Êxodo 25

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O S enhor disse a Moisés:
2 “Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.
2 “Diga ao povo de Israel que me traga suas ofertas. Aceite as contribuições de todos cujo coração os dispuser a doar.
3 “Kennaan isaan harkaa fuutanis:
3 Aqui está uma lista das ofertas que você aceitará deles: ouro, prata e bronze;
4 kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame;
4 fios de tecido azul, roxo e vermelho; linho fino e pelos de cabra para confeccionar tecido;
5 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame,
5 peles de carneiro tingidas de vermelho e couro fino; madeira de acácia;
6 ibsaadhaaf, zayitii ejersaa,
6 óleo de oliva para as lâmpadas; especiarias para o óleo da unção e para o incenso perfumado;
7 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
7 pedras de ônix e outras pedras preciosas para serem fixadas no colete e no peitoral do sacerdote.
8 “Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha.
8 “Instrua os israelitas a construírem para mim um santuário, para que eu viva no meio deles.
9 Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa.
9 Devem fazer esse tabernáculo e sua mobília de acordo com o modelo que eu lhe mostrarei.”
10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
10 “Faça para mim uma arca de madeira de acácia, com 1,15 metro de comprimento, 67,5 centímetros de largura e 67,5 centímetros de altura.
11 Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi.
11 Revista-a com ouro puro por dentro e por fora e coloque uma moldura de ouro ao seu redor.
12 Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi.
12 Mande fundir quatro argolas de ouro e prenda-as aos quatro pés da arca, duas argolas de cada lado.
13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi.
13 Faça varas de madeira de acácia e revista-as com ouro.
14 Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi.
14 Passe-as por dentro das argolas dos lados da arca para transportá-la.
15 Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban.
15 Essas varas ficarão dentro das argolas; nunca as remova.
16 Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
16 Coloque dentro da arca as tábuas da aliança que eu lhe darei.
17 “Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu.
17 “Faça a tampa da arca, que é o lugar de expiação, de ouro puro. Deve medir 1,15 metro de comprimento e 67,5 centímetros de largura.
18 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi.
18 Em seguida, faça dois querubins de ouro batido e coloque um em cada extremidade da tampa.
19 Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi.
19 Modele um querubim em cada extremidade da tampa, para formar uma só peça de ouro com a tampa.
20 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan.
20 Os querubins ficarão de frente um para o outro, com o rosto voltado para a tampa da arca. Estenderão as asas sobre a tampa para protegê-la.
21 Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.
21 Coloque dentro da arca as tábuas da aliança que eu lhe darei. Ponha a tampa sobre a arca.
22 Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
22 Ali, sobre a tampa, que é o lugar de expiação, entre os querubins de ouro que estão sobre a arca da aliança, virei ao seu encontro e falarei com você. Dali eu lhe darei meus mandamentos para o povo de Israel.”
23 “Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi.
23 “Faça também uma mesa de madeira de acácia com 90 centímetros de comprimento, 45 centímetros de largura e 67,5 centímetros de altura.
24 Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi.
24 Revista-a com ouro puro e coloque uma moldura de ouro ao seu redor.
25 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi.
25 Enfeite-a com uma borda de 8 centímetros de largura e com uma moldura de ouro ao redor da borda.
26 Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi.
26 Faça quatro argolas de ouro para a mesa e prenda-as aos quatro cantos, junto aos quatro pés.
27 Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu.
27 Prenda as argolas junto à borda para sustentar as varas que serão usadas para transportar a mesa.
28 Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu.
28 Faça essas varas de madeira de acácia e revista-as com ouro; com elas a mesa será carregada.
29 Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi.
29 Faça recipientes especiais de ouro puro para a mesa: tigelas, colheres, vasilhas e jarras, que serão usados para as ofertas derramadas.
30 Buddeena ilaalchaas yeroo hunda fuula koo dura minjaala kana irra kaaʼi.
30 Coloque sobre a mesa os pães da presença, de modo que fiquem diante de mim o tempo todo.”
31 “Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi.
31 “Faça um candelabro de ouro puro batido. Todo o candelabro e seus enfeites formarão uma só peça: a base, a haste central, as lâmpadas, os botões e as flores.
32 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon, sadii immoo gama kaaniin haa baafaman.
32 Da haste central sairão seis ramos, três de cada lado.
33 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchi; dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchi.
33 Cada um dos seis ramos terá três lâmpadas em forma de flor de amendoeira, com botões e pétalas.
34 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin hojjetaman afur baattuu ibsaa sana irra haa jiraatan.
34 A haste central do candelabro terá quatro lâmpadas em forma de flor de amendoeira, cada uma com botões e flores.
35 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture. Walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
35 Também haverá um botão de amendoeira debaixo de cada par dos seis ramos que saem da haste central.
36 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa haa tolfaman.
36 Os botões de amendoeira e os ramos formarão uma só peça com a haste central e serão feitos de ouro puro batido.
37 “Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi.
37 Em seguida, faça sete lâmpadas para o candelabro e posicione-as de modo que reflitam a luz para a frente.
38 Wanni ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi caabiin daaraa sana baattu warqee qulqulluu irraa haa hojjetaman.
38 Os cortadores de pavio e os apagadores também serão de ouro puro.
39 Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani.
39 Serão necessários 35 quilos de ouro puro para o candelabro e seus acessórios.
40 Atis akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu.
40 “Cuide para que tudo seja feito de acordo com o modelo que eu lhe mostrei aqui no monte.”

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 25, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.