Ezequiel 16
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
1 Então recebi outra mensagem do S enhor :
2 “Yaa ilma namaa, hojii ishee jibbisiisaa sana Yerusaalemitti himi;
2 “Filho do homem, faça Jerusalém ver como são detestáveis seus pecados.
3 akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan Yerusaalemiin akkana jedha: Sanyii fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa ti; abbaan kee nama Amoor; haati kee immoo nama Heet.
3 Transmita-lhe esta mensagem do S enhor Soberano: Você não passa de uma cananeia! Seu pai era amorreu, e sua mãe era hitita.
4 Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne yookaan akka qulqullooftuuf bishaaniin hin dhiqamne yookaan soogiddaan hin sukkuumamne yookaan huccuudhaan hin maramne.
4 No dia em que você nasceu, ninguém cortou seu cordão umbilical, nem a lavou, nem a esfregou com sal, nem a enrolou em panos.
5 Namni tokko iyyuu ija gara laafinaatiin si hin ilaalle yookaan wantoota kanneen siif gochuuf garaa siif hin laafne. Qooda kanaa ati dirreetti gatamte; ati gaafa dhalatte tuffatamtee turteetii.
5 Ninguém teve compaixão nem cuidou de você. No dia em que nasceu, você foi rejeitada e abandonada num campo.
6 “ ‘Anis utuun achiin darbuu siʼii dhiiga kee keessa ciiftee dhidhiitattu sin arge; utuma ati achi dhiiga kee keessa ciiftuu ani, “Jiraadhu!” siinan jedhe.
6 “Mas eu passei por lá e a vi, indefesa, esperneando em seu sangue, e lhe disse: ‘Viva!’.
7 Akkuma biqiltuu dirreettis sin guddise. Atis guddattee jabaattee lula akka malee miidhagu taate. Ati qullaa fi harka duwwaa turte, guntuta baaftee rifeensi kees guddate.
7 Eu a fiz desenvolver-se, como uma planta no campo. Você cresceu e se tornou uma linda joia. Seus seios se formaram e seu cabelo cresceu, mas você continuava nua.
8 “ ‘Ani yeroon deebiʼee achiin darbutti si ilaaleen akka ati jaalalaaf geesse sin arge; handaara wayyaa kootiis sirra buuseen qullummaa kee haguuge. Siif kakadhees si wajjin waadaa nan gale, jedha Waaqayyo Gooftaan; atis kan koo taate.
8 Quando passei por você outra vez, vi que já tinha idade suficiente para amar. Eu a envolvi com meu manto para cobrir sua nudez e pronunciei meus votos de casamento. Fiz uma aliança com você, diz o S enhor Soberano, e você se tornou minha.
9 “ ‘Ergasii ani bishaaniin si dhiqee dhiiga sirraa miicee zayitii si dibe.
9 “Então lavei você, limpei o sangue e passei óleo perfumado em sua pele.
10 Ani uffata faayeffame sitti uffisee kophee gogaa irraa hojjetame illee sitti nan kaaʼe. Wayyaa miidhagaa quncee talbaa irraa hojjetame sitti uffisee uffata gatii guddaa immoo sirra buuse.
10 Eu lhe dei roupas caras de linho fino e de seda com lindos bordados e sandálias feitas do mais excelente couro de cabra.
11 Ani faayaan si miidhagseera jechuunis irree keetti bitawoo, morma keetti immoo amartii siif godheera;
11 Também lhe dei belas joias, pulseiras e lindos colares,
12 ani funyaan keetti qubeelaa, gurra keetti amartii, mataa keetti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼeera.
12 uma argola para o nariz, brincos para as orelhas e uma bela coroa para a cabeça.
13 Atis akkasiin warqee fi meetiidhaan miidhagfamte; uffanni kees quncee talbaatii fi haarriidhaan faayeffamee hojjetamee ture; nyaanni kee daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii ejersaa ture. Ati akka malee bareeddee mootittii taʼuuf kaate.
13 Assim, você foi enfeitada com ouro e prata. Suas roupas eram feitas de linho fino e seda e tinham lindos bordados. Você comia os alimentos mais seletos — farinha da melhor qualidade, mel e azeite — e se tornou mais linda que nunca. Parecia uma rainha, e de fato era!
14 Waaʼee bareedina keetiitiifis maqaan kee saboota gidduu tamsaʼe; surraan ani siif kenne bareedina kee kan hanqina hin qabne godheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
14 Sua fama logo se espalhou por todo o mundo, por causa de sua beleza. Eu a vesti com meu esplendor e aperfeiçoei sua beleza, diz o S enhor Soberano.
