Êxodo 39
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Isaanis uffata kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan dhaʼame kan iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf fayyadu hojjetan. Akkuma Waaqayyo Musee ajajettis uffata qulqulluu Arooniif hojjetan.
1 Com fios de lã azul, púrpura e vermelha foram feitas as roupas sagradas que os sacerdotes deveriam usar quando servissem no Lugar Santo . As roupas de sacerdote para Arão foram feitas como o Senhor havia ordenado a Moisés.
2 Isaanis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjetan.
2 Fizeram o manto sacerdotal de fios de lã azul, púrpura e vermelha, de linho fino e de fios de ouro.
3 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa qalʼaa isaa tolchuuf jedhanii warqee sana ogummaa harkaatiin tumanii akka baalaatti haphisanii foʼaa foʼaatti gargar kukkutan.
3 Fizeram lâminas finas de ouro batido, que foram cortadas em fios para serem tecidos com o linho fino e com os fios de lã azul, púrpura e vermelha.
4 Isaanis akka inni walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii kan golee isaa lamaanitti hidhamee ture dirata sanaaf tolchan.
4 Fizeram duas alças para o manto, as quais foram presas nos seus dois lados.
5 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
5 O cinto, que passava pela cintura do manto, formava uma só peça com ele e era feito dos mesmos materiais, como o Senhor havia ordenado a Moisés.
6 Isaanis dhagaawwan sardooniksii qopheessanii marsaa faaya warqee naannoo isaatti tolchan; maqaa ilmaan Israaʼelis akka chaappaatti isaan irratti soofan.
6 As pedras de ágata foram preparadas e montadas em engastes de ouro. E, com muita habilidade, gravaram nas pedras os nomes dos filhos de Jacó.
7 Ergasiis akka ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf akkuma Waaqayyo Musee ajajetti dhagaawwan sana funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisan.
7 Colocaram essas pedras nas alças do manto sacerdotal para representarem as doze tribos do povo de Israel, como o Senhor havia ordenado a Moisés.
8 Isaanis akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen ogummaadhaan kiisii qomaa tolchan.
8 O peitoral foi feito como o manto sacerdotal . Eles o fizeram de fios de lã azul, púrpura e vermelha e de linho fino enfeitado com bordados.
9 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee ture; innis walitti dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokkoo qaba ture.
9 O peitoral era quadrado e dobrado em dois. Media um palmo de comprimento por um palmo de largura.
10 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansan. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee,
10 Nele foram colocadas quatro carreiras de pedras preciosas. Na primeira puseram um rubi, um topázio e uma granada ;
11 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz,
11 na segunda carreira puseram uma esmeralda, uma safira e um diamante;
12 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
12 na terceira puseram uma turquesa, uma ágata e uma ametista ;
13 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansan. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchan.
13 e na quarta, um berilo , um ônix e um jaspe . Essas pedras foram montadas em engastes de ouro.
14 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame ni turan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabate.
14 Em cada uma dessas pedras estava gravado o nome de um dos filhos de Jacó, para representar as doze tribos de Israel.
15 Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼanii tolchan.
15 Com fios de ouro puro trançados fizeram cordões para o peitoral.
16 Isaanis marsaa faaya warqee lamaa fi qubeelaa warqee lama tolchanii qubeelaawwan sana rogawwan kiisii qomaa keessaa lamatti guduunfan.
16 Fizeram também duas argolas de ouro e as prenderam nas pontas da parte de cima do peitoral.
17 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfan.
17 Passaram os dois cordões de ouro nas duas argolas
18 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfanii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisan.
18 e prenderam as duas pontas dos cordões nos dois engastes de ouro do peitoral, que foram presos nas duas alças do manto, na parte da frente.
19 Qubeelaawwan warqee lama tolchanii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti qabsiisan.
19 Fizeram outras duas argolas de ouro e as prenderam nas duas pontas de baixo do peitoral, na borda do lado de dentro do manto.
20 Ergasiis qubeelaawwan warqee lama biraa tolchanii sabbata mudhiitii olitti garjalee funyoo gatiittii lamaan, fuula dirataa duraan jiru sanaatti qabsiisan.
20 Fizeram mais duas argolas de ouro e as prenderam nas pontas das duas alças do manto, embaixo, na frente dele, perto da costura e acima do cinto.
21 Isaanis akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sana sabbata mudhiitiin walitti qabsiisanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti qabsiisan.
21 Como o Senhor havia ordenado a Moisés, com um cordão azul eles prenderam as argolas do peitoral nas argolas do manto para que o peitoral ficasse preso acima do cinto e não se soltasse.
22 Isaanis huccuu guutumaan guutuutti bifti isaa cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchan;
22 A sobrepeliz, roupa que vai por cima do manto sacerdotal , era tecida inteiramente de fios de lã azul.
23 walakkaa gubbaa wandaboo sanaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchan; akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra waa naannessanii hodhan.
