Ezequiel 17
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
1 O Senhor me disse o seguinte:
2 “Yaa ilma namaa, hibboo dubbadhuutii mana Israaʼelitti fakkeenya himi.
2 — Homem mortal , faça para os israelitas uma comparação
3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Risaan guddaan qoochoo jabaa, baallee dhedheeraa fi bifa adda addaa qabu tokko gara Libaanoon dhufe. Innis mataa muka birbirsaa fudhatee
3 para que saibam o que eu, o Senhor Deus, estou dizendo. Era uma vez uma águia gigantesca , de asas enormes, bem abertas, toda coberta de lindas penas. Ela voou para os montes Líbanos e quebrou a ponta de um cedro .
4 lataa fiixee isaa irraa cabsee biyya daldaltootaatti geesse; magaalaa daldaltootaa keessas dhaabe.
4 Ela levou essa ponta para uma terra de negociantes e a deixou numa cidade de vendedores .
5 “ ‘Innis sanyii biyya keetii keessaa waa fuudhee biyyoo gabbataa keessa kaaʼe. Akka muka qarqara lagaatti biqiluutti bishaan guddaa bira dhaabe;
5 Aí ela pegou na terra de Israel a muda de uma planta e a plantou numa terra boa, onde sempre havia água para fazê-la crescer.
6 innis biqilee hidda yaafatee muka wayinii dagaage taʼe. Dameewwan isaa gara isaatti deebiʼan; hiddi isaa garuu isuma jalatti hafe. Inni akkasiin muka wayinii taʼee dameewwan baala hedduu qaban baafate.
6 A planta cresceu e se tornou uma parreira baixa, mas esparramada. Os galhos se viraram para o lado da águia, e as raízes cresceram bem fundas. A parreira tinha galhos e estava coberta de folhas.
7 “ ‘Ergasiis risaa guddaa kan qoochoo guddaa fi baallee baayʼee qabu kan biraatu ture. Mukti wayinii sunis bishaan akka argatuuf lafa qotiisaa dhaabamee ture sana keessaa gara risaa sanaatti hidda yaafatee dameewwanis balʼifate.
7 — Havia outra águia gigantesca , de asas enormes e muitas penas. A parreira virou as suas raízes e os seus galhos na direção da águia , esperando que ela lhe desse mais água do que havia no pomar onde estava plantada.
8 Mukti wayinii sun akka dameewwan baasuuf, akka ija naqatuu fi akka wayinii itti tole taʼuuf biyyoo gaarii qarqara bishaan guddaa jiru keessa dhaabamee ture.’
8 Mas a parreira tinha sido plantada em terra boa e bem-regada, para que fosse uma ótima planta, coberta de folhas, e que produzisse uvas.
9 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Inni ni guddataa? Inni akka goguuf buqqifamee iji isaa irraa harcaʼa mitii? Lataan isaa hundinuus ni goga. Hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree jabaa yookaan nama hedduu hin barbaachisu.
9 — Agora, eu, o Senhor Deus, pergunto: “Será que essa parreira vai crescer? Será que a primeira águia não vai arrancá-la pelas raízes, apanhar as uvas e quebrar os ramos, deixando-os secar? Não será necessária muita força nem uma nação poderosa para arrancá-la.
10 Inni utuma iddoo tokkoo buqqifamee iddoo biraa dhaabamee iyyuu ni guddataa? Inni yeroo bubbeen baʼa biiftuu itti bubbistutti lafa qotiisaa keessatti biqile sana irratti guutumaan guutuutti coollagee hin goguu?’ ”
10 Sim! Ela está plantada, mas será que vai crescer? Será que não vai secar quando o vento leste a castigar? Será que não vai secar no pomar onde está plantada?”
11 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
11 E o Senhor me disse:
12 “Mana fincilaa kanaan, ‘Isin hiikkaa wantoota kanneenii hin beektanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhaqee, mootii isheetii fi namoota ishee ulfaatoo fuudhee Baabilonitti deebiʼe.
12 — Pergunte a esses rebeldes se entenderam o que essa comparação quer dizer. Diga-lhes que o rei da Babilônia veio a Jerusalém, pegou o rei e os seus oficiais e os levou para a Babilônia.
13 Ergasii immoo maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee kakachiisuudhaan isa wajjin walii galtee uummate. Akkasumas namoota biyya sanaa jajjaboo fuudhee deeme;
13 Ele escolheu um homem da família do rei , fez um tratado com ele e o obrigou a jurar que lhe seria fiel. O rei da Babilônia também levou os homens importantes
14 kunis akka mootummaan sun gad deebiʼee mataa ol qabachuu dadhabee walii galtee sana qofaan jiraachuu dandaʼuuf.
