Ezequiel 14
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Maanguddoota Israaʼelii keessaa tokko tokko na bira dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
1 Alguns líderes israelitas vieram me perguntar qual era a vontade do Senhor .
2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
2 Então o Senhor me disse o seguinte:
3 “Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa?
3 — Homem mortal , esses homens deram o seu coração aos ídolos e estão deixando que os ídolos os façam pecar. Será que pensam que vou lhes dar alguma resposta?
4 Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf.
4 — Pois bem, diga aquilo que eu, o Senhor Deus, estou lhes dizendo: “Todo israelita que sente no coração a vontade de adorar ídolos, que está permitindo que eles o façam pecar e que vai consultar um profeta receberá a minha resposta. E será a resposta que os seus muitos ídolos merecem.
5 Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’
5 Todos esses ídolos desviaram o meu povo de mim, porém com a minha resposta espero que ele volte a ser fiel a mim como antes.”
6 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa!
6 — Por isso, diga aos israelitas que eu, o Senhor Deus, estou dizendo o seguinte: “Arrependam-se e abandonem os seus ídolos nojentos.”
7 “ ‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo mataan koo deebii nan kennaaf.
7 — Quando um israelita ou um estrangeiro que mora em Israel se afastar de mim, e for tentado a adorar ídolos e deixar que eles o façam pecar, e então for consultar um profeta — eu, o Senhor , é que lhe darei a resposta!
8 Ani namicha sana miidhuuf fuula koo isatti garagalfadhee fakkeenya waan kolfaa isa nan godha. Saba koo irraas isa nan kuta. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
8 Eu ficarei contra essa pessoa e farei dela um exemplo. Eu a arrancarei do meio do meu povo, e assim todos ficarão sabendo que eu sou o Senhor .
9 “ ‘Raajichi yoo raajii dubbachuuf gowwoomfame, ani Waaqayyo raajii sana nan gowwoomsa; harka koos isatti kaafadhee saba koo Israaʼel gidduudhaa isa nan balleessa.
9 — Se um profeta for enganado e der uma resposta falsa, fui eu, o Senhor , quem o enganou. Eu o tirarei do meio do povo de Israel.
10 Isaan yakka isaanii ni baadhatu; raajiin sunis akkuma nama gorsa isa gaafate sanaa yakkamaa taʼa.
10 Tanto o profeta como aquele que o consultar receberão o mesmo castigo.
11 Kunis akka sabni Israaʼel siʼachi narraa goree yookaan deebiʼee cubbuu isaa hundaan of hin xureessineef. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
11 Farei isso para evitar que os israelitas me abandonem e se manchem com os seus pecados. Eles serão o meu povo, e eu serei o Deus deles. Eu, o Senhor Deus, falei.
12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
12 O Senhor me disse o seguinte:
13 “Yaa ilma namaa, yoo biyyi tokko amanamuu diduudhaan cubbuu natti hojjette ani harka koo isheetti kaasee madda nyaata ishee nan gogsa; beelas itti ergee namoota isheetii fi horii ishee jalaa nan fixa;
13 — Homem mortal , se uma nação pecar e for infiel a mim, eu levantarei a mão contra ela e destruirei os seus depósitos de alimentos. Farei com que haja fome para matar gente e animais.
14 yoo namoonni sadan kunneen jechuunis Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
14 Mesmo que Noé, Danel e Jó estivessem vivendo ali, a honestidade desses três homens salvaria apenas a vida deles. Eu, o Senhor Deus, falei.
15 “Yookaan yoo ani guutummaa biyya sanaatti bineensa ergee bineensi sun immoo biyya sana ijoollee malee hambise, yoo hamma namni tokko iyyuu sababii bineensa sanaatiif achiin darbuu dadhabutti biyyi sun one,
15 — Se eu mandar animais ferozes para matar as pessoas, e por causa deles a terra ficar tão perigosa, que ninguém possa viajar nela,
16 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama; biyyi sun garuu ni onti.
16 mesmo que esses três homens estivessem vivendo ali — juro pela minha vida, diz o Senhor Deus — eles não seriam capazes de salvar nem os seus próprios filhos. Eles salvariam somente a sua própria vida, e a terra viraria um deserto.
17 “Yookaan yoo ani goraadee biyyattiitti fidee, ‘Goraadeen biyyattii keessa haa darbu’ jedhee namaa fi horii ishee fixe,
17 — Se eu mandar a esse país guerra e armas destruidoras para acabar com pessoas e animais,
18 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama.
18 mesmo que esses três homens estivessem vivendo ali — juro pela minha vida, diz o Senhor Deus — eles não seriam capazes de salvar nem os seus próprios filhos, mas apenas a sua própria vida.
19 “Yookaan yoo ani biyya sanatti dhaʼicha ergee namaa fi horii ishee fixee dhiiga lolaasuudhaan dheekkamsa koo itti roobse,
19 — Se eu mandar uma epidemia a esse país e derramar a minha ira sobre a terra para tirar muitas vidas, matando gente e animais,
20 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu.
20 mesmo que Noé, Danel e Jó estivessem vivendo ali — juro pela minha vida, diz o Senhor Deus — eles não seriam capazes de salvar nem os seus próprios filhos. A honestidade deles salvaria apenas a sua própria vida.
21 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Yeroo ani namaa fi horii ishee fixuuf murtiiwwan hadhaaʼaa afran sana jechuunis goraadee fi beela, bineensaa fi dhaʼicha Yerusaalemitti ergutti hammam wanni hamaan haa taʼu ree!
21 O Senhor Deus diz o seguinte: — Vou mandar a Jerusalém os meus quatro castigos mais violentos, isto é, guerra, fome, animais ferozes e doenças, para destruir pessoas e animais.
22 Taʼus ilmaanii fi intallan isaanii kanneen ishee keessaa baafamanii baraaraman muraasni achi ni jiraatu. Isaanis gara keessan ni dhufu; isin immoo yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti sababii ani Yerusaalemitti badiisa fideef jechuunis badiisa ani isheetti fide hundaaf ni jajjabaattu.
22 Se alguns escaparem e salvarem os seus filhos, olhem bem para eles quando chegarem. Vocês verão como eles são maus e se convencerão de que o castigo que estou dando a Jerusalém é merecido.
23 Isin yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti akka ani sababii malee homaa ishee keessatti hin godhin waan beektaniif ni jajjabaattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
23 Quando virem como eles são maus, vocês se convencerão e ficarão sabendo que houve motivo justo para tudo o que fiz. Eu, o Senhor Deus, falei.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ezequiel 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.