Ezequiel 38

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
1 O Senhor me disse o seguinte:
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaalii kan biyya Maagoogitti garagalfadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhuutii
2 — Homem mortal , agora fale contra Gogue , o principal governador das nações de Meseque e Tubal, na terra de Magogue. Profetize contra ele
3 akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal, ani sitti kaʼa.
3 e diga que eu, o Senhor Deus, estou contra ele.
4 Ani duubatti sin deebisa; haʼoo kee keessa hokkoo galchee loltoota kee hunda wajjin, fardeen kee, abbootii fardeenii kee kanneen hidhata waraanaa guutuu hidhatan, waldaa guddaa kanneen gaachana gurguddaa fi xixiqqaa qabatanii fi kanneen hundi isaanii goraadee qabatan wajjin sin baasa.
4 Eu o farei dar meia-volta, porei uma argola no seu nariz e o arrastarei junto com as suas tropas para longe. Com os seus cavalos e os seus cavaleiros fardados, o seu exército é enorme. E cada soldado carrega um escudo e está armado com espada.
5 Faaresi, Itoophiyaa fi Fuuxi kanneen hundi isaanii gaachanaa fi gonfoo sibiilaa qabatan isaan wajjin taʼu;
5 Soldados da Pérsia, Etiópia e Líbia estão com ele, e todos têm escudos e capacetes.
6 akkasumas Goomer loltoota ishee hunda wajjin, kaaba fagootii Beet Toogarmaa loltoota ishee hunda wajjin, saboota hedduus sitti dabalee nan baasa.
6 Todas as tropas das terras de Gomer e de Bete Togarma, que ficam no Norte, estão com ele, e também soldados de muitas outras nações.
7 “ ‘Qophaaʼi; atii fi waldaan si biratti walitti qabame hundi qophaaʼaa; ajajaa isaaniis taʼi.
7 Diga que se prepare e que apronte todas as tropas que ele comanda.
8 Guyyaa hedduu booddee ati lolaaf ni waamamta. Waggoota fuula duraa keessa ati biyyattii lola irraa dandamatte, kan namoonni ishee saboota baayʼee keessaa tulluuwwan Israaʼel irratti walitti qabaman, kan bara dheeraaf ontee turte sana ni weerarta Isaan saboota keessaa baafamaniiru; amma hundi isaanii nagaadhaan jiraatu.
8 Depois de muitos anos, eu o mandarei invadir um país onde o povo tem vivido sem medo de guerra, desde quando foram trazidos de volta de muitas nações. Ele invadirá as montanhas de Israel, que tinham estado arrasadas e desertas por tanto tempo, mas onde agora todo o povo vive em segurança.
9 Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni baayʼeen si wajjin jiranis akka bubbee ol ni baatu; ati akka duumessa biyyattii haguuguu ni taata.
9 Ele, e o seu exército, e muitas nações que estão com ele atacarão como uma tempestade e cobrirão a terra como uma nuvem.
10 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yaadni sammuu keetti ni dhufa; atis hammina ni malatta
10 O que o Senhor Deus diz a Gogue é isto: — Quando chegar aquela hora, você começará a fazer um plano perverso.
11 Ati akkana jetta; “Ani biyya gandoonni ishee dallaa hin qabne tokko nan weerara; ani namoota nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatan jechuunis warra dallaa, balbalaa fi danqaraawwan hin qabne hunda nan dhaʼa.
11 Você resolverá invadir um país desarmado, onde o povo vive calmo e seguro, em cidades sem muralhas e sem defesa.
12 Ani nan boojiʼa; nan saamas; namoota saboota keessaa walitti qabamanii iddoowwan diigamanitti deebiʼanii qubatan kanneen horii fi meeshaaleedhaan sooromanii handhuura biyyattii keessa jiraatanitti harka koo nan kaasa.”
12 Você assaltará o povo que vive em cidades já arrasadas e roubará o que há nelas. Os moradores dessas cidades foram tirados do meio das outras nações e reunidos num lugar só; e agora possuem gado e propriedades e vivem no centro do mundo .