14 para evitar que a nação se levantasse outra vez e para ter certeza de que o tratado seria cumprido.
15 Mootichi garuu fardeenii fi loltoota hedduu argachuuf jedhee ergamoota isaa Gibxitti ergachuudhaan isatti fincile. Inni amma ni milkaaʼaa? Namni waan akkanaa hojjetu ni miliqaa? Inni walii galtee sana cabsee jalaa baʼuu dandaʼaa?
15 Mas o rei de Judá se revoltou e enviou mensageiros ao Egito para conseguirem cavalos e um exército numeroso. Será que isso vai dar certo? E quem faz uma coisa dessas, será que vai escapar? Será que pode quebrar o tratado e escapar do castigo?
16 “ ‘Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; inni Baabilon keessatti biyyuma mooticha teessoo irra isa kaaʼe kan inni kakuu isaa tuffatee walii galtee isaas cabse sanaa keessatti ni duʼa.
16 — Juro pela minha vida — diz o Senhor Deus — que esse rei morrerá na Babilônia, pois quebrou o juramento e o tratado que havia feito com o rei da Babilônia, que o pôs no trono.
17 Yeroo lubbuu hedduu galaafachuuf tuullaan biyyoo tuulamee daʼannoon ijaaramutti, Faraʼoon loltoota isaa jajjaboo fi tuuta nama baayʼee wajjin waraana keessatti homaa isa hin fayyadu.
17 Nem o poderoso exército do rei do Egito seria capaz de ajudá-lo na guerra, quando os babilônios construírem rampas e torres de ataque a fim de matar muita gente.
18 Inni walii galtee tuffatee kakuu cabse. Sababii walii galteedhaan harka dhaʼee garuu waan kana hunda hojjeteef inni hin baʼu.
18 Ele quebrou o juramento e o tratado que havia feito. E, porque fez todas essas coisas, não escapará.
19 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, ani kakuu koo kan inni tuffatee fi walii galtee koo kan inni cabse sana matuma isaatti nan deebisa.
19 O Senhor Deus diz: — Juro pela minha vida que eu castigarei o rei por ter quebrado o tratado que pelo meu nome ele jurou guardar.
20 Ani kiyyoo koo isaaf nan diriirsa; innis kiyyoo kootiin ni qabama. Sababii inni anaaf amanamuu dideef ani Baabilonitti isa geessee achitti isatti nan mura.
20 Estenderei uma rede de caçador e o pegarei nela. Eu o levarei à Babilônia e o castigarei ali, pois ele foi infiel a mim.
21 Loltoonni isaa kanneen baqatan hundinuu goraadeedhaan ajjeefamu; warri hafan immoo bubbeetti bittinneeffamu. Gaafas isin akka ani Waaqayyo dubbadhe ni beektu.
21 Os seus melhores soldados serão mortos em batalha, e os que ficarem vivos serão espalhados em todas as direções. Aí vocês ficarão sabendo que eu, o Senhor , falei.
22 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani mataan koo mataa birbirsaa irraa damee tokko kutee nan dhaaba; fiixee isaa irraa immoo lataa kichuu cabsee tulluu guddaa ol dheeraa tokko irra nan dhaaba.
22 O Senhor Deus diz isto: “Tirarei a ponta de um cedro alto ; cortarei um broto novo e o plantarei num monte elevado,
23 Anis ol dheerina tulluu Israaʼel irra isa nan dhaaba; inni immoo dameewwan yaafatee, ija naqatee birbirsa guddaa taʼa. Simbirroonni gosa hundaas isa irra jiraatu; isaanis gaaddisa dameewwan isaa jalatti iddoo bultii ni qabaatu.
23 no monte mais alto de Israel . Ele soltará galhos, produzirá sementes e se tornará um cedro muito lindo. Pássaros de todo tipo viverão ali e acharão abrigo na sua sombra.
24 Mukkeen bosonaa hundinuu akka ani Waaqayyo muka dheeraa gabaabsee muka gabaabaa immoo dheeressu ni beeku. Ani muka jiidhaa gogsee muka gogaa immoo akka inni lalisu nan godha.
24 Todas as árvores dos campos ficarão sabendo que eu sou o Eu derrubo as árvores altas e faço as árvores pequenas crescerem. Eu seco as árvores verdes e faço com que as árvores secas fiquem verdes de novo. — Eu, o
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.