Ezequiel 20
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan Waaqayyo jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
1 Em 14 de agosto, durante o sétimo ano do exílio do rei Joaquim, alguns dos líderes de Israel vieram consultar o S enhor e, enquanto estavam sentados comigo,
2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
2 recebi esta mensagem do S enhor :
3 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’
3 “Filho do homem, diga aos líderes de Israel: ‘Assim diz o S enhor Soberano: Como ousam vir me consultar? Tão certo como eu vivo, diz o S enhor Soberano, não lhes direi coisa alguma!’.
4 “Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi;
4 “Filho do homem, apresente acusações contra eles e condene-os. Faça-os ver como eram detestáveis os pecados de seus antepassados.
5 akkanas isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani Waaqayyo Waaqa keessan” isaaniin jedheera.
5 Transmita-lhes esta mensagem do S enhor Soberano: Quando escolhi Israel, quando me revelei aos descendentes de Jacó, no Egito, jurei solenemente que eu, o S enhor , seria o seu Deus.
6 Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe.
6 Naquele dia, jurei que os tiraria do Egito e os levaria para uma terra que havia encontrado para eles, uma terra boa, que produz leite e mel com fartura, a mais linda de todas as terras.
7 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
7 Então lhes disse: ‘Cada um de vocês livre-se de suas imagens repugnantes pelas quais está obcecado. Não se contamine com os ídolos do Egito, pois eu sou o S enhor , seu Deus’.
8 “ ‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture.
8 “Eles, porém, se rebelaram contra mim e não quiseram ouvir. Não se livraram das imagens repugnantes pelas quais estavam obcecados, nem abandonaram os ídolos do Egito. Então ameacei derramar minha fúria sobre eles para satisfazer minha ira enquanto ainda estavam no Egito.
9 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe.
9 Mas, por causa do meu nome, não o fiz. Não permiti que meu nome fosse desonrado entre as nações vizinhas diante das quais me revelei quando tirei os israelitas do Egito.
10 Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide.
10 Portanto, eu os tirei do Egito e os levei para o deserto.
11 Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise.
11 Ali lhes dei meus decretos e estatutos, para que encontrassem vida ao praticá-los.
12 Akkasumas akka isaan akka ani Waaqayyo isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne.
12 Também lhes dei os sábados como sinal entre mim e eles, para lembrá-los de que eu sou o S enhor , que os separou para serem santos.
13 “ ‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture.
13 “O povo de Israel, no entanto, se rebelou contra mim e não quis obedecer a meus decretos no deserto. A obediência lhes teria dado vida, mas não seguiram meus estatutos. Além disso, profanaram meus sábados. Portanto, ameacei derramar minha fúria sobre eles e consumi-los inteiramente no deserto.
14 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe.
14 Mais uma vez, porém, me contive por causa do meu nome, para que não fosse desonrado diante das nações que tinham visto meu poder quando tirei Israel do Egito.
15 Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe;
15 Contudo, fiz um juramento solene contra eles no deserto. Jurei que não os faria entrar na terra que lhes tinha dado, uma terra que produz leite e mel com fartura, a mais linda de todas as terras.
16 kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii.
16 Pois rejeitaram meus estatutos, recusaram-se a seguir meus decretos e profanaram meus sábados, porque entregaram o coração a seus ídolos.
17 Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne.
17 Apesar disso, tive compaixão deles e não os destruí no deserto.
18 Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa.
18 “Então adverti seus filhos no deserto a não seguirem os passos e o estilo de vida de seus pais, que se contaminaram com seus ídolos.
19 Ani Waaqayyo Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa.
19 Disse-lhes: ‘Eu sou o S enhor , seu Deus. Sigam meus decretos, obedeçam a meus estatutos
20 Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu.”
20 e guardem meus sábados como dias santos, pois são um sinal entre mim e vocês para lembrá-los de que eu sou o S enhor , seu Deus’.
21 “ ‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture.
21 “Seus filhos, porém, também se rebelaram contra mim. A obediência lhes teria dado vida, mas não guardaram meus decretos nem seguiram meus estatutos. Além disso, profanaram meus sábados. Portanto, mais uma vez, ameacei derramar minha fúria sobre eles no deserto para satisfazer minha ira.
22 Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe.
22 No entanto, contive meu julgamento por causa do meu nome, para que não fosse desonrado diante das nações que tinham visto meu poder quando tirei Israel do Egito.
23 Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe;
23 Contudo, fiz um juramento solene contra eles no deserto. Jurei que os espalharia entre todas as nações,
24 isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe.
24 pois não obedeceram a meus estatutos. Desprezaram meus decretos, profanaram meus sábados e cobiçaram os ídolos de seus antepassados.