13 Shebaa fi Dedaan, daldaltoonni Tarshiishii fi gandoonni ishee hundi akkana siin jedhu; “Ati boojiʼuuf dhuftee? Ati saamuuf, meetii fi warqee fudhattee deemuuf, horii fi meeshaalee fudhachuuf, boojuu hedduus qabachuuf tuuta kee walitti qabattee?” ’
13 O povo de Sabá e Dedã e os negociantes e as autoridades da Espanha lhe perguntarão: “Você reuniu o seu exército e atacou para assaltar e levar o que o povo tem? Você está pensando em pegar gado, prata e ouro e outras coisas de valor e ir embora com tudo o que roubar?”
14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii Googiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yeroo sabni koo Israaʼel nagaan jiraatutti ati waan kana hin qalbeeffattuu?
14 Por isso, o Senhor Deus me mandou falar em seu nome a Gogue e dizer a ele o seguinte: — Naquele tempo, quando o meu povo de Israel estiver vivendo em segurança, você sairá
15 Ati iddoo kee kan kaaba fagootii ni dhufta; saboonni baayʼeen kanneen hundi isaanii farda yaabbatan, waldaan guddaan, loltoonni jajjaboon si wajjin ni dhufu.
15 e virá do seu lugar que fica no Norte distante. Você virá comandando um grande e poderoso exército de soldados de muitas nações, e todos a cavalo. Como uma tempestade que passa pela terra, você atacará o meu povo de Israel.
16 Ati akkuma duumessa biyya haguuguutti saba koo Israaʼelitti ni kaata. Yaa Googi, akka saboonni yommuu ani karaa keetiin fuula isaanii duratti qulqullummaa koo argisiisutti na beekaniif, ani bara dhufuuf jiru keessa biyya kootti sin kaasa.
16 Quando chegar a hora, eu o mandarei invadir a minha terra para que as nações fiquem sabendo quem sou e vejam a minha santidade naquilo que estou fazendo por meio de você.
17 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namni ani bara durii karaa tajaajiltoota koo raajonni Israaʼeliin waaʼee isaa dubbadhe sun siʼii mitii? Yeroo sana isaan akka ani isaanitti si kaasu bara dheeraaf ni raajan.
17 Você é aquele de quem falei há muito tempo, quando anunciei por meio dos meus servos, os profetas de Israel, que no futuro eu iria trazer alguém para atacar o povo de Israel. O
18 Gaafas waan kanatu taʼa; yeroo Googi biyya Israaʼel miidhutti aariin koo ni bobaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
18 O Senhor Deus diz: — No dia em que
19 Yeroo sana Israaʼel keessatti sochiin lafaa guddaan isaa akka taʼu, ani hinaaffaa fi dheekkamsa koo bobaʼaa sanaan nan dubbadha.
19 No calor da minha ira , afirmo que naquele dia haverá um forte terremoto na terra de Israel.
20 Qurxummiin galaanaa, simbirroonni samii, bineensonni dirree, uumamawwan lafa irra munyuuqan, namoonni lafa irra jiraatan hundi argamuu kootti ni hollatu. Tulluuwwan ni jigu; ededni hallayyaa ni fottoqa; dallaan hundis ni jiga.
20 Todos os peixes e aves, todos os animais grandes e pequenos e todos os seres humanos do mundo inteiro tremerão de medo de mim. As montanhas serão arrasadas, as grandes pedras ficarão em pedaços, e todas as muralhas cairão.
21 Ani tulluuwwan koo hunda irratti Googitti goraadee nan waama, jedha Waaqayyo Gooftaan. Goraadeen nama hundaa obboleessa isaatti ni kaʼa.
21 Farei cair sobre Gogue todo tipo de desgraças, que o encherão de medo. Sou eu, o Senhor Deus, quem está falando. Os soldados de Gogue ferirão uns aos outros com as suas espadas.
22 Ani adabbii dhaʼichaatii fi dhiiga dhangalaasuu isatti nan mura; isaa fi loltoota isaatti, saboota isa wajjin jiran hedduuttis bokkaa hamaa, cabbii fi dinyii bobaʼu nan roobsa.
22 Eu os castigarei com doenças e morte. Derramarei chuvas pesadas, pedras de gelo, fogo e enxofre em cima de Gogue e do seu exército e em cima das muitas nações que estão do lado dele.
23 Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
23 Desse modo, mostrarei a todas as nações que sou poderoso e santo. Elas ficarão sabendo que eu sou o Senhor .

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 38, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.