Êxodo 8
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.
1 Depois o Senhor Deus disse a Moisés: — Vá falar com o rei e diga que o
2 Yoo ati gad isa dhiisuu didde immoo kunoo ani biyya kee guutuutti dhaʼicha fattee nan erga.
2 Se você não deixar, eu castigarei o seu país, cobrindo-o de rãs.
3 Lagni Abbayyaa fatteedhaan guutuma; isaanis ol baʼanii mana keetti, dinqa keetti, siree keetti, mana hojjettoota keetiitti, saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keetiittis namʼu.
3 O rio Nilo ficará cheio de rãs, e elas sairão dele e entrarão no palácio do rei, no seu quarto, na sua cama, nas casas dos seus funcionários e do seu povo e até dentro dos fornos e das bacias de amassar pão.
4 Fatteewwan kunneen siʼii fi saba kee, qondaaltota kee hundas ni yaabbatu.’ ”
4 As rãs pularão em cima de você, do seu povo e de todos os seus funcionários.”
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii harka kee burqaawwan irratti, lageenii fi kuusaa bishaanii irratti ol kaafadhuutii akka fatteewwan biyya Gibxitti dhufan godhi.’ ”
5 O Senhor Deus disse ainda a Moisés: — Diga a Arão que estenda o bastão sobre os rios, os canais e os poços e faça com que as rãs saiam das águas e cubram a terra do Egito.
6 Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan.
6 Aí Arão estendeu a mão sobre as águas do Egito, e as rãs saíram das águas e cobriram todo o país.
7 Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
7 Porém os mágicos, com as suas artes, fizeram a mesma coisa; eles também trouxeram rãs sobre a terra do Egito.
8 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf Waaqayyo kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe.
8 Então o rei mandou chamar Moisés e Arão e lhes disse: — Peçam ao
9 Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe.
9 Moisés respondeu: — Terei muito prazer em levar o seu pedido. Diga quando é que o senhor quer que eu peça a Deus em seu favor, em favor dos seus funcionários e do seu povo, para que as rãs sumam do seu palácio e das casas e fiquem somente no rio.
10 Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen.
10 O rei respondeu: — Orem por mim amanhã. E Moisés disse: — Ó rei, vou fazer como pediu, e assim o senhor ficará sabendo que não há outro deus como o
11 Fatteewwan sun siʼii fi manneen kee irraa, qondaaltota keetii fi saba kee irraa ni badu; laga Abbayyaa qofa keessattis ni hafu.”
11 O senhor, os seus funcionários e o seu povo ficarão livres das rãs; só no rio Nilo é que haverá rãs.
12 Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa Waaqayyotti iyye.
12 Moisés e Arão saíram do palácio do rei. Depois Moisés pediu ao Senhor Deus que retirasse as rãs que ele havia mandado contra o rei.
13 Waaqayyos akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman.
13 E o Senhor atendeu o seu pedido: as rãs que estavam nas casas, nos quintais e nos campos morreram.
14 Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte.
14 Os egípcios fizeram muitos montes de rãs, e um cheiro horrível se espalhou pelo país inteiro.
15 Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma Waaqayyo dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
15 Quando o rei viu que as rãs tinham morrido, continuou teimando, como o Senhor tinha dito, e não atendeu o pedido de Moisés e Arão.
16 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan, “Arooniin, ‘Ulee kee ol kaasiitii awwaara lafaa dhaʼi’ jedhi; awwaarri sunis biyya Gibxi guutuu keessatti injiraan taʼa” jedhe.
16 O Senhor Deus disse a Moisés: — Diga a Arão que bata na terra com o bastão para que em todo o Egito o pó vire piolhos.
17 Isaanis akkasuma godhan. Yommuu Aroon harka isaa isa ulee qabate ol kaafatee awwaara lafaa dhaʼetti injiraan namaa fi horiitti duudde. Awwaarri guutuu biyya Gibxi keessa jiru hundi injiraan taʼe.
17 E Arão bateu na terra com o bastão, e todo o pó do Egito virou piolhos, que cobriram as pessoas e os animais.
18 Tolfattoonni garuu falfala isaaniitiin injiraan gad yaasuu yaalanii dadhaban.
18 Os mágicos tentaram fazer aparecer piolhos, mas não conseguiram. E as pessoas e os animais continuaram cobertos de piolhos.
19 Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide.
19 Então os mágicos disseram ao rei: — Foi Deus quem fez isso! Mas o rei continuou teimando, como o
20 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon duratti dhiʼaadhu; kunoo inni gara bishaanitti gad baʼa; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka inni na tajaajiluuf saba koo gad dhiisi.
20 O Senhor Deus disse a Moisés: — Amanhã cedo, quando o rei for até a beira do rio, vá falar com ele e diga-lhe que eu, o
21 Yoo ati saba koo gad dhiisuu didde immoo kunoo, ani tuuta tisiisaa sitti, qondaaltota keetti, saba keetti, manneen keetti nan erga. Manneen warra Gibxi, lafti isaan jiraatanis tisiisaan guutamu.
21 Se você não deixar, eu mandarei moscas para castigar você, os seus funcionários e o seu povo. As casas dos egípcios ficarão cheias de moscas, e o chão ficará coberto com elas.
22 “ ‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani Waaqayyo biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu.
22 Mas naquele dia separarei a região de Gosém, onde mora o meu povo, para que ali não haja moscas. Assim, você ficará sabendo que eu, o Senhor , estou aqui neste país.
23 Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’ ”
23 Farei diferença entre o meu povo e o seu povo. Este milagre vai acontecer amanhã.”
24 Waaqayyos akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame.
24 Assim fez Deus, o Senhor , e entraram grandes enxames de moscas no palácio do rei e nas casas dos seus funcionários. E, por causa das moscas, houve muito prejuízo no Egito inteiro.
25 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen.
25 Então o rei chamou Moisés e Arão e disse: — Vão oferecer
26 Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree?
26 Moisés respondeu: — Isso não daria certo, pois os animais que oferecemos em sacrifício ao
27 Akkuma inni nu ajajetti nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.”
27 Nós temos de caminhar três dias pelo deserto até chegarmos ao lugar onde vamos oferecer sacrifícios ao Senhor , nosso Deus, como ele mesmo nos ordenou.
28 Faraʼoonis, “Ani akka isin gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessitaniif gadin isin dhiisa; garuu baayʼee fagaattani hin deeminaa. Isinis Waaqa naa kadhadhaa” jedhe.
28 Então o rei disse: — Se vocês não forem muito longe, eu os deixarei ir ao deserto oferecer sacrifícios ao
29 Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu Waaqayyo nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.”
29 Moisés respondeu: — Logo que eu sair daqui, vou orar a Deus para que estes enxames de moscas deixem o senhor, os seus funcionários e o seu povo. Mas o senhor não deve nos enganar outra vez, proibindo que o povo vá oferecer sacrifícios a Deus, o
30 Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee Waaqayyo kadhate;
30 Então Moisés saiu do palácio e orou a Deus, o Senhor .
31 Waaqayyos akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne.
31 O Senhor fez o que Moisés havia pedido: ele fez com que as moscas deixassem o rei, os seus funcionários e o seu povo. Não ficou uma só mosca.
32 Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide.
32 Mas ainda dessa vez o rei continuou teimando e não deixou o povo ir.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.