Ezequiel 22
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
1 A palavra do Senhor foi-me dirigida nestes termos:
2 “Yaa ilma namaa, isheetti murtaa? Magaalaa dhiiga dhangalaaftu kanatti ni murtaa? Yoos hojii ishee jibbisiisaa sana itti himi;
2 E tu, filho do homem, não julgarás, não julgarás esta cidade sanguinária? Faze-lhe conhecer todas as suas abominações.
3 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaasuudhaan badii ofitti fiddee waaqota tolfamoo tolchuudhaan of xureessitu,
3 Dize-lhe: eis o que diz o Senhor Javé: ah! cidade que espalhas o sangue em tuas ruas para que chegue a tua hora, que eriges ídolos para te sujares,
4 ati sababii dhiiga dhangalaafte sanaatiif yakka hojjetteerta; sababii waaqota tolfamoo tolchiteef immoo xuroofteerta. Ati bara kee gabaabsiteerta; xumuramuun bara keetiis dhiʼaateera. Kanaafuu ani namoota ormaa biratti tuffatamtuu, biyyoota hundaaf immoo waan qoosaa sin taasisa.
4 pelo sangue que tens derramado tu te tornaste culpada e te poluíste pelos teus ídolos que talhaste; precipitaste a tua hora, adiantaste o termo de teus anos. Por isso vou abandonar-te aos ultrajes das nações, e ao escárnio de todos os países.
5 Yaa magaalaa salphatee gooliin si keessa guute, warri dhiʼoo fi fagoo jiraatan sitti qoosu.
5 Próximos ou distantes, eles zombarão de ti, cidade cujo nome é odioso, cidade cheia de desordens.
6 “ ‘Akka tokkoon tokkoon ilmaan moototaa kanneen si keessa jiraatan humna isaaniitti fayyadamanii dhiiga dhangalaasan ilaali.
6 Vê: os príncipes de Israel estão em ti ocupados, cada um por si, a derramar sangue.
7 Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman.
7 Em ti, desprezam-se pai e mãe, violenta-se o hóspede estrangeiro, maltratam-se o órfão e a viúva.
8 Ati miʼoota koo qulqulluu tuffattee Sanbata koos xureessite.
8 Tens aviltado meus santuários e profanado os meus sábados.
9 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru.
9 Há em ti delatores que fazem derramar sangue; gente de tua casa que vai comer na montanha. Cometem-se infâmias no meio de ti:
10 Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru.
10 descobre-se a nudez de seu pai, faz-se violência à mulher durante o período da menstruação;
11 Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa.
11 um comete horrores com a mulher do próximo, outro desonra incestuosamente sua nora, outro viola sua irmã, filha de seu pai.
12 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha Waaqayyo Gooftaan.
12 Em ti aceitam-se presentes para derramar sangue, tu recebes a usura e os juros, fazes violência ao próximo para despojá-lo; e a mim tu me esqueces - oráculo do Senhor Javé.
13 “ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta.
13 Muito em breve, porém, vou bater palmas devido às pilhagens que tens feito e ao sangue em ti derramado.
14 Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha.
14 Poderá resistir teu coração, tuas mãos poderão agüentar, ao chegarem os dias em que eu me levantar contra ti? Sou eu, o Senhor, que o digo, e que o executarei.
15 Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa.
15 Eu te disseminarei entre as nações, te dispersarei através dos povos. Limparei totalmente a tua mancha,
16 Ati yeroo fuula sabootaa duratti xurooftetti akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.’ ”
16 serás aviltada, por tua culpa, aos olhos das nações, e reconhecerás assim que sou eu o Senhor.
17 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
17 A palavra do Senhor foi-me dirigida nestes termos:
18 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel udaan sibiilaa natti taʼeera; hundi isaanii naasii, qorqorroo, sibiilaa fi dilaalii boolla ibiddaa keessatti dhiifame natti taʼaniiru. Isaan udaanuma meetiiti malee homaa miti.
18 Filho do homem, a casa de Israel tornou-se para mim escória. São todos {como} cobre, estanho e ferro e chumbo no cadinho: são escória da prata.
19 Kanaafuu Waaqayyo gooftaan akkana jedha: ‘Sababii hundi keessan udaan sibiilaa taataniif, ani Yerusaalem keessatti walittan isin qaba.
