Êxodo 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Sanyii Lewwii keessaa namichi tokko intala Lewwii tokko fuudhe;
1 Foi-se um homem da casa de Levi e casou com uma descendente de Levi.
2 isheenis ulfooftee ilma deesse. Yommuu akka inni bareedaa taʼe argitetti jiʼa sadii isa dhoksite.
2 E a mulher concebeu e deu à luz um filho; e, vendo que era formoso, escondeu-o por três meses.
3 Kana caalaa isa dhoksuu akka hin dandeenye yeroo beektetti garuu guuboo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee haphee fi leelee itti dhoobde; mucaa sana guuboo keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa shambaqqoo keessa keesse.
3 Não podendo, porém, escondê-lo por mais tempo, tomou um cesto de junco, calafetou-o com betume e piche e, pondo nele o menino, largou-o no carriçal à beira do rio.
4 Obboleettiin isaa immoo waan mucicha irra gaʼu ilaaluuf jettee fagoo dhaabachaa turte.
4 A irmã do menino ficou de longe, para observar o que lhe haveria de suceder.
5 Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite.
5 Desceu a filha de Faraó para se banhar no rio, e as suas donzelas passeavam pela beira do rio; vendo ela o cesto no carriçal, enviou a sua criada e o tomou.
6 Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, “Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha” jette.
6 Abrindo-o, viu a criança; e eis que o menino chorava. Teve compaixão dele e disse: Este é menino dos hebreus.
7 Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, “Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?” jette.
7 Então, disse sua irmã à filha de Faraó: Queres que eu vá chamar uma das hebreias que sirva de ama e te crie a criança?
8 Isheenis, “Eeyyee, dhaqi” jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte.
8 Respondeu-lhe a filha de Faraó: Vai. Saiu, pois, a moça e chamou a mãe do menino.
9 Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, “Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa” jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte.
9 Então, lhe disse a filha de Faraó: Leva este menino e cria-mo; pagar-te-ei o teu salário. A mulher tomou o menino e o criou.
10 Mucaan sun guddannaan isheen intala Faraʼoonitti fidde. Innis ilma ishee taʼe. Isheenis, “Ani bishaan keessaa isa nan baase” jechuudhaan maqaa isaa Musee jettee moggaafte.
10 Sendo o menino já grande, ela o trouxe à filha de Faraó, da qual passou ele a ser filho. Esta lhe chamou Moisés e disse: Porque das águas o tirei.
11 Museen erga guddatee booddee gaafa tokko lafa sabni isaa ture dhaqee utuu isaan hojii dadhabsiisaa hojjetanuu arge; utuu namni Gibxi tokkos Ibroota saba isaa keessaa nama tokko rukutuu arge.
11 Naqueles dias, sendo Moisés já homem, saiu a seus irmãos e viu os seus labores penosos; e viu que certo egípcio espancava um hebreu, um do seu povo.
12 Innis asii fi achi ilaalee akka namni tokko iyyuu hin jirre mirkaneeffate; namicha Gibxi sana ajjeesee cirracha keessa dhokse.
12 Olhou de um e de outro lado, e, vendo que não havia ali ninguém, matou o egípcio, e o escondeu na areia.
13 Guyyaa itti aanutti immoo gad baʼee utuu Ibroonni lama wal lolanuu arge. Ibricha balleessaa qabuunis, “Ati maaliif Ibricha akka keetii rukutta?” jedhee gaafate.
13 Saiu no dia seguinte, e eis que dois hebreus estavam brigando; e disse ao culpado: Por que espancas o teu próximo?
14 Namichi sunis, “Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? Akkuma namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?” jedheen. Kana irratti Museen, “Dhugumaan wanni ani hojjedhe sun beekameera jechuu dha” jedhee sodaate.
14 O qual respondeu: Quem te pôs por príncipe e juiz sobre nós? Pensas matar-me, como mataste o egípcio? Temeu, pois, Moisés e disse: Com certeza o descobriram.
15 Faraʼoon yommuu waan kana dhagaʼetti Musee ajjeesuu yaale; Museen garuu Faraʼoon jalaa gara Midiyaanitti baqate; yommuu achi gaʼettis boolla tokko bira taaʼe.
15 Informado desse caso, procurou Faraó matar a Moisés; porém Moisés fugiu da presença de Faraó e se deteve na terra de Midiã; e assentou-se junto a um poço.
16 Lubni Midiyaan tokko intallan torba qaba ture; isaanis dhufanii bushaayee abbaa isaanii obaasuuf bishaan budduuqsanii bidiruutti guutaa turan.
16 O sacerdote de Midiã tinha sete filhas, as quais vieram a tirar água e encheram os bebedouros para dar de beber ao rebanho de seu pai.
17 Tiksoonnis dhufanii isaan ariʼan; Museen garuu kaʼee isaan gargaaree bushaayee isaanii obaaseef.
17 Então, vieram os pastores e as enxotaram dali; Moisés, porém, se levantou, e as defendeu, e deu de beber ao rebanho.
18 Yeroo dubarri sun gara abbaa isaanii Reʼuuʼeelitti deebiʼanitti, inni, “Isin harʼa akkamiin daftanii deebitan?” jedhee isaan gaafate.
18 Tendo elas voltado a Reuel, seu pai, este lhes perguntou: Por que viestes, hoje, mais cedo?
19 Isaanis, “Namicha Gibxi tokkotu tiksoota jalaa nu baase; inni bishaan iyyuu nuu budduuqsee bushaayee nuuf obaase” jedhanii deebisan.
19 Responderam elas: Um egípcio nos livrou das mãos dos pastores, e ainda nos tirou água, e deu de beber ao rebanho.
20 Inni immoo intallan isaatiin, “Inni eessa jira? Isin maaliif isa dhiiftanii dhuftan? Akka inni waa nyaatuufis dhaqaatii waamaa” jedhe.
20 E onde está ele?, disse às filhas; por que deixastes lá o homem? Chamai-o para que coma pão.
21 Museenis namicha bira jiraachuu jaallate; namichis intala isaa Ziphooraa Museetti heerumsiise.
21 Moisés consentiu em morar com aquele homem; e ele deu a Moisés sua filha Zípora,
22 Siipaaraan ilma deesse; Museenis, “Ani alagaa taʼee biyya ormaa jiraadheera” jechuudhaan maqaa isaa Geershoom jedhee moggaase.
22 a qual deu à luz um filho, a quem ele chamou Gérson, porque disse: Sou peregrino em terra estranha.
23 Bara dheeraa sana keessa mootiin Gibxi ni duʼe. Namoonni Israaʼelis sababii garbummaa keessa turaniif ni aadan; ni iyyanis; iyyi isaan sababii garbummaa jala turaniif gargaarsa argachuuf iyyanis Waaqa bira gaʼe.
23 Decorridos muitos dias, morreu o rei do Egito; os filhos de Israel gemiam sob a servidão e por causa dela clamaram, e o seu clamor subiu a Deus.
24 Waaqnis aaduu isaanii dhagaʼee kakuu isaa kan Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin gale sana yaadate.
24 Ouvindo Deus o seu gemido, lembrou-se da sua aliança com Abraão, com Isaque e com Jacó.
25 Waaqnis saba Israaʼel ilaale; Waaqni akka isaan itti jiran beeke.
25 E viu Deus os filhos de Israel e atentou para a sua condição.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.