Êxodo 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara Waaqayyotti ol baʼaa; alaalatti sagadaa;
1 Deus disse a Moisés: — Subam para junto do
2 garuu Museen qofti Waaqayyotti haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin.”
2 Só Moisés se aproximará do Senhor ; os outros não se aproximarão, nem o povo subirá com ele.
3 Museenis dhaqee dubbii fi seera Waaqayyoo hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise.
3 Moisés foi e transmitiu ao povo todas as palavras do Senhor e todos os estatutos. Então todo o povo respondeu a uma voz e disse: — Tudo o que o
4 Ergasii Museen waan Waaqayyo dubbatte hunda barreesse.
4 Moisés escreveu todas as palavras do Senhor e, tendo-se levantado de manhã cedo, edificou um altar ao pé do monte e ergueu doze colunas, segundo as doze tribos de Israel.
5 Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
5 E enviou alguns jovens dos filhos de Israel, os quais ofereceram ao Senhor holocaustos e sacrifícios pacíficos de novilhos.
6 Museenis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase.
6 Moisés pegou a metade do sangue e o pôs em bacias; e a outra metade aspergiu sobre o altar.
7 Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas” jedhanii deebisan.
7 Depois pegou o livro da aliança e o leu para o povo. E eles disseram: — Tudo o que o
8 Yommus Museen dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, “Kunoo kun dhiiga kakuu kan Waaqayyo akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha” jedhe.
8 Então Moisés pegou aquele sangue, e o aspergiu sobre o povo, e disse: — Eis aqui o sangue da aliança que o
9 Musee fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii
9 Moisés, Arão, Nadabe, Abiú e setenta dos anciãos de Israel subiram o monte.
10 Waaqa Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma samiitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture.
10 E viram o Deus de Israel, sob cujos pés havia como que uma pavimentação de pedra de safira, que se parecia com o céu na sua claridade.
11 Waaqni garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Waaqa argan; ni nyaatan; ni dhuganis.
11 Deus não estendeu a mão contra os escolhidos dos filhos de Israel; eles viram Deus, comeram e beberam.
12 Waaqayyos Museedhaan, “Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna” jedhe.
12 Então o Senhor disse a Moisés: — Suba para junto de mim, no monte, e fique lá; darei a você tábuas de pedra, a lei e os mandamentos que escrevi, para que você ensine o povo.
13 Ergasii Museen gargaaraa isaa Iyyaasuu wajjin kaʼee deeme; Museenis tulluu Waaqaatti ol baʼe.
13 Moisés se aprontou, juntamente com Josué, seu auxiliar, e subiu o monte de Deus.
14 Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; “Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Aroonii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa.”
14 Ele disse aos anciãos: — Esperem aqui até que voltemos para junto de vocês. Eis que Arão e Hur ficam com vocês; quem tiver alguma questão deve se dirigir a eles.
15 Yeroo Museen tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge;
15 Tendo Moisés subido, uma nuvem cobriu o monte.
16 ulfinni Waaqayyoos Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo Waaqayyo duumessicha keessaa Musee waame.
16 E a glória do Senhor pousou sobre o monte Sinai, e a nuvem o cobriu durante seis dias. No sétimo dia, do meio da nuvem o Senhor chamou Moisés.
17 Ulfinni Waaqayyoos ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture.
17 Aos olhos dos israelitas, o aspecto da glória do Senhor era como um fogo consumidor no alto do monte.
18 Museen tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.
18 E Moisés, entrando pelo meio da nuvem, subiu o monte; e lá permaneceu quarenta dias e quarenta noites.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 24, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.