Êxodo 28
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroon, isa wajjinis ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin saba Israaʼel keessaa ofitti dhiʼeessi.
1 "Chame seu irmão Arão e separe-o dentre os israelitas, e também os seus filhos Nadabe e Abiú, Eleazar e Itamar, para que me sirvam como sacerdotes.
2 Akka inni ulfinaa fi miidhagina argatuufis obboleessa kee Arooniif uffata qulqulluu hodhi.
2 Para o seu irmão Arão, faça vestes sagradas que lhe confiram dignidade e honra.
3 Akka inni luba taʼee na tajaajiluuf namoota beekumsa qaban kanneen ani ogummaa akkanaa kenneef hunda akka isaan akka inni addaan baafamuuf jedhanii Arooniif uffata hodhan itti himi.
3 Diga a todos os homens capazes, aos quais dei habilidade, que façam vestes para a consagração de Arão, para que me sirva como sacerdote.
4 Uffanni isaan hojjetanis: kiisii qomaa, dirata, wandaboo, kittaa miidhagfamee dhawame, marata mataatii fi sabbataa dha. Jarris akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroonii fi ilmaan isaatiif uffata qulqulluu kana haa hojjetan.
4 São estas as vestes que farão: um peitoral, um colete sacerdotal, um manto, uma túnica bordada, um turbante e um cinturão. Para que o sacerdote Arão e seus filhos me sirvam como sacerdotes, eles farão essas vestes sagradas
5 Ogeeyyiin sunis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼametti haa fayyadaman.
5 e usarão linho fino, fios de ouro e fios de tecido azul, roxo e vermelho.
6 “Ogeessa harka tolu tokko warqee, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjechiisi.
6 "Faça o colete sacerdotal de linho fino trançado e de fios de ouro e de fios de tecido azul, roxo e vermelho, trabalho artesanal.
7 Diranni kunis akka walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii lama kanneen fiixee isaa lamaanitti rarraafaman haa qabaatu.
7 Terá duas ombreiras atadas às suas duas extremidades para uni-lo bem.
8 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen haa hojjetamu.
8 O cinturão e o colete que por ele é preso serão feitos da mesma peça. O cinturão também será de linho fino trançado, de fios de ouro e de fios de tecido azul, roxo e vermelho.
9 “Dhagaawwan sardooniksii lama fuudhiitii maqaa ilmaan Israaʼel isaan irratti soofii barreessi.
9 "Grave em duas pedras de ônix os nomes dos filhos de Israel,
10 Akkuma toora dhaloota isaaniitti, maqaa jaʼa dhagaa tokko irratti, maqaa jaʼaan hafes dhagaa kaan irratti soofii barreessi.
10 por ordem de nascimento: seis nomes numa pedra e seis na outra.
11 Akkuma ogeessi faayaa tokko chaappaa soofee hojjetu sana atis dhagaa lamaan sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel soofii barreessi; ergasiis faaya warqee itti naannessiitii
11 Grave os nomes dos filhos de Israel nas duas pedras como o lapidador grava um selo. Em seguida prenda-as com filigranas de ouro,
12 akka inni ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisi. Aroonis maqaa sana yaadannoo godhee fuula Waaqayyoo duratti gatiittii isaa lamaanitti haa baatu.
12 costurando-as nas ombreiras do colete sacerdotal, como pedras memoriais para os filhos de Israel. Assim Arão levará os nomes em seus ombros como memorial diante do Senhor.
13 Ati immoo faaya warqee itti naannessiitii
13 Faça filigranas de ouro
14 foncaa warqee qulqulluu kan akka funyootti foʼame lama tolchi; foncaa foʼame sana illee faaya sanatti qabsiisi.
14 e duas correntes de ouro puro, entrelaçadas como uma corda; e prenda as correntes às filigranas.
15 “Ogeessa harka tolu tokko kiisii qomaa kan murtii hojjechiisi; isas akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen hojjedhu.
15 "Faça um peitoral de decisões, trabalho artesanal. Faça-o como o colete sacerdotal: de linho fino trançado e de fios de ouro e de fios de tecido azul, roxo e vermelho.
16 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee fi dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokko haa qabaatu.
16 Será quadrado, com um palmo de comprimento e um palmo de largura, e dobrado em dois.
17 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansi. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee;
17 Em seguida, fixe nele quatro fileiras de pedras preciosas. Na primeira fileira haverá um rubi, um topázio e um berilo;
18 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz;
18 na segunda, uma turquesa, uma safira e um diamante;
19 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
19 na terceira, um jacinto, uma ágata e uma ametista;
20 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansi. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchi.
20 na quarta, um crisólito, um ônix e um jaspe.
21 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame haa jiraatan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabata.
21 Serão doze pedras, uma para cada um dos nomes dos filhos de Israel, cada uma gravada como um selo, com o nome de uma das doze tribos.
22 “Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼame tolchi.
22 "Faça para o peitoral correntes de ouro puro trançadas como cordas.
23 Kiisii qomaa sanaafis qubeelaa warqee lama tolchiitii qubeelaa warqee lamaan roga kiisii qomaa lamaanitti qabsiisi.
23 Faça também duas argolas de ouro e prenda-as às duas extremidades do peitoral.
24 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfi.
24 Prenda as duas correntes de ouro às argolas nas extremidades do peitoral,
25 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfiitii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisi.
25 e as outras extremidades das correntes, às duas filigranas, unindo-as às peças das ombreiras do colete sacerdotal, na parte da frente.
