Êxodo 35
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Museen waldaa Israaʼel guutuu walitti qabee akkana jedheen; “Wanni Waaqayyo akka isin hojjettan isin ajaje kana:
1 Moisés convocou toda a congregação dos filhos de Israel e lhes disse: — São estas as palavras que o
2 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; Waaqayyoof immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
2 Seis dias vocês trabalharão, mas o sétimo dia lhes será santo, o sábado do repouso solene ao Senhor ; quem nele trabalhar morrerá.
3 Guyyaa Sanbataatiin lafa jiraattan kamitti iyyuu ibidda hin qabsiisinaa.”
3 Não acendam fogo em nenhuma das suas moradas no dia do sábado.
4 Museenis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo ajaje kana:
4 Moisés disse a toda a congregação dos filhos de Israel: — Esta é a palavra que o
5 Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu:
5 Separem do que vocês têm uma oferta ao Senhor . Cada um, de coração disposto, voluntariamente a trará por oferta ao Senhor : ouro, prata, bronze,
6 Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii,
6 pano azul, púrpura, carmesim, linho fino, pelos de cabra,
7 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame,
7 peles de carneiro tingidas de vermelho, peles finas, madeira de acácia,
8 ibsaadhaaf zayitii ejersaa,
8 azeite para a iluminação, especiarias para o óleo da unção e para o incenso aromático,
9 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu.
9 pedras de ônix e pedras de engaste para a estola sacerdotal e para o peitoral.
10 “Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan Waaqayyo ajaje hunda haa hojjetan:
10 — Venham todos os homens hábeis entre vocês e façam tudo o que o Senhor ordenou:
11 “Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa,
11 o tabernáculo com a sua tenda e a sua cobertura, os seus ganchos, as suas tábuas, as suas vigas superiores, as suas colunas e as suas bases;
12 taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus,
12 a arca e os seus cabos, o propiciatório e o véu do cortinado;
13 minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa;
13 a mesa e os seus cabos, todos os seus utensílios e os pães da proposição;
14 baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii,
14 o candelabro da iluminação, os seus utensílios, as suas lâmpadas e o azeite para a iluminação;
15 iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu,
15 o altar do incenso e os seus cabos, o óleo da unção, o incenso aromático e o cortinado da porta à entrada do tabernáculo;
16 iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda,
16 o altar do holocausto e a sua grelha de bronze, os seus cabos e todos os seus utensílios, a bacia e o seu suporte;
17 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa,
17 as cortinas do átrio, as suas colunas, as suas bases e o cortinado da porta do átrio;
18 dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii,
18 as estacas do tabernáculo, as estacas do átrio e as suas cordas;
19 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan.”
19 as vestes do ministério para ministrar no santuário, as vestes santas do sacerdote Arão e as vestes de seus filhos, para oficiarem como sacerdotes.
20 Ergasiis hawaasni Israaʼel guutuun Musee biraa baʼanii deeman;
20 Então toda a congregação dos filhos de Israel saiu da presença de Moisés.
21 namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Waaqayyoof fide.
21 Todo aquele cujo coração o moveu e cujo espírito o impeliu veio e trouxe a oferta ao Senhor para a obra da tenda do encontro, para todo o seu serviço e para as vestes sagradas.
22 Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
22 Vieram homens e mulheres, todos dispostos de coração. Trouxeram fivelas, pendentes, anéis, braceletes, todos os objetos de ouro; todo homem fazia oferta de ouro ao Senhor .
23 Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide.
23 E todos os que tinham pano azul, púrpura, carmesim, linho fino, pelos de cabra, peles de carneiro tingidas de vermelho e peles de animais marinhos trouxeram isso também.
24 Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide.
24 Todo aquele que fazia oferta de prata ou de bronze trazia isso como oferta ao Senhor ; e todo aquele que possuía madeira de acácia para toda obra do serviço a trazia também.
25 Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan.
25 Todas as mulheres hábeis traziam o que, por suas próprias mãos, tinham fiado: pano azul, púrpura, carmesim e linho fino.
26 Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan.
26 E todas as mulheres cujo coração as moveu em habilidade fiavam os pelos de cabra.
27 Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan.
27 Os chefes traziam pedras de ônix, pedras de engaste para a estola sacerdotal e para o peitoral,
28 Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan.
28 as especiarias e o azeite para a iluminação, para o óleo da unção e para o incenso aromático.
29 Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Waaqayyo karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Waaqayyoof kennaa fidan.
29 Os filhos de Israel trouxeram oferta voluntária ao Senhor , a saber, todo homem e mulher cujo coração os dispôs para trazerem uma oferta para toda a obra que o Senhor havia ordenado que se fizesse por meio de Moisés.
30 Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa Waaqayyo gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera;
30 Moisés disse aos filhos de Israel: — Eis que o
31 Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera.
31 e o Espírito de Deus o encheu de habilidade, inteligência e conhecimento em todo artifício,
32 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf,
32 para elaborar desenhos e trabalhar em ouro, em prata, em bronze,
33 akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
33 para lapidação de pedras de engaste, para entalho de madeira e para todo tipo de trabalho artesanal.
34 Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne.
34 Também lhe dispôs o coração para ensinar os outros, tanto a ele como a Aoliabe, filho de Aisamaque, da tribo de Dã.
35 Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute.
35 Encheu-os de habilidade para fazer toda obra de mestre, até a mais engenhosa, e a do bordador em pano azul, em púrpura, em carmesim e em linho fino, e a do tecelão, sim, todo tipo de trabalho e a elaborar desenhos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 35, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.