Ezequiel 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge.
1 No trigésimo ano, no quinto dia do quarto mês, quando me encontrava entre os deportados, às margens do rio Cobar, abriram-se os céus e contemplei visões divinas.
2 Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti,
2 No quinto dia do mês - era o quinto ano de cativeiro do rei Joaquin -
3 dubbiin Waaqayyoo Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki Waaqayyoo isa irra ture.
3 foi a palavra do Senhor dirigida ao sacerdote Ezequiel, filho de Buzi, na Caldéia, às margens do rio Cobar. Nesse lugar veio a mão do Senhor sobre mim.
4 Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture;
4 Tive então uma visão: soprava do lado norte um vento impetuoso, uma espessa nuvem com um feixe de fogo resplandecente, e, no centro, saído do meio do fogo, algo que possuía um brilho vermelho.
5 ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture;
5 Distinguia-se no centro a imagem de quatro seres que aparentavam possuir forma humana.
6 tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan.
6 Cada um tinha quatro faces e quatro asas.
7 Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture.
7 Suas pernas eram direitas e as plantas de seus pés se assemelhavam às do touro, e cintilavam como bronze polido.
8 Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan;
8 De seus quatro lados mãos humanas saíam por debaixo de suas asas. Todos os quatro possuíam rostos, e asas.
9 qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture.
9 Suas asas tocavam uma na outra. Quando se locomoviam, não se voltavam: cada um andava para a frente.
10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture.
10 Quanto ao aspecto de seus rostos tinham todos eles figura humana, todos os quatro uma face de leão pela direita, todos os quatro uma face de touro pela esquerda, e todos os quatro uma face de águia.
11 Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture.
11 Eis o que havia no tocante as suas faces. Suas asas estendiam-se para o alto; cada qual tinha duas asas que tocavam às dos outros, e duas que lhe cobriam o corpo.
12 Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan.
12 Cada qual caminhava para a frente: iam para o lado aonde os impelia o espírito; não se voltavam quando iam andando.
13 Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture.
13 No meio desses seres, divisava-se algo parecido com brasas incandescentes, como tochas que circulavam entre eles; e desse fogo que projetava uma luz deslumbrante, saíam relâmpagos.
14 Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.
14 Os seres ziguezagueavam como o raio.
15 Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge.
15 Ora, enquanto contemplava esses seres vivos, divisei uma roda sobre a terra ao lado de cada um dos quatro.
16 Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture.
16 O aspecto e a estrutura dessas rodas eram os de uma gema de Társis. Todas as quatro se assemelhavam, e pareciam construídas uma dentro da outra.
17 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture.
17 Podiam deslocar-se em quatro direções, sem retornar em seus movimentos.
18 Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan.
18 Seus aros eram de uma altura assombrosa, guarnecidos de olhos em toda a circunferência.
19 Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan.
19 Quando os seres vivos se deslocavam ou se erguiam da terra, locomoviam-se as rodas e se elevavam com eles.
20 Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan.
20 Para onde os impulsionava o espírito. iam eles, e as rodas com eles se erguiam, pois o espírito do ser vivo {de igual modo} animava as rodas.
21 Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.
21 Quando caminhavam, elas se moviam; quando paravam, também elas interrompiam o curso; se se erguiam da terra, as rodas do mesmo modo se suspendiam, pois o espírito desses seres vivos estava {também} nas rodas.
22 Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture.
22 Pairando acima desses seres, havia algo que se assemelhava a uma abóbada, límpida como cristal, estendida sobre suas cabeças.
23 Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan.
23 Sob essa abóbada, alongavam-se as suas asas até se tocarem, tendo cada um {sempre} duas que lhe cobriam o corpo.
24 Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture.
24 Eu escutava, quando eles caminhavam, o ruído de suas asas, semelhante ao barulho das grandes águas, à voz do Onipotente, um vozerio igual ao de um campo {de batalha}.
25 Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe.
25 Quando paravam, abaixavam as asas, e fazia-se um ruído acima da abóbada que ficava sobre as cabeças.
26 Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture.
26 Acima dessa abóbada havia uma espécie de trono, semelhante a uma pedra de safira; e, bem no alto dessa espécie de trono, uma silhueta humana.
27 Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture.
27 Vi que ela possuía um fulgor vermelho, como se houvesse sido banhada no fogo, desde o que parecia ser a sua cintura, para cima; enquanto que, para baixo, vi algo como fogo que esparzia clarões por todos os lados.
28 Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture.
28 Como o arco-íris que aparece nas nuvens em dias de chuva, assim era o resplendor que a envolvia. Era esta visão a imagem da glória do Senhor.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.