15 “ ‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef.
15 “No entanto, você pensou que era dona de sua fama e de sua beleza. Então, entregou-se como prostituta a todo homem que passava. Sua beleza estava à disposição de quem a pedisse.
16 Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu.
16 Usou os presentes lindos que lhe dei para fazer altares para seus ídolos e ali se prostituiu. Nunca se viu uma coisa dessas!
17 Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte.
17 Pegou as joias e os enfeites de ouro e prata que lhe dei, fez estátuas de homens e as adorou. Desse modo, cometeu adultério contra mim.
18 Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite.
18 Com as lindas roupas bordadas que lhe dei, vestiu seus ídolos e usou meu óleo perfumado e meu incenso para adorá-los.
19 Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
19 Colocou diante deles como sacrifício a farinha da melhor qualidade, o azeite e o mel com que cuidei de você, diz o S enhor Soberano.
20 “ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee?
20 “Depois, pegou seus filhos e suas filhas, que havia gerado para mim, e os sacrificou a seus deuses. Acaso não bastou você se prostituir?
21 Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote.
21 Também teve de matar meus filhos como sacrifício a ídolos?
22 Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.
22 Em todo o seu pecado detestável e em seu adultério, você não se lembrou daqueles dias, muito tempo atrás, em que estava nua e abandonada, esperneando em seu sangue.
23 “ ‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha Waaqayyo Gooftaan. Jalʼina kee kaan hunda irratti immoo,
23 “Que aflição a espera!, diz o S enhor Soberano. Além de todas as suas maldades,
24 ofii keetiif waltajjii qopheeffatte; oobdiiwwan uummataa hundatti galma waaqeffannaa ol dheeraa hojjette.
24 você construiu um lugar de adoração e ergueu altares a ídolos em todas as praças da cidade.
25 Fiixee daandii hundaatti gaarran sagadaa kee ol dhedheeroo ijaarratte; nama achiin darbu hundaaf dhagna kee dhiʼeessitee sagaagalummaa kee baayʼisuudhaan miidhagina kee busheessite.
25 Em cada esquina, contaminou sua beleza e ofereceu seu corpo a todos que passavam, aumentando sua prostituição.
26 Ati warra Gibxi, olloota kee kanneen dhagna guddaa qaban wajjin sagaagaltee sagaagalummaa kee kan hamma hin qabne sanaan dheekkamsaaf na kakaafte.
26 Então acrescentou a seus amantes o lascivo Egito e provocou minha ira com promiscuidade cada vez maior.
27 Kanaafuu ani harka koo sitti kaasee qooda kee sirraa nan hirʼise; ani intallan Filisxeemotaa warra diinota kee taʼan kanneen amala sagaagalummaa kee saalfatanitti dabarsee si kenneera.
27 Por isso eu a feri com minha mão e reduzi seu território. Entreguei-a a seus inimigos, os filisteus, e até eles ficaram espantados com sua conduta depravada.
28 Ati sababii dharraa hin baʼiniif warra Asoor wajjinis akkasuma sagaagalte; ati amma illee dharraa hin baane.
28 Você também se prostituiu com os assírios. Parece que nunca se cansa de procurar amantes! E, mesmo depois de se prostituir com eles, não ficou satisfeita.
29 Ergasiis itti fuftee daldaltoota biyya Baabilon wajjin sagaagalte; garuu kanaan iyyuu dharraa hin baane.
29 Acrescentou a seus amantes a Babilônia, terra de comerciantes, mas ainda assim não se contentou.
30 “ ‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha Waaqayyo Gooftaan.
30 “Como seu coração é fraco, diz o S enhor Soberano, para fazer essas coisas e se comportar como uma prostituta desavergonhada!
31 Ati yeroo fiixee daandii hundaatti waltajjii tolfattee oobdii uummataa hunda irratti iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroo ijaarrattetti, ati sababii gatii hin baasisiniif akka sagaagaltuu tokkoo hin turre.
31 Constrói lugares de adoração em todas as esquinas e altares a seus ídolos em todas as praças. Na verdade, você foi pior que uma prostituta, pois nem exigiu pagamento.
32 “ ‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta!
32 Sim, você é uma esposa adúltera que acolhe estranhos em vez do marido.
33 Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf.
33 As prostitutas cobram por seus serviços, mas você não! Oferece presentes a seus amantes e os suborna para adulterarem com você.
34 Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti.
