Êxodo 36

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni Waaqayyo ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma Waaqayyo ajajetti hojii kana haa hojjetan.”
1 "Assim farão Bezalel, Aoliabe e todos os homens capazes, a quem o Senhor concedeu destreza e habilidade para fazerem toda a obra de construção do santuário, realizarão a obra como o Senhor ordenou. "
2 Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa Waaqayyo dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame.
2 Então Moisés chamou Bezalel e Aoliabe e todos os homens capazes a quem o Senhor dera habilidade e que estavam dispostos a vir realizar a obra.
3 Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan.
3 Receberam de Moisés todas as ofertas que os israelitas tinham trazido para a obra de construção do santuário. E o povo continuava a trazer voluntariamente ofertas, manhã após manhã.
4 Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii
4 Por isso, todos os artesãos habilidosos que trabalhavam no santuário interromperam o trabalho
5 Museedhaan, “Sabni kun waan hojii Waaqayyo akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan.
5 e disseram a Moisés: "O povo está trazendo mais do que o suficiente para realizar a obra que o Senhor ordenou".
6 Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman.
6 Então Moisés ordenou que fosse feita esta proclamação em todo o acampamento: "Nenhum homem ou mulher deverá fazer mais nada para ser oferecido ao santuário". Assim, o povo foi impedido de trazer mais,
7 Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii.
7 pois o que já haviam recebido era mais que suficiente para realizar toda a obra.
8 Hojjettoota sana keessaas ogeeyyiin hundi golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu haa hojjetan; golgaawwan sana irrattis ogeeyyiin harka qajeelan kiirubeelii hojjetan.
8 Todos os homens capazes dentre os trabalhadores fizeram o tabernáculo com dez cortinas internas de linho fino trançado e de fios de tecido azul, roxo e vermelho, com os querubins bordados sobre eles.
9 Golgaawwan sun hundinuu wal qixxee taʼanii tokkoon tokkoon isaanii dheerina dhundhuma digdamii saddeetiitii fi balʼina dhundhuma afur qabu ture.
9 Todas as cortinas internas tinham o mesmo tamanho: doze metros e sessenta centímetros de comprimento por um metro e oitenta centímetros de largura.
10 Isaanis golgaawwan shan walitti qabsiisan; shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisan.
10 Prendeu cinco cortinas internas, e fez o mesmo com as outras cinco.
11 Isaanis golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchan; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolfaman.
11 Em seguida fez laçadas de tecido azul ao longo da borda da última cortina interna do primeiro conjunto de cortinas internas, fazendo o mesmo com o segundo conjunto.
12 Isaanis golgaa tokko irratti gurroowwan shantama tolchan; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa isa moggaa irratti tolchan; gurroowwan sunis gamaa gamanaan turan.
12 Fez também cinqüenta laçadas na primeira cortina interna e cinqüenta laçadas na última cortina interna do segundo conjunto; as laçadas estavam opostas umas às outras.
13 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchanii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisan.
13 Depois fez cinqüenta ganchos de ouro e com eles prendeu um conjunto de cortinas internas ao outro, para que o tabernáculo formasse um todo.
14 Isaanis haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu sanaa irra jiru haguuguuf golgaawwan rifeensa reʼee kudha tokko hojjetan.
14 Com o total de onze cortinas internas de pêlos de cabra fez uma tenda para cobrir o tabernáculo.
15 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee turan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur ture.
15 As onze cortinas internas tinham a mesma medida: treze metros e meio de comprimento por um metro e oitenta centímetros de largura.
16 Isaanis golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisan; golgaawwan kaan jaʼaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisan.
16 Prendeu cinco cortinas internas num conjunto e as outras seis noutro conjunto.
17 Ergasiis golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan.
17 Depois fez cinqüenta laçadas em volta da borda da última cortina interna de um dos conjuntos e também na borda da última cortina interna do outro conjunto.
18 Akka dunkaanni sun tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf qabduuwwan naasii shantama tolchan.
18 Fez também cinqüenta ganchos de bronze para unir a tenda, formando um todo.
19 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjetan.
19 Em seguida fez para a tenda uma cobertura de pele de carneiro tingida de vermelho, e por cima desta uma cobertura de couro.
20 Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjetan.
20 Fez ainda armações verticais de madeira de acácia para o tabernáculo.
21 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
21 Cada armação tinha quatro metros e meio de comprimento por setenta centímetros de largura,
22 Tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama qaba ture. Tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchan.
22 com dois encaixes paralelos um ao outro. E fez todas as armações do tabernáculo dessa madeira.
23 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjetan;
23 Fez também vinte armações para o lado sul do tabernáculo
24 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchan.
24 e quarenta bases de prata para serem colocadas debaixo delas; duas bases para cada armação, uma debaixo de cada encaixe.
25 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchan.
25 Para o outro lado, o lado norte do tabernáculo, fez vinte armações
26 Isaaniifis miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchan.
26 e quarenta bases de prata, duas debaixo de cada armação.
27 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa hojjetan.
27 Fez ainda seis armações na parte de trás do tabernáculo, isto é, para o lado ocidental,
28 Karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchan.
28 e duas armações foram montadas nos cantos, na parte de trás do tabernáculo.
29 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkanuma hojjetan.
29 Nesses dois cantos as armações eram duplas, desde a parte inferior até a mais alta, colocadas numa só argola, ambas feitas do mesmo modo.
30 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu ture; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba ture.
30 Havia, pois, oito armações e dezesseis bases de prata, duas debaixo de cada armação.
31 Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchan; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
31 Também fez travessões de madeira de acácia: cinco para as armações de um lado do tabernáculo,
32 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif shan, tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchan.
32 cinco para as do outro lado e cinco para as do lado ocidental, na parte de trás do tabernáculo.
33 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhan.
33 Fez o travessão central de uma extremidade à outra, passando pelo meio das armações.
34 Tuggeewwan sanaattis warqee dibanii akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchan. Dagaleewwan sanaattis akkasuma warqee uffisan.
34 Revestiu de ouro as armações e fez argolas de ouro para sustentar os travessões, os quais também revestiu de ouro.
35 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tolchan; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii tolche.
35 Fez o véu de linho fino trançado e de fios de tecido azul, roxo e vermelho, e mandou bordar nele querubins.
36 Golgaa sanaafis utubaawwan muka laaftoo afur tolchanii warqee itti uffisan; utubaa sanaafis hokkoowwan warqee hojjetanii miilla meetii afur itti tolchan.
36 Fez-lhe quatro colunas de madeira de acácia e as revestiu de ouro. Fez-lhe ainda ganchos de ouro e fundiu as suas bases de prata.
37 Isaanis balbala dunkaanichaatiif golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessanii tolchan.
37 Para a entrada da tenda fez uma cortina de linho fino trançado e de fios de tecido azul, roxo e vermelho, obra de bordador;
38 Isaanis utuboota hokkoo qaban shan hojjetanii, fiixee fi somaawwan utubootaatti warqee uffisan; miilla isaanii shananis naasii irraa tolchan.
38 e fez-lhe cinco colunas com ganchos. Revestiu de ouro as partes superior e lateral das colunas e fez de bronze as suas cinco bases.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 36, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.