Ezequiel 37
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Harki Waaqayyoo narra ture; innis Hafuura Waaqayyootiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture.
1 A mão do S enhor veio sobre mim, e o Espírito do S enhor me levou a um vale cheio de ossos.
2 Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge.
2 Ele me conduziu por entre os ossos que cobriam o fundo do vale, espalhados por toda parte e completamente secos.
3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate.
3 Então ele me perguntou: “Filho do homem, acaso estes ossos podem voltar a viver?”. Respondi: “Ó S
4 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
4 Então ele me disse: “Profetize a estes ossos e diga: ‘Ossos secos, ouçam a palavra do S enhor !
5 Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.
5 Assim diz o S enhor Soberano: Soprarei meu espírito e os trarei de volta à vida!
6 Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
6 Porei carne e músculo em vocês e os cobrirei com pele. Darei fôlego a vocês, e voltarão à vida. Então saberão que eu sou o S enhor ’”.
7 Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane.
7 Assim, anunciei essa mensagem, como ele me havia ordenado. De repente, enquanto eu profetizava, ouviu-se em todo o vale o barulho de ossos batendo uns contra os outros, e os ossos de cada corpo estavam se juntando.
8 Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
8 Então, enquanto eu observava, músculos e carne se formaram sobre os ossos. Em seguida, pele se formou para cobrir os corpos, mas ainda não respiravam.
9 Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’ ”
9 Então ele me disse: “Filho do homem, profetize aos ventos. Anuncie-lhes uma mensagem e diga: ‘Assim diz o S enhor Soberano: Ó fôlego, venha dos quatro ventos! Sopre nesses corpos mortos para que voltem a viver!’”.
10 Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
10 Anunciei a mensagem, como ele me havia ordenado, e o espírito entrou nos corpos. Todos eles voltaram à vida e se levantaram, e formavam um grande exército.
11 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu.
11 Então ele me disse: “Filho do homem, esses ossos representam todo o povo de Israel. Eles dizem: ‘Tornamo-nos ossos velhos e secos; não há mais esperança. Nossa nação acabou’.
12 Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida.
12 Portanto, profetize para eles e diga: ‘Assim diz o S enhor Soberano: Ó meu povo, eu abrirei as sepulturas do exílio e os farei sair delas. Então os trarei de volta à terra de Israel.
13 Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
13 Quando isso acontecer, meu povo, vocês saberão que eu sou o S enhor .
14 Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Waaqayyo.’ ”
14 Soprarei meu espírito em vocês, e voltarão a viver, e eu os trarei de volta para sua terra. Então saberão que eu, o S enhor , falei e cumpri o que prometi. Sim, eu, o S enhor , falei!’”.
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
15 Recebi outra mensagem do S enhor :
16 “Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi.
16 “Filho do homem, pegue um pedaço de madeira e grave nele estas palavras: ‘Isto representa Judá e suas tribos aliadas’. Depois, pegue outro pedaço de madeira e grave nele estas palavras: ‘Isto representa Efraim e as tribos do norte de Israel’.
17 Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
17 Agora, segure-os juntos em sua mão, como se fossem um só pedaço de madeira.
18 “Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti,
18 Quando seus compatriotas lhe perguntarem o que isso significa,
19 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’
19 diga-lhes: ‘Assim diz o S enhor Soberano: Pegarei Efraim e as tribos do norte, suas irmãs, e as juntarei a Judá. Farei delas um só pedaço de madeira em minha mão’.
20 Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii
20 “Em seguida, segure diante do povo os pedaços de madeira que você gravou, para que todos os vejam,
21 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha.
21 e transmita esta mensagem do S enhor Soberano: Reunirei meu povo de Israel dentre as nações onde foram espalhados e os trarei de volta para sua terra.
22 Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu.
22 Eu os reunirei em uma só nação nos montes de Israel. Um único rei os governará, e não serão mais divididos em duas nações nem em dois reinos.
23 Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
23 Nunca mais se contaminarão com ídolos, nem com imagens detestáveis, nem com qualquer de suas rebeliões, pois eu os salvarei de sua apostasia pecaminosa. Sim, eu os purificarei; então eles serão o meu povo, e eu serei o seu Deus.
24 “ ‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu.
24 “Meu servo Davi será seu rei, e eles terão um só pastor. Seguirão meus estatutos e terão o cuidado de guardar meus decretos.
25 Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa.
25 Viverão na terra que dei a meu servo Jacó, a terra onde seus antepassados viveram. Eles, seus filhos e seus netos viverão ali para sempre, de geração em geração, e meu servo Davi será seu príncipe para sempre.
26 Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba.
26 Farei com eles uma aliança de paz, uma aliança permanente. Eu lhes darei sua terra e os multiplicarei e estabelecerei meu templo no meio deles para sempre.
27 Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
27 Sim, eu habitarei no meio deles. Serei o seu Deus, e eles serão o meu povo.
28 Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Waaqayyo Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’ ”
28 E, quando meu templo estiver entre eles para sempre, as nações saberão que eu sou o S enhor , que santifico Israel”.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 37, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.