25 Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne;
25 Eu os entreguei a decretos e estatutos inúteis, que não conduziriam à vida.
26 anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani Waaqayyo taʼe beekaniifan godhe.’
26 Deixei que se contaminassem com suas ofertas idólatras e permiti que oferecessem seus primeiros filhos como sacrifícios a seus deuses, para que eu os devastasse e lhes mostrasse que somente eu sou o S enhor .”
27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan;
27 “Portanto, filho do homem, transmita ao povo de Israel esta mensagem do S enhor Soberano: Seus antepassados continuaram a blasfemar contra mim e a me trair,
28 yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan.
28 pois, quando os trouxe à terra que lhes havia prometido, eles ofereceram sacrifícios onde quer que vissem montes altos e árvores verdejantes. Provocaram minha fúria ao oferecer sacrifícios a seus deuses. Levaram perfumes e incenso e apresentaram ofertas derramadas.
29 Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama.
29 Disse-lhes: ‘Que lugar alto é este para onde vão?’. (Desde então, esse tipo de lugar é chamado de Bamá, ‘lugar alto’.)
30 “Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii?
30 “Portanto, transmita ao povo de Israel esta mensagem do S enhor Soberano: Vocês continuarão a se contaminar, como fizeram seus antepassados? Vão se prostituir adorando imagens repugnantes?
31 Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
31 Pois, quando apresentam ofertas para elas e sacrificam seus filhos no fogo, continuam a se contaminar com ídolos até hoje. Acaso devo permitir que me consultem, ó povo de Israel? Tão certo como eu vivo, diz o S enhor Soberano, não lhes direi coisa alguma.
32 “ ‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu.
32 “Vocês dizem: ‘Queremos ser como as nações ao redor, que servem a ídolos de madeira e de pedra’. Mas o que vocês planejam nunca acontecerá.
33 Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha.
33 Tão certo como eu vivo, diz o S enhor Soberano, eu os governarei com mão de ferro, com grande ira e poder tremendo.
34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba.
34 E com grande ira estenderei minha mão forte e meu braço poderoso e os trarei de volta das terras onde foram espalhados.
35 Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura.
35 Eu os levarei ao deserto das nações e ali os julgarei face a face.
36 Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan.
36 Ali os julgarei como julguei seus antepassados no deserto depois de tirá-los do Egito, diz o S enhor Soberano.
37 Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha.
37 Eu os examinarei cuidadosamente e os farei obedecer aos termos de minha aliança.
38 Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
38 Tirarei de seu meio todos que se rebelam e se revoltam contra mim. Eu os farei sair das terras em que estão exilados, mas eles nunca entrarão na terra de Israel. Então vocês saberão que eu sou o S enhor .
39 “ ‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan.
39 “Quanto a vocês, povo de Israel, assim diz o S enhor Soberano: Continuem a adorar seus ídolos. Mais cedo ou mais tarde, porém, vocês me obedecerão e deixarão de desonrar meu santo nome com sua idolatria.
40 Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada.
40 Pois em meu santo monte, o alto monte de Israel, diz o S enhor Soberano, todo o povo de Israel me adorará, e eu os aceitarei. Ali exigirei que tragam todas as suas ofertas, suas melhores dádivas e tudo que me consagrarem.
41 Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa.
41 Quando eu os trouxer de volta do exílio, vocês serão para mim como uma oferta agradável. E, por meio de vocês, demonstrarei minha santidade diante de todas as nações.
42 Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
42 Então, quando eu os tiver trazido de volta à terra que, com juramento solene, prometi a seus antepassados, saberão que eu sou o S enhor .
43 Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu.
43 Vocês se lembrarão de todas as formas pelas quais se contaminaram e terão nojo de si mesmos por todo o mal que fizeram.
44 Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
44 Saberão que eu sou o S enhor , ó povo de Israel, quando, por causa do meu nome, eu os tratar com compaixão, apesar de toda a sua perversidade. Eu, o S enhor Soberano, falei!”.
45 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
45 Então recebi esta mensagem do S enhor :
46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu.
46 “Filho do homem, volte o rosto para o sul e pronuncie-se contra ele; profetize contra os matagais do Neguebe.
47 Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama.
47 Diga ao bosque do sul: ‘Assim diz o S enhor Soberano: Ouça a palavra do S enhor ! Eu o incendiarei, e todas as árvores, tanto as verdes como as secas, serão consumidas. As chamas ardentes não serão apagadas e queimarão tudo, desde o sul até o norte.
48 Namni hundinuus akka ani Waaqayyo ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’ ”
48 Todos verão que eu, o S enhor , acendi esse fogo, e ele não será apagado’”.
49 Anis, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe.
49 Então eu disse: “Ó S enhor Soberano, eles dizem a meu respeito: ‘Ele só fala por meio de parábolas!’”.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.