee qixa hundaanuu dhundhuma torba torba balʼata ture.
3 Em seguida, penetrou no interior e mediu as pilastras da entrada: dois côvados; depois a porta: seis côvados, com uma largura de sete côvados.
4 Lafa irra dheerina mana qulqullummaa isa gara keessaas ni safare; innis fiixee tokko irraa hamma fiixee kaaniitti dhundhuma digdama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Innis, “Kun Iddoo Qulqullummaa kan Hunda Caaluu dha” naan jedhe.
4 Mediu aí a extensão de vinte côvados e uma largura de vinte côvados do lado do templo, e me disse: É o santo dos santos.
5 Ergasii immoo keenyan mana qulqullummaa safare; innis yabbinna dhundhuma jaʼa qaba ture; balʼinni dareewwanii kan naannoo mana qulqullummaa biraas dhundhuma afur afur ture.
5 Mediu a parede do edifício: seis côvados, e a largura do edifício lateral que rodeia a torre do templo: quatro côvados.
6 Dareewwan sunis darbii sadiitti qoodamanii wal irratti ijaaraman; tokkoon tokkoon darbii immoo dareewwan soddoma soddoma qaba ture. Dareewwan sana deeggaruufis naannoo keenyan mana qulqullummaa tuggeewwantu ture; tuggeewwan sun garuu keenyan mana qulqullummaa deeggaruuf keessa hin suuqamne.
6 As câmaras laterais, superpostas, eram em número de três vezes trinta. Elas tocavam numa parede construída em torno de todo o edifício, de modo a se apoiar nela sem tocar a parede do templo.
7 Dareewwan mana qulqullummaa bira jiran sunis darbiidhaa gara darbiitti babalʼachaa deemu turan. Ijaarsi mana qulqullummaa marsee jiru waan gadii gara oliitti ijaarameef dareewwan sun akkuma ol baʼaa deemaniin babalʼatu turan. Gulantaan tokkos darbii gadiitii jalqabee darbii walakkaa keessa baʼee gara darbii oliitti baasa ture.
7 À medida que subia, a largura aumentava de um andar a outro, porque o templo tinha uma galeria circular em cada andar, de sorte que a largura do edifício era mais considerável em cima; subia-se do andar inferior ao superior pelo meio.
8 Akkasumas manni qulqullummaa sun naannoo isaatii madabii ol kaʼaa akka qabu nan arge; madabiin sunis dareewwan sanaaf hundee taʼe. Hundeen sunis lafa irra dheerina ulee tokkoo jechuunis dhundhuma jaʼa qaba ture.
8 Eu vi em redor do templo uma fiada saliente. Eram os fundamentos das câmaras laterais, que mediam uma cana inteira, seis côvados.
9 Keenyan dareewwan sanaa gara alaatiin dhundhuma shan yabbata ture. Iddoon duwwaan dareewwan mana qulqullummaatii fi
9 A espessura da parede exterior do edifício lateral era de cinco côvados. A esta se ajuntava o alicerce do edifício lateral do templo.
10 dareewwan lubootaa gidduu jiru kan naannoo mana qulqullummaa guutumaan guutuutti dhundhuma digdama balʼata ture.
10 O espaço não construído até as câmaras laterais era de vinte côvados, em toda a volta do templo.
11 Iddoo duwwaa sana irraa jalqabees balbalawwan dareewwan sanatti ol seensisan, tokko karaa kaabaa, kaan immoo karaa kibbaa turan; madabiin iddoo duwwaa sana marsee jiru dhundhuma shan balʼata ture.
11 As portas do edifício lateral davam para a fiada, formando uma entrada para o norte e uma entrada para o sul. A largura dessa fiada era de cinco côvados em todo o redor.
12 Ijaarsi oobdii mana qulqullummaatti garagalee jiruu karaa dhiʼaatiin dhundhuma torbaatama balʼata. Keenyan ijaarsa sanaas dhundhuma shan yabbata; dheerinni isaas dhundhuma sagaltama ture.
12 A construção que se elevava defronte do espaço livre, a ocidente, era da largura de setenta côvados; o muro que o cercava era da espessura de cinco côvados e do comprimento de noventa.
13 Ergasii inni mana qulqullummaa safare; dheerinni isaas dhundhuma dhibba tokko ture; oobdiin mana qulqullummaatii fi ijaarsi sun keenyan isaa wajjin dhundhuma dhibba tokko dheerata ture.
13 Ele mediu o templo, que tinha uma extensão de cem côvados, o espaço livre, a construção e suas paredes, tendo também um comprimento de cem côvados.
14 Balʼinni oobdii mana qulqullummaa kan karaa baʼaatiin jiru iddoo fuullee mana qulqullummaa dabalatee dhundhuma dhibba tokko ture.
14 A largura da fachada do templo, com o espaço livre do lado do oriente, era de cem côvados.
15 Ergasiis inni dheerina ijaarsaa kan gara oobdii isa mana qulqullummaa duubaatti garagalee jiru keenyan gama lamaanii dabalatee safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.
15 Ele mediu o comprimento do edifício diante do espaço livre que estava atrás da construção, com as galerias de uma e outra parte: cem côvados.
16 akkasumas waltajjiiwwan, foddaawwan dhidhiphoonii fi darbiiwwan naannoo sadan isaanii jiran kan waltajjiin oliitii fi waltajjiin mataan isaa mukaan haguugamee ture. Lafti isaa, keenyan hamma foddaawwaniitti jiruu fi foddaawwan haguugamanii turan.
16 O interior do templo, os vestíbulos do átrio, os limiares, as janelas gradeadas e as galerias em volta nos três lados diante dos limiares, eram forradas de madeira, do chão até as janelas, as quais estavam fechadas.
17 Keessa iddoo balbala mana qulqullummaa gubbaan jiruu fi naannoo keenyan mana qulqullummaa kan gara keessaatii fi kan gara alaa irratti
17 Acima da porta, no interior e no exterior do templo, e por toda a parede em redor, por dentro e por fora, tudo estava coberto de figuras:
18 fakkiin kiirubeelii fi mukkeen meexxii tolfamanii turan. Mukkeen meexxii sunis kiirubeel gidduutti tolfaman. Tokkoon tokkoon kiirubis fuula lama lama qaba ture:
18 querubins e palmas, uma palma entre dois querubins. Os querubins tinham duas faces:
19 Fuulli namaa tokko gara muka meexxii kan gama tokkoon jirutti garagalee ture; fuulli leencaa immoo gara muka meexxii kan gama kaaniitti garagalee ture. Isaanis guutumaan guutuutti mana qulqullummaa irratti marfamanii tolfamanii turan.
19 uma figura humana de um lado, voltada para a palmeira, e uma face de leão voltada para a palmeira, do outro lado, esculpidas em relevo em toda a volta do templo.
20 Lafa mana qulqullummaa keessaa hamma balbala gubbaa jiruutti kiirubeelii fi mukkeen meexxii keenyan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti tolfamanii turan.
20 Desde o piso até acima da porta, havia representações de querubins e palmeiras, assim como na parede do templo.
21 Manni qulqullummaa karaa alaatiin hidhii balbalaa kan roga afurii qaba ture; hidhiin balbalaa kan Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe fuuldura jirus wal fakkaata ture.
21 A porta do templo era de ângulos retos. Diante do santuário, havia alguma coisa como um altar de madeira.
22 Iddoo aarsaa kan muka irraa tolfame kan ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, lafa irra dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi balʼinni isaa immoo dhundhuma lamaatu ture; goleewwan isaa, madabiin isaatii fi cinaachi isaa muka irraa tolfame. Namichi sunis, “Maaddiin kun maaddii fuula Waaqayyoo dura jiruu dha” naan jedhe.
22 Sua altura era de três côvados, enquanto a largura era de dois côvados. Havia ângulos {protuberantes}; sua base e suas paredes eram de madeira. Disse-me o homem: É aqui a mesa que está diante do Senhor.
23 Manni qulqullummaa inni gara alaatii fi Iddoon Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sun balbala lama lama qabu turan.
23 O templo e o santo dos santos tinham cada um uma porta,
24 Tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan lama lama qaba ture; tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan qabsiiftuu qaban lama lama qaba ture.
24 e cada porta era de dois batentes, que tinham duas bandeiras, duas bandeiras para cada batente.
25 Balbalawwan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti kiirubeelii fi mukkeen meexxii akkuma keenyan manaa irratti tolfaman sana tolfamanii turan; gardaafoo sana fuula duraanis dibaabee mukaa tokkotu ture.
25 Assim como nas paredes, querubins e palmeiras eram figurados nas portas do templo. Na fachada do vestíbulo no exterior, havia um anteparo de madeira.
26 Keenyan bitaa fi mirgaa kan gardaafoo sanaa irra foddaawwan dhidhiphoo kanneen bitaa mirgaan mukkeen meexxiitiin faayeffamantu ture. Dareewwan mana qulqullummaa kanneen bitaa fi mirgaas dibaabeewwan qabu turan.
26 Havia janelas gradeadas e palmeiras de uma e outra parte, nos lados do vestíbulo, nas câmaras laterais do templo, e nos anteparos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 41, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.