Êxodo 30

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 “Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi.
1 O Senhor Deus disse a Moisés: — Faça também um altar de madeira de acácia para queimar incenso em cima dele.
2 Iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkootii fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu; gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walitti waanuma tokko irraa haa tolfaman.
2 Esse altar será quadrado, medindo quarenta e cinco centímetros de comprimento por quarenta e cinco de largura; e terá noventa centímetros de altura. Nos quatro cantos haverá pontas, que formarão uma só peça com o altar.
3 Gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee naannessii tolchi.
3 A tampa, os quatro lados e as pontas deverão ser revestidos de ouro puro. E ponha um remate de ouro em volta do altar.
4 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchi; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchi.
4 Ponha também duas argolas de ouro debaixo do remate, uma de cada lado. Por dentro dessas argolas passarão os cabos com que se carregará o altar.
5 Danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii warqee itti uffisi.
5 Esses cabos deverão ser feitos de madeira de acácia e revestidos de ouro.
6 Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi.
6 Ponha o altar em frente da cortina que ficará diante da arca da aliança . Ali eu me encontrarei com você.
7 “Aroon yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu.
7 De manhã, quando Arão for cuidar das lamparinas, ele deverá queimar incenso cheiroso.
8 Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula Waaqayyoo duratti aaruuf Aroon yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu.
8 Ao anoitecer, quando for acender as lamparinas, ele deverá fazer a mesma coisa. Essa oferta de incenso continuará para sempre, de geração em geração.
9 Iddoo aarsaa kana irratti ixaana gosa biraa yookaan qalma gubamu yookaan kennaa midhaanii hin dhiʼeessin; dhibaayyuus irratti hin dhibaafatin.
9 Nesse altar não ofereçam incenso comum, nem animais, nem cereais e não derramem ofertas de vinho sobre ele.
10 Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Waaqayyoof waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.”
10 Uma vez por ano Arão fará uma cerimônia de purificação do altar, pondo nas suas quatro pontas o sangue do animal sacrificado para tirar os pecados do povo. Isso deverá ser feito para sempre, uma vez por ano. Esse altar deverá ser completamente santo, separado para mim, o Senhor .
11 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
11 O Senhor Deus disse a Moisés:
12 “Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu.
12 — Quando você fizer a contagem do povo, cada israelita me pagará uma certa quantia pela sua vida, para que não lhe aconteça nenhum desastre enquanto a contagem estiver sendo feita.
13 Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
13 Cada pessoa que for contada deverá pagar a quantia de prata exigida , pesada de acordo com a tabela oficial. Esse pagamento é para mim, o Senhor .
14 Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan.
14 Quem for contado, isto é, cada homem de vinte anos para cima, pagará essa quantia.
15 Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii Waaqayyoof kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin.
15 Quando pagarem pela sua vida, o rico não precisará pagar mais do que a quantia exigida, nem o pobre pagará menos.
16 Maallaqa furii sanas Israaʼeloota harkaa fudhiitii tajaajila dunkaana wal gaʼii sanaa irra oolchi; kunis lubbuu keessaniif furii taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo saba Israaʼel taʼa.”
16 Você receberá do povo de Israel essa prata e a usará para o serviço da Tenda da Minha Presença . Esse imposto será o pagamento pela vida dos israelitas, e eu lembrarei de protegê-los.
17 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
17 O Senhor Deus disse a Moisés:
18 “Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.
18 — Faça uma pia de bronze com a base também de bronze. Coloque a pia entre a Tenda e o altar e ponha água dentro dela.
19 Aroonii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan.
19 Arão e os seus filhos usarão essa água para lavar as mãos e os pés,
20 Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti,
20 antes de entrarem na Tenda ou antes de chegarem perto do altar para apresentar a oferta de alimento. Assim eles não serão mortos.
21 akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Aroonii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa.”
21 Eles deverão lavar as mãos e os pés para que não morram. Essa é uma lei que deverá ser obedecida para sempre por eles e pelos seus descendentes.
22 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
22 O Senhor Deus disse a Moisés:
23 “Urgooftuuwwan urgooftuu hunda caalan jechuunis qumbii qulqulluu saqilii 500, qarafaa urgaaʼaa walakkaa isaa jechuunis saqilii 250, marga citaa urgaaʼaa saqilii 250,
23 — ausente —
24 burgudii saqilii 500 fudhadhu; hundi isaa iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluutti haa taʼu; akkasumas zayitii ejersaa iinii tokko fudhadhu.
24 — ausente —
25 Urgooftuuwwan kanneeniinis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa jechuunis makaa urgaaʼaa akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti tolchi. Kunis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa taʼa.
25 — ausente —
26 Zayitii kanaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraa,
26 Use esse azeite para ungir a Tenda da Minha Presença , a arca da aliança ,
27 minjaalaa fi miʼa isaa hunda, baattuu ibsaa fi miʼa isaa, iddoo aarsaa ixaanaa,
27 a mesa e todo o seu equipamento, o candelabro e o seu equipamento, o altar de queimar incenso,
28 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibi.
28 o altar de queimar ofertas, junto com todo o seu equipamento, e a pia com o seu suporte.
29 Akka isaan waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniif isaan qulqulleessi; wanni isaan tuqu kam iyyuus ni qulqullaaʼa.
29 Assim você consagrará todas essas coisas, e elas ficarão completamente santas. E qualquer pessoa ou coisa que tocar nelas sofrerá por causa do poder da sua santidade.
30 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa dibi qulqulleessi.
30 Você ungirá também Arão e os filhos dele e os separará para me servirem como sacerdotes.
31 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Kun zayitiin qulqulluu ittiin dhaloota dhufuuf jiru diban naaf haa taʼu.
31 Diga ao povo de Israel o seguinte: “Esse azeite de ungir deverá ser usado para sempre no meu serviço religioso.
32 Zayitii kana dhagna nama biraa irratti hin dhangalaasin yookaan zayitii kam iyyuu karaa kanaan hin qopheessin. Zayitiin kun qulqulluu dha; innis isiniif qulqulluu haa taʼu.
32 Não deverá ser usado no corpo de quem não for sacerdote. E vocês não deverão usar a fórmula desse azeite para qualquer outra mistura igual a essa. Esse azeite é sagrado e assim ele deverá ser tratado.
33 Namni shittoo shittoo sana fakkaatu hojjetu kan nama biraattis dibu saba isaa keessaa haa balleeffamu.’ ”
33 Qualquer pessoa que preparar um azeite igual a esse ou usá-lo em quem não for sacerdote deverá ser expulsa do meio do meu povo.” — Faça o incenso sagrado conforme a arte dos perfumistas. Misture, em partes iguais, as seguintes
34 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Urgooftuu jechuunis hamphee urgaaʼu, elellaan urgaaʼu, aannan muka urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne kan hundi isaa iyyuu baayʼina wal qixxee qabu fudhadhuutii,
34 — ausente —
35 akkuma namni urgooftuu qopheessu tokko hojjetutti ixaana makamaa urgaaʼu tolchi. Ixaana kanattis soogidda naqiitii qulqulleessi; akka qulqulluu taʼus godhi.
35 — ausente —
36 Isa keessaas gartokko daakii bulleessiitii dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti si argu sana kaaʼi. Innis kan waan hunda caalaa qulqullaaʼuu isiniif haa taʼu.
36 — Moa uma parte desse incenso até que vire um pó bem fino. Depois leve-o para dentro da Tenda da Minha Presença , onde eu me encontrarei com você, e coloque-o diante da arca da aliança . Considerem esse incenso como uma coisa muito sagrada.
37 Haala kanaan ixaana ofii keessaniif hin qopheeffatinaa; akka inni Waaqayyoof qulqulluu taʼes hubadhu.
37 Quando fizerem incenso para vocês mesmos, não usem a fórmula do incenso sagrado. Esse incenso é uma coisa sagrada, dedicada a mim.
38 Namni urgaa isaatti gammaduuf jedhee waan isa fakkaatu tokko illee hojjetu saba ofii keessaa haa balleeffamu.”
38 Se alguém fizer incenso igual a esse para usá-lo como perfume, deverá ser expulso do meio do meu povo.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 30, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.