Êxodo 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Waldaan Israaʼel hundi biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti Eeliimii kaʼanii gara gammoojjii Siin isa Eelimii fi Siinaa gidduu jiru sanaa dhaqan.
1 Partiram de Elim, e toda a congregação dos filhos de Israel veio para o deserto de Sim, que está entre Elim e Sinai, aos quinze dias do segundo mês, depois que saíram da terra do Egito.
2 Gammoojjii keessattis hawaasni sun guutuun Musee fi Aroonitti guunguman.
2 Toda a congregação dos filhos de Israel murmurou contra Moisés e Arão no deserto.
3 Israaʼeloonnis akkana isaaniin jedhan; “Nu biyya Gibxitti yeroo okkotee foonii bira teenyee hamma quufnutti buddeena nyaachaa turre sana harka Waaqayyootti utuu duuneerra taʼee! Isin garuu akka waldaan kun guutuun beelaʼee dhumu gochuuf achii nu baaftanii gammoojjii kanatti nu fiddaniirtu.”
3 Os filhos de Israel disseram a Moisés e Arão: — Quem nos dera tivéssemos morrido pela mão do
4 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, ani samii irraa buddeena gad isinii nan roobsa. Sabni sunis guyyuma guyyaan gad baʼee waan guyyaa tokkoof isa gaʼu walitti haa qabatu. Anis karaa kanaan isaan qoree seera koo eeguu fi eeguu baachuu isaanii nan ilaala.
4 Então o Senhor disse a Moisés: — Eis que farei chover do céu pão para vocês, e o povo sairá e recolherá diariamente a porção para cada dia. Eu os porei à prova para ver se andam na minha lei ou não.
5 Isaanis guyyaa jaʼaffaatti waan walitti qabatan sana haa qopheeffatan; wanni kunis waan isaan guyyaa biraa walitti qabatanitti harka lama haa taʼu.”
5 No sexto dia prepararão o que recolherem, e será o dobro do que recolhem nos outros dias.
6 Musee fi Aroon Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Kan biyya Gibxiitii isin baase Waaqayyo akka taʼe galgala kana ni beektu.
6 Então Moisés e Arão disseram a todos os filhos de Israel: — Hoje à tarde vocês saberão que foi o
7 Ganama immoo ulfina Waaqayyoo argitu; inni akka isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyu taanaan isin nutti guungumtu?”
7 e, pela manhã, vocês verão a glória do Senhor , porque ele ouviu as murmurações de vocês contra o Senhor . Pois quem somos nós, para que vocês fiquem murmurando contra nós?
8 Museenis akkana jedhe; “Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni Waaqayyo taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin Waaqayyotti guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne.”
8 Moisés continuou: — Isso acontecerá quando o
9 Yommus Museen, “Waldaa Israaʼel hundaan, ‘Sababii inni akka isin guungumtan dhagaʼeef isin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaadhaa’ jedhi” jedhee Aroonitti hime.
9 Então Moisés disse a Arão: — Diga a toda a congregação dos filhos de Israel: “Cheguem-se à presença do
10 Yeroo Aroon guutummaa waldaa saba Israaʼelitti dubbachaa turetti isaan gara gammoojjii ilaalaa turan; kunoo, ulfinni Waaqayyoo duumessa keessaan mulʼate.
10 Enquanto Arão falava a toda a congregação dos filhos de Israel, olharam para o deserto, e eis que a glória do Senhor apareceu na nuvem.
11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
11 E o Senhor disse a Moisés:
12 “Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, ‘Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu’ jedhii isaanitti himi.”
12 — Tenho ouvido as murmurações dos filhos de Israel. Diga-lhes: “Ao crepúsculo da tarde, vocês comerão carne, e, pela manhã, vocês comerão pão à vontade, e saberão que eu sou o Senhor , seu Deus.”
13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture.
13 À tarde, apareceram codornizes e cobriram o arraial. Pela manhã, havia orvalho ao redor do arraial.
14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan.
14 E, quando o orvalho que havia caído se evaporou, na superfície do deserto restava uma coisa fina e semelhante a escamas, fina como a geada sobre a terra.
15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, “Wanni kun maali?” waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii.
15 Quando os filhos de Israel viram aquilo, perguntaram uns aos outros: — Que é isso? Pois não sabiam o que era. Moisés respondeu: — Isso é o pão que o
16 Waaqayyo akkana jedhee ajajeera: ‘Tokkoon tokkoon namaa hamma barbaadu walitti haa qabatu. Akkuma baayʼina nama dunkaana keessan keessaatti tokkoo tokkoo namaatiif gomoorii tokko fudhadhaa.’ ”
16 Isto é o que o Senhor ordenou: “Que cada um recolha o que se consegue comer: dois litros por cabeça, segundo o número de pessoas. Cada um pegará para todos os que vivem em sua tenda.”
17 Israaʼeloonni akkuma isaanitti himame godhan; garri tokko baayʼee, warri kaan immoo xinnoo walitti qabatan.
17 Assim o fizeram os filhos de Israel. E recolheram, uns, mais, outros, menos,
18 Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate.
18 conforme a medida fixada. E não sobrava para quem havia recolhido muito, nem faltava para quem havia recolhido pouco, pois cada um recolhia o quanto conseguia comer.