34 Faz, portanto, o contrário de outras prostitutas. Paga seus amantes em vez de eles pagarem você!”
35 “ ‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
35 “Portanto, prostituta, ouça esta mensagem do S enhor .
36 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef,
36 Assim diz o S enhor Soberano: Visto que você derramou sua lascívia e se expôs em prostituição a todos os seus amantes, adorou ídolos detestáveis e matou seus filhos como sacrifícios a seus deuses,
37 ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu.
37 ouça o que farei. Reunirei todos os seus aliados — seus amantes com os quais você teve prazer, os que você amou e também os que odiou — e a deixarei nua diante deles, para que todos a vejam.
38 Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa.
38 Eu a castigarei por homicídio e adultério e, na fúria de meu ciúme, a cobrirei de sangue.
39 Ergasii ani harka michoota keetiitti dabarsee sin kenna; isaanis waltajjii kee ni diigu; iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroos ni barbadeessu. Isaan wayyaa kee sirraa baasanii faaya kee miidhagaa sana illee sirraa fudhatu; qullaa keetii fi harka duwwaas si hambisu.
39 Então a entregarei a esses muitos povos que são seus amantes, e eles a destruirão. Derrubarão seus lugares de adoração e os altares de seus ídolos. Arrancarão suas roupas, levarão suas lindas joias e a deixarão completamente nua.
40 Isaan jeeqxota sitti kakaasu; jarris dhagaadhaan si tuman; goraadeedhaanis si kukkutu.
40 Eles se juntarão e formarão uma multidão violenta que a apedrejará e a cortará com espadas.
41 Isaan manneen keessan ni gubu; fuula dubartoota hedduu durattis isin adaban. Ani sagaagaltummaa kee sin dhiisisa; siʼachis michoota keetiif gatii hin kaffaltu.
41 Queimarão suas casas e a castigarão diante de muitas mulheres. Eu porei fim à sua prostituição, e você não pagará mais seus muitos amantes.
42 Yoos dheekkamsi koo sirraa qabbanaaʼa; hinaaffaan koos sirraa ni deebiʼa; ani nan calʼisa; siʼachis hin aaru.
42 “Por fim, satisfarei minha fúria contra você, e meu ciúme se acalmará. Ficarei tranquilo e já não ficarei irado com você.
43 “ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii?
43 Primeiro, porém, uma vez que você não se lembrou de sua juventude, mas provocou minha ira com todas as suas maldades, eu lhe darei o castigo merecido por sua conduta, diz o S enhor Soberano. Pois a todos os seus pecados detestáveis você acrescentou a depravação.
44 “ ‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka.
44 Todos que inventam provérbios dirão a seu respeito: ‘Tal mãe, tal filha’.
45 Ati intala haadha kee kan dhirsaa fi ijoollee ishee balfite sanaa ti; ati obboleettii obboleettota kee kanneen dhirsoota isaaniitii fi ijoollee isaanii balfan sanaa ti. Haati kee nama Heeti, abbaan kee immoo nama Amoor turan.
45 Pois sua mãe detestava o marido e os filhos, e você faz o mesmo. É exatamente como suas irmãs, que também desprezaram marido e filhos. De fato, sua mãe era hitita, e seu pai, amorreu.
46 Obboleettiin kee hangafni Samaariyaa ishee intallan ishee wajjin siin gama kaabaa jiraattu sanaa ti; obboleettiin kee quxisuun Sodoom ishee intallan ishee wajjin siin gama kibbaa jiraattuu ti.
46 “Sua irmã mais velha era Samaria, que vivia com as filhas ao norte. Sua irmã mais nova era Sodoma, que vivia com as filhas ao sul.
47 Ati karaa isaanii duukaa buutee hojiiwwan isaanii jibbisiisoo sana hojjechuu qofa utuu hin taʼin karaa kee hundumaan daftee isaan caalaa amala badde.
47 Mas você não apenas imitou sua conduta e seus pecados detestáveis; em pouco tempo, você as superou em sua depravação.
48 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; obboleettiin kee Sodoomii fi intallan ishee iyyuu takkumaa waan atii fi intallan kee hojjettan kana hin hojjenne.
48 Tão certo como eu vivo, diz o S enhor Soberano, Sodoma e suas filhas nunca foram tão perversas quanto você e suas filhas.
49 “ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre.
49 Sodoma cometia os pecados de orgulho, glutonaria e preguiça, enquanto os pobres e necessitados sofriam.
50 Isaan of tuultota turan; fuula koo duratti waan jibbisiisaa hojjetan. Kanaafuu ani akkuma isin argitan sana isaan nan balleesse.
50 Era arrogante e cometia pecados detestáveis, por isso eu a exterminei, como você viu.
51 Samaariyaan cubbuu ati hojjette sana walakkaa isaa illee hin hojjenne. Ati isaan caalaa waan jibbisiisaa hojjettee waanuma hojjette kana hundaan obboleettota kee qajeeltota fakkeessite.
51 “Nem mesmo Samaria cometeu metade dos pecados que você cometeu. Você fez coisas muito mais detestáveis que suas irmãs. Comparadas a você, elas parecem justas.
52 Ati waan obboleettota keetiif falmii qopheessiteef qaanii kee baadhadhu. Sababii cubbuun kee cubbuu isaanii caalaa hamaa taʼeef isaan si caalaa qajeeltota fakkaatu. Kanaafuu qaanaʼiitii salphina kee baadhadhu; ati akka obboleettonni kee qajeeltota fakkaatan gooteertaatii.
52 Você deveria se envergonhar. Seus pecados são tão terríveis que fazem suas irmãs parecerem justas, e até mesmo puras. Que coisa vergonhosa!
53 “ ‘Taʼus ani hambaa Sodoomii fi kan intallan ishee, kan Samaariyaatii fi kan intallan ishee, kan kees kan isaanii wajjin nan deebisa;
53 “Um dia, porém, restaurarei Sodoma e Samaria, e você também.
54 kunis akka ati salphina kee baadhattee waan isaan jajjabeessuuf hojjette sana hundaan qaanoftuuf.
54 Então você ficará verdadeiramente envergonhada de tudo que fez, pois seus pecados fazem suas irmãs se sentirem bem em comparação com você.
55 Obboleettonni kee Sodoomii fi intallan ishee, Samaariyaa fi intallan ishee akkuma duraan turanitti ni deebiʼu; atii fi intallan kees akkuma duraan turtanitti ni deebitu.
55 Quando suas irmãs, Sodoma e Samaria, e todos os seus habitantes forem restaurados, você também será restaurada.
56 Ati bara of tuulaa turte sana keessa obboleettii kee Sodoomiin maqaa iyyuu hin dhoofne;
56 Você, em seus dias de arrogância, desprezava Sodoma.
57 kunis utuu hamminni kee ifatti hin baʼin ture. Taʼus ati amma intallan Edoomiin, olloota ishee hundaa fi intallan Filisxeemotaa jechuunis warra naannoo kee jiraatan kanneen si tuffatan hundaan ni balfamta.
57 Agora, porém, sua perversidade se tornou evidente para todo o mundo, e você é desprezada por Edom, por todos os vizinhos dele e pela Filístia.
58 Ati gatii wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetteetii fi kan hojii kee jibbisiisaa sanaa ni argatta, jedha Waaqayyo.
58 Esse é o castigo por sua depravação e seus pecados detestáveis, diz o S enhor .
59 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati kakuu cabsuudhaan walii galtee koo tuffatteef, ani akkuma siif malutti sin adaba.
59 “Assim diz o S enhor Soberano: Eu lhe darei o que você merece, pois não levou a sério seus votos solenes e quebrou sua aliança.
60 Taʼus ani kakuun yeroo ijoollummaa keetiitti si wajjin gale sana nan yaadadha; kakuu bara baraan hin diigamnes si wajjin nan gala.
60 Contudo, me lembrarei da aliança que fiz com você em sua juventude e estabelecerei com você uma aliança permanente.
61 Ati gaafas yeroo obboleettota kee hangafaa fi quxisuu simattutti, karaa kee yaadattee ni qaanofta. Ani intallan taasisee isaan siifan kenna; garuu kun akka kakuu ani si wajjin gale sanaa miti.
61 Então você se lembrará com vergonha de tudo que fez. Farei que suas irmãs, Samaria e Sodoma, se tornem suas filhas, embora elas não façam parte de nossa aliança.
62 Ani si wajjin kakuu nan gala; atis akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.
62 Reafirmarei minha aliança com você, e você saberá que eu sou o S enhor .
63 Yeroo ani waan ati hojjette hunda siif dhiisutti, ati sababii salphina keetiitiif yaadattee ni qaanofta; lammatas afaan hin saaqattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
63 Você se lembrará de seus pecados e ficará calada de tanta vergonha quando eu perdoar tudo que fez. Eu, o S enhor Soberano, falei!”.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.