Êxodo 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Museen, “Yoo isaan, ‘Waaqayyo sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu yookaan na dhagaʼuu didan hoo?” jedhee deebise.
1 Moisés respondeu: "Eles não me crerão, nem me ouvirão, e vão dizer que o Senhor não me apareceu".
2 Kana irratti Waaqayyo, “Wanti harka kee keessa jiru sun maali?” jedheen.
2 O Senhor disse-lhe: "O que tens na mão?" "Uma vara."
3 Waaqayyos, “Lafa buusi” jedheen.
3 "Joga-a por terra". Ele jogou-a por terra; e a vara transformou-se numa serpente, de modo que Moisés recuou.
4 Waaqayyo garuu Museedhaan, “Harka kee hiixadhuutii eegee isaa qabi” jedhe. Museenis hiixatee bofa sana qabe; bofti sunis harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe.
4 O Senhor disse-lhe: "Estende tua mão e toma-a pela cauda - ele estendeu a mão e tomou-a, e a serpente tornou-se de novo uma vara em sua mão-;
5 Waaqayyos, “kun akka isaan Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob sitti mulʼate akka amananiif” jedhe.
5 é para que creiam que o Senhor, o Deus de seus pais, o Deus de Abraão, o Deus de Isaac e o Deus de Jacó, realmente te apareceu".
6 Waaqayyos Museedhaan, “Harka kee bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe. Museenis harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa lamxii akka cabbii taʼe.
6 O Senhor continuou: "Mete a tua mão no teu seio". Ele meteu a mão em seu seio e, quando a retirou, sua mão estava leprosa, tão branca como a neve.
7 Innis Museedhaan, “Harka kee deebisii bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe; Museenis deebisee harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa deebiʼee akkuma dhagna isaa isa kaanii taʼe.
7 O Senhor disse-lhe: "Mete de novo a mão em teu seio". Ele meteu de novo a mão em seu seio e, retirando-a, eis que ela se tornara como o restante de sua carne.
8 Waaqayyos akkana jedhe; “Isaan yoo si amanuu baatanii mallattoo isa jalqabaa fudhachuu didan mallattoo lammaffaa ni amanu taʼa.
8 "Se não te crerem, nem obedecerem à voz do primeiro prodígio, crerão à voz do segundo.
9 Yoo isaan mallattoo kana lamaan amanuu baatanii si dhagaʼuu didan bishaan laga Abbayyaa budduuqsiitii lafa gogaa irratti dhangalaasi. Bishaan ati lagicha irraa budduuqsite sunis lafa gogaa irratti dhiiga taʼa.”
9 Se ainda permanecerem incrédulos diante desses dois prodígios, nem te ouvirem, tomarás da água do Nilo e derramá-la-ás por terra; a água tirada do rio tornar-se-á sangue sobre a terra".
10 Museenis Waaqayyoon, “Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha” jedhe.
10 Moisés disse ao Senhor: "Ah, Senhor! Eu não tenho o dom da palavra; nunca o tive, nem mesmo depois que falastes ao vosso servo; tenho a boca e a língua pesadas".
11 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma Waaqayyoo mitii?
11 O Senhor disse-lhe: "Quem deu uma boca ao homem? Quem o faz mudo ou surdo, o faz ver ou cego? Não sou eu o Senhor?
12 Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa.”
12 Vai, pois, eu estarei contigo quando falares, e ensinar-te-ei o que terás de dizer."
13 Museen garuu, “Yaa Gooftaa, maaloo nama biraa ergi” jedhe.
13 "Ah, Senhor! disse Moisés, mandai quem quiserdes!"
14 Dheekkamsi Waaqayyoos Musee irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; “Obboleessi kee Aroon Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada.
14 Então o Senhor irritou-se contra Moisés: "Não tens Aarão, disse ele, teu irmão, o levita? Eu sei que ele fala bem. Ei-lo justamente que vem ao teu encontro e, vendo-te, alegrar-se-á o seu coração.
15 Ati isatti dubbatee afaan isaa keessa dubbii ni keessa; anis afaan keetii fi afaan isaa wajjin nan taʼa; waan isin hojjettanis isin nan barsiisa.
15 Tu lhe falarás, pôr-lhe-ás as palavras na boca. E, quando falardes, eu estarei contigo e com ele, e vos ensinarei o que tereis a fazer.
16 Inni uummatatti siif dubbata; inni afaan siif taʼa; ati immoo isaaf akka Waaqaa ni taata.
16 É ele quem falará ao povo em teu lugar: ele te servirá de boca e tu lhe servirás de Deus.
17 Ati ulee ittiin mallattoo argisiiftu kana harkatti qabadhu.”
17 Toma em tua mão esta vara, com a qual operarás prodígios".
18 Museen gara abbaa niitii isaa gara Yetrootti deebiʼee, “Akka ani gara saba koo warra Gibxi jiraatanitti deebiʼee hamma ammaatti lubbuun jiraachuu isaanii arguuf maaloo naa eeyyami” jedheen.
18 Moisés partiu. De volta para junto de Jetro, seu sogro, disse-lhe: "Rogo-te que me deixes partir, e voltar para junto de meus irmãos no Egito; vou ver se ainda vivem." Jetro disse a Moisés: "Vai em paz". Volta de Moisés ao Egito
19 Waaqayyo Midiyaanitti Museedhaan, “Namoonni si ajjeesuu barbaadan hundi duʼaniiruutii Gibxitti deebiʼi” jedhee ture.
19 O Senhor disse a Moisés em Madiã: "Vai, volta ao Egito, porque todos aqueles que atentavam contra a tua vida estão mortos".
20 Kanaafuu Museen niitii isaatii fi ilmaan isaa fuudhatee harree irra kaaʼee Gibxitti deebiʼe. Innis ulee Waaqaa harkatti qabatee ture.
20 Moisés tomou consigo sua mulher e seus filhos, fê-los montar em jumentos e voltou para o Egito. Levava na mão a vara de Deus.
21 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ati yeroo Gibxitti deebitutti dinqiiwwan ani akka ati hojjetuuf humna siif kenne sana hunda fuula Faraʼoon duratti hojjedhu. Ani garuu akka inni saba sana gad hin lakkifne mata jabeessa isa nan godha.
21 O Senhor disse a Moisés: "Agora que voltas ao Egito, cuida para que todos os prodígios, que te concedi o poder de operar, tu os faças na presença do faraó. Mas endurecerei o seu coração e ele não deixará partir o povo.
22 Ati Faraʼooniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Israaʼel ilma koo hangafa;
22 Tu lhe dirás: assim fala o Senhor: Israel é meu filho primogênito.
23 anis, “Akka ilmi koo na tajaajiluuf gad lakkisi” jedhee sitti himeera. Ati garuu isa gad lakkisuu didde; kanaafuu, kunoo ani ilma kee hangafa nan ajjeesa.’ ”
23 Eu te digo: deixa ir o meu filho, para que ele me preste um culto. Se te recusas a deixá-lo partir, farei perecer teu filho primogênito".
24 Waaqayyo karaa irratti iddoo bultiitti Museetti dhufee isa ajjeesuu barbaade.
24 Estando Moisés a caminho, numa estalagem, atacou o Senhor Moisés procurando matá-lo.
25 Ziphooraa garuu dhagaa qara qabu fudhattee qola dhagna ilma ishee kuttee ittiin miilla Musee tuqxe. Isheenis, “Ati dhugumaan anaaf misirricha dhiigaati” jette.
25 Séfora tomou então uma pedra afiada, cortou o prepúcio de seu filho e atirou-o aos pés de Moisés, dizendo: "Tu me és um esposo de sangue!"
26 Waaqayyos isa dhiise. Yeroo sana isheen waaʼee dhagna qabaatiif, “Misirricha dhiigaa ti” jette.
26 Assim o Senhor o deixou. Séfora havia dito: "esposo de sangue", por causa da circuncisão.
27 Waaqayyos Arooniin, “Ati Musee simachuuf gara gammoojjii dhaqi!” jedhe. Innis dhaqee Tulluu Waaqaa irratti Musee argatee isa dhungate.
27 O Senhor disse a Aarão: "Vai ao encontro de Moisés no deserto." Aarão foi e, encontrando seu irmão na montanha de Deus, beijou-o.
28 Yeroo sana Museen dubbii Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa erge hundaa fi mallattoowwan akka inni hojjetuuf isa ajaje hunda Aroonitti hime.
28 Moisés contou-lhe tudo o que lhe tinha dito o Senhor ao enviá-lo, e todos os prodígios que lhe tinha ordenado fazer.
29 Musee fi Aroon maanguddoota Israaʼel hunda walitti qaban;
29 Moisés e Aarão continuaram seu caminho e reuniram todos os anciãos de Israel.
30 Aroonis waan Waaqayyo Museetti hime hunda jaratti hime. Mallattoowwanis fuula namootaa duratti hojjete;
30 Aarão repetiu todas as palavras que o Senhor tinha dito a Moisés, e este fez os prodígios em presença do povo.
31 isaanis ni amanan. Jarris yommuu akka Waaqayyo saba Israaʼel ilaalee fi akka inni rakkina isaaniis arge dhagaʼanitti gad jedhanii sagadan.
31 O povo acreditou. E, tendo ouvido que o Senhor viera visitar os filhos de Israel, e que vira sua aflição, inclinaram-se e prostraram-se.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.