26 Qubeelaawwan warqee lama tolchiitii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti kaaʼi.
26 Faça outras duas argolas de ouro e prenda-as às outras duas extremidades do peitoral, na borda interna, próxima ao colete sacerdotal.
27 Ammas qubeelaawwan warqee lama biraa tolchiitii sabbata dirataatiin olitti hodhaatti dhiʼeessii funyoo gatiittii lamaan fuula dirataa duraan jiru sana jalaan itti hidhi.
27 Faça mais duas argolas de ouro e prenda-as na parte inferior das ombreiras, na frente do colete sacerdotal, próximas da costura, logo acima do cinturão do colete sacerdotal.
28 Akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sun sabbata mudhiitiin walitti qabsiifamanii funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti haa qabsiifaman.
28 As argolas do peitoral serão amarradas às argolas do colete com um cordão azul, ligando-o ao cinturão, para que o peitoral não se separe do colete sacerdotal.
29 “Aroon yeroo iddoo qulqulluu ol seenu hunda akka fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo bara baraa taʼuuf laphee isaa irratti kiisii qomaa kan murtiitiin maqaa ilmaan Israaʼel ni baata.
29 "Toda vez que Arão entrar no Lugar Santo, levará os nomes dos filhos de Israel sobre o seu coração no peitoral de decisões, como memorial permanente perante o Senhor.
30 Akka isaan yeroo Aroon fuula Waaqayyoo dura dhufu hunda laphee isaa irra jiraataniif Uriimii fi Tumiimii akkasuma kiisii qomaa keessa kaaʼi. Akkasiinis Aroon yeroo hunda miʼa ittiin Israaʼelootaaf murtii kennu fuula Waaqayyoo duratti laphee isaa irratti baata.
30 Ponha também o Urim e o Tumim no peitoral das decisões, para que estejam sobre o coração de Arão sempre que ele entrar na presença do Senhor. Assim, Arão levará sempre sobre o coração, na presença do Senhor, os meios para tomar decisões em Israel. "
31 “Huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchi;
31 "Faça o manto do colete sacerdotal inteiramente de fios de tecido azul,
32 walakkaa gubbaa isaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchi. Akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra wanni faayeffamee qopheeffame haa jiraatu.
32 com uma abertura para a cabeça no centro. Ao redor dessa abertura haverá uma dobra tecida, como uma gola, para que não se rasgue.
33 Naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti immoo kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaadhaan roomaanii hojjedhuutii gidduu isaatti immoo bilbila warqee tolchi.
33 Faça romãs de fios de tecido azul, roxo e vermelho em volta da borda do manto, intercaladas com pequenos sinos de ouro.
34 Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman.
34 Os sinos de ouro e as romãs se alternarão por toda a volta da borda do manto.
35 Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula Waaqayyoo dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama.
35 Arão o vestirá quando ministrar. O som dos sinos será ouvido quando ele entrar no Lugar Santo diante do Senhor e quando sair, para que não morra.
36 “Warqee qulqulluu irraa faaya tolchii,
36 "Faça um diadema de ouro puro e grave nele como se grava um selo: Consagrado ao Senhor.
37 Faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf funyoo bifa cuquliisaa itti hidhi; innis marata mataa fuula duraan haa taʼu.
37 Prenda-o na parte da frente do turbante com uma fita azul.
38 Faayi kunis adda Aroon irra taaʼa; Aroonis yakka kennaawwan qulqulluu ilmaan Israaʼel dhiʼeessan keessatti argamu hunda ni baata. Kunis akka isaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argataniif adda Aroon irra jiraata.
38 Estará sobre a testa de Arão; assim ele levará a culpa de qualquer pecado que os israelitas cometerem em relação às coisas sagradas, ao fazerem todas as suas ofertas. Estará sempre sobre a testa de Arão, para que as ofertas sejam aceitas pelo Senhor.
39 “Quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame dhoofsisiitii qomee hojjedhu; marata mataa illee quncee talbaa gaarii irraa tolchi. Sabbannis ogeessa harka qajeeluun haa tolfamu.
39 "Teça a túnica e o turbante com linho fino. O cinturão será feito por um bordador.
40 Akka ilmaan Aroonis ulfinaa fi miidhagina argataniif qomee, sabbataa fi marata mataa tolchiif.
40 Faça também túnicas, cinturões e gorros para os filhos de Arão, para conferir-lhes honra e dignidade.
41 Erga uffata kana obboleessa kee Aroonittii fi ilmaan isaatti uffiftee booddee dibii isaan muudi. Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniifis isaan qulqulleessi.
41 Depois de vestir seu irmão Arão e os filhos dele, unja-os e consagre-os, para que me sirvam como sacerdotes.
42 “Qumxaa wayyaa jalaa kan mudhiidhaa jalqabee hamma gudeedaatti qullaa namaa dhoksu quncee talbaa irraa hojjedhuuf.
42 "Faça-lhes calções de linho que vão da cintura até a coxa, para cobrirem a sua nudez.
43 Aroonii fi ilmaan isaa akka balleessaa hojjetanii hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan Iddoo Qulqulluu sanatti tajaajila kennuuf iddoo aarsaatti dhiʼaatan uffata kana uffachuu qabu.
43 Arão e seus filhos terão que vesti-los sempre que entrarem na Tenda do Encontro ou quando se aproximarem do altar para ministrar no Lugar Santo, para que não incorram em culpa e morram. "Este é um decreto perpétuo para Arão e para os seus descendentes. "
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 28, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.