23 No meio dela havia uma abertura para a cabeça. Essa abertura era rematada com uma tira de malha para que não se rasgasse.
24 Isaanis xiyyoo wandaboo sanaatti kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen roomaanii hojjetan.
24 Em volta de toda a barra da sobrepeliz colocaram aplicações em forma de romãs, feitas de linho fino e de fios de lã azul, púrpura e vermelha.
25 Warqee qulqulluu irraas bilbila hojjetanii roomaanota gidduudhaan naannoo xiyyoo wandabootti qabsiisan.
25 Fizeram também sininhos de ouro puro e os puseram entre uma romã e outra.
26 Bilbillii fi roomaaniin sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti tokko tokkoon wal keessa makamanii naannoo xiyyoo wandaboo tajaajilaaf uffatamu sanaatti qabsiifaman.
26 Desse modo a barra da sobrepeliz ficou enfeitada com uma carreira de sininhos intercalados com romãs, da seguinte maneira: um sininho, uma romã, outro sininho, outra romã, conforme o Senhor havia ordenado a Moisés.
27 Aroonii fi ilmaan isaatiif immoo kittaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhoofsisanii hojjetan;
27 Fizeram túnicas de linho para Arão e os seus filhos,
28 akkasumas quncee talbaa qalʼaa isaatiin marata mataa, quncee talbaatiin gonfoo, quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen immoo uffata wayyaa jalaa hojjetaniif.
28 e a mitra , os chapéus, os calções de linho
29 Sabbannis quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan faayeffame akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
29 e o cinto tecido de linho fino e de fios de lã azul, púrpura e vermelha, enfeitado com bordados, conforme o Senhor havia ordenado a Moisés.
30 Isaanis warqee qulqulluu irraa faaya gonfoo qulqulluu tolchanii akkuma waan chaappaa irratti qirixamuutti:
30 Fizeram ainda de ouro puro uma placa para a coroa sagrada e nela gravaram a seguinte frase: “Separado para o Senhor .”
31 Ergasiis faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf jedhanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaa itti hidhan.
31 E amarraram a placa com um cordão de lã azul, para prendê-la na parte de cima da mitra, como o Senhor havia ordenado a Moisés.
32 Akkasiin hojiin dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hundi xumurame. Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda hojjetan.
32 Todo o trabalho da Tenda da Presença de Deus foi acabado. Os israelitas fizeram tudo como o Senhor havia ordenado a Moisés.
33 Isaanis dunkaana qulqulluu sana Museetti fidan:
33 Eles levaram a Moisés a Tenda e todo o seu equipamento, os prendedores, as armações, as travessas, os postes e as bases.
34 irra buusa kalʼee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, irra buusa gogaa duugameetii fi golgaa daʼeessu;
34 Levaram a cobertura de peles de carneiro tingidas de vermelho, a cobertura de peles finas, a cortina que separava o Lugar Santíssimo do Lugar Santo ,
35 taabota kakuu seeraa, danqaraa isaatii fi teessoo araaraa wajjin;
35 a arca da aliança com as placas de pedra, os cabos e a tampa da arca.
36 minjaala miʼa isaa hundaa fi buddeena ilaalchaa wajjin;
36 Levaram a mesa e todo o seu equipamento; os pães oferecidos a Deus;
37 baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetame, ibsaawwan tarree galanii fi miʼa isaa hunda wajjin, zayitii ibsaa;
37 o candelabro de ouro puro, as suas lamparinas, todo o seu equipamento e o azeite para as lamparinas.
38 iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame, zayitii ittiin diban, ixaana urgaaʼu, golgaa balbala dunkaanaa;
38 Levaram o altar de ouro, o azeite de ungir , o incenso cheiroso, a cortina da entrada da Tenda,
39 iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin,
39 o altar de bronze com a sua grelha, os seus cabos e todo o seu equipamento; e a pia com o seu suporte.
40 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin,
40 Levaram as cortinas do pátio, os seus postes e as suas bases; a cortina da entrada do pátio e as suas cordas; as estacas da Tenda e todo o equipamento para ser usado nela.
41 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman, jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan feʼa.
41 Levaram as roupas vistosas para os sacerdotes usarem no Lugar Santo, isto é, as roupas sagradas do sacerdote Arão e dos seus filhos.
42 Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojii hunda hojjetan.
42 Os israelitas fizeram todo o trabalho como o Senhor havia ordenado a Moisés.
43 Museenis hojii sana toʼatee akkuma Waaqayyo ajajetti hojjechuu isaanii arge. Museenis isaan eebbise.
43 Moisés examinou cada coisa e viu que eles tinham feito tudo de acordo com o que o Senhor havia ordenado. Então Moisés os abençoou.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 39, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.