19 Por isso, eis o que diz o senhor Javé: já que todos vós sois escórias, vou reunir-vos em Jerusalém.
20 Akkuma namoonni meetii, naasii, sibiila, dilaalii fi qorqorroo baqsuuf jedhanii boolla ibiddaatti guuran sana, anis aarii fi dheekkamsa kootiin walitti isin qabee magaalaa keessatti isinan baqsa.
20 Do mesmo modo como se ajunta no meio do forno a prata, o cobre, o ferro, o chumbo e o estanho, e como se atiça o fogo sobre eles para fundi-los, do mesmo modo, no furor da minha cólera, eu vos amontoarei todos juntos lá para vos fazer fundir.
21 Ani walitti isin qabee ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan buufa; isinis ishee keessatti ni baqfamtu.
21 Eu vos reunirei e atiçarei sobre vós o fogo do meu furor, para vos fazer fundir em Jerusalém.
22 Akkuma meetiin boolla ibiddaa keessatti baqfamu sana, isinis ishee keessatti ni baqfamtu; akka ani Waaqayyo dheekkamsa koo isinitti roobses ni beektu.’ ”
22 Semelhantes à prata, que se funde no cadinho, sereis fundidos no meio da cidade e assim reconhecereis que sou eu, o Senhor, que desencadeei sobre vós o meu furor.
23 Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
23 A palavra do Senhor foi-me dirigida nestes termos:
24 “Yaa ilma namaa biyya sanaan, ‘Ati biyya hin qulqulleeffamin yookaan kan bara dheekkamsaa keessa bokkaan itti hin roobinii dha’ jedhi.
24 filho do homem, dize a Jerusalém: és uma terra que não recebeu nem chuva nem aguaceiro, na estação da cólera.
25 Ilmaan mootota ishee akkuma leenca waan adamsate ciccirachaa aaduu ti; isaan saba nyaatu; qabeenyaa fi miʼoota gatii guddaa saamuudhaan dubartoota hedduu dhirsa malee hambisu.
25 Há em teu seio uma conspiração de príncipes. Como o leão que ruge, que arrebata a presa, eles devoram as pessoas, tomam-lhes os bens e as riquezas, e multiplicam as viúvas.
26 Luboonni ishee seera koo cabsanii miʼoota koo qulqulluu xureessu; isaan waan qulqullaaʼee fi waan hin qulqullaaʼin gargar hin baasan; kan hin qulqullaaʼinii fi kan qulqullaaʼe gidduu garaa garummaan hin jiru jedhanii barsiisu; akka ani isaan gidduutti tuffatamuuf Sanbatoota koo eeguu irraa ija isaanii dunuunfatu.
26 Seus sacerdotes violam a minha lei, profanam o meu santuário, tratam indiferentemente o sagrado e o profano e não ensinam a distinguir o que é puro do que é impuro; fecham os olhos para não ver os meus sábados; no meio deles a minha santidade é profanada.
27 Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu.
27 Seus chefes lá estão como lobos que despedaçam a presa, derramando sangue, perdendo vidas para tirar proveitos.
28 Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma Waaqayyo hin dubbatin, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhu.
28 Seus profetas cobrem tudo com uma argamassa: têm visões de mentira e oráculos enganadores. Dizem: eis o que diz o Senhor, quando o Senhor nada disse.
29 Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu.
29 A população da terra se entrega à violência e à rapina, à opressão do pobre e do indigente, e às vexações injustificáveis contra o estrangeiro.
30 “Nama akka ani biyyattii hin balleessineef dallaa ijaaree biyyattiidhaaf jedhee karaa qaawwaatiin fuula koo dura dhaabatu isaan gidduu nan barbaade; garuu nama tokko illee hin arganne.
30 Tenho procurado entre eles alguém que construísse o muro e se detivesse sobre a brecha diante de mim, em favor da terra, a fim de prevenir a sua destruição, mas não encontrei ninguém.
31 Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee ibidda aarii kootiitiin isaan nan fixa; waan isaan godhan hunda mataa isaaniitti nan fida, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
31 Por isso vou desencadear sobre eles o meu furor e exterminá-los no fogo da minha exasperação; farei cair sobre eles o peso de sua conduta - oráculo do Senhor Javé.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.