Êxodo 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Waaqayyos Museedhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe.
1 O Senhor respondeu: "Verás o que vou fazer ao faraó: forçado por uma mão poderosa, ele os deixará partir; forçado por uma mão poderosa, ele os expulsará de sua terra".
2 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Ani Waaqayyo.
2 Deus disse a Moisés: "Eu sou o Senhor.
3 Ani akka Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuttan Abrahaamitti, Yisihaaqittii fi Yaaqoobitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Waaqayyoon isaanitti of hin beeksifne.
3 Apareci a Abraão, a Isaac e a Jacó como o Deus todo-poderoso, mas não me dei a conhecer a eles pelo meu nome de Javé.
4 Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera.
4 Eu me comprometi com eles a lhes dar a terra de Canaã, a terra onde levaram uma vida errante e habitaram como estrangeiros.
5 Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.
5 Ouvi o clamor dos israelitas oprimidos pêlos egípcios, e lembrei-me de minha aliança.
6 “Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Waaqayyo; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura.
6 Por isso, dize aos israelitas: eu sou o Senhor; vou libertar-vos do jugo dos egípcios e livrar-vos de sua servidão. Estenderei o braço para essa libertação e manifestarei uma terrível justiça.
7 Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Waaqa keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu.
7 Tomar-vos-ei para meu povo e serei o vosso Deus, e sabereis que eu sou o Senhor, vosso Deus, que vos terei libertado do jugo dos egípcios.
8 Ani biyya isan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Waaqayyo.’ ”
8 Introduzir-vos-ei na terra que jurei dar a Abraão, a Isaac e a Jacó: e vos darei a possessão dessa terra, eu, o Senhor".
9 Museenis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.
9 Moisés repetiu essas palavras aos israelitas, mas estes não o ouviram, tão grande era o abatimento de sua alma e penosa a sua servidão.
10 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
10 O Senhor disse então a Moisés:
11 “Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
11 "Vai pedir ao faraó, ao rei do Egito, que deixe sair de sua terra os israelitas".
12 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe.
12 Moisés respondeu ao Senhor: "Os israelitas não me ouviram; como me ouvirá o faraó, a mim que não tenho o dom da palavra?"
13 Waaqayyo garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Musee fi Aroonitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.
13 O Senhor falou a Moisés e a Aarão, e deu-lhes a ordem de irem ter com o faraó, o rei do Egito, a fim de tirarem da terra do Egito os filhos de Israel.
14 Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha:
14 Eis os chefes das famílias dos israelitas: filhos de Rubem, primogênito de Israel: Henoc, Falu, Hesron e Carmi. Estas são as famílias de Rubem.
15 Ilmaan Simiʼoon:
15 Filhos de Simeão: Jamuel, Jamim, Aod, Jaquim, Soar e Saul, filho da cananéia. Estas são as famílias de Simeão.
16 Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha:
16 Eis os nomes dos filhos de Levi, por ordem de gerações: Gerson, Caat e Merari. A duração da vida de Levi foi de cento e trinta e sete anos.
17 Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti:
17 Filhos de Gerson: Lobni e Semei, e suas famílias.
18 Ilmaan Qohaati:
18 Filhos de Caat: Amrão, Isaar, Hebron e Oziel. A duração da vida de Caat foi de cento e trinta e três anos.
19 Ilmaan Meraarii:
19 Filhos de Merari: Mooli e Musi. Tais são as famílias de Levi por ordem de gerações.
20 Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Aroonii fi Musee deesseef.
20 Amrão desposou Jocabed, sua tia, que lhe deu Aarão e Moisés. A duração da vida de Amrão foi de cento e trinta e sete anos.
21 Ilmaan Yizihaar:
21 Filhos de Isaar: Coré, Nefeg e Zecri.
22 Ilmaan Uziiʼeel:
22 Filhos de Oziel: Misael, Elisafã e Setri.
23 Aroon intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.
23 Aarão desposou Elisabet, filha de Aminadab, irmã de Naasson; ela lhe deu Nadab, Abiú, Eleazar e Itamar.
24 Ilmaan Qooraahi:
24 Filhos de Coré: Aser, Elcana e Abiasaf; estas são as famílias dos coreítas.
25 Eleʼaazaar ilmi Aroon intallan Fuutʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef.
25 Eleazar, filho de Aarão, desposou uma das filhas de Futiel, que lhe deu Finéas. Tais são os chefes das famílias dos levitas, com suas famílias.
26 Aroonii fi Museen warri Waaqayyo, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana.
26 Estes são Aarão e Moisés, a quem o Senhor disse: "Fazei sair do Egito os israelitas, segundo os seus exércitos".
27 Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Musee fi Aroon isaanuma kana.
27 Foram eles que falaram ao faraó, rei do Egito, para tirar do Egito os israelitas. São estes Moisés e Aarão.
28 Waaqayyo yeroo Gibxi keessatti Museetti dubbate sana
28 Quando o Senhor falou a Moisés no Egito,
29 akkana jedheen; “Ani Waaqayyoo dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
29 ele o fez nestes termos: "Eu sou o Senhor. Repete ao faraó, o rei do Egito, tudo o que te digo".
30 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe.
30 E Moisés respondeu-lhe: "Eu não tenho o dom da palavra; como me ouvirá o faraó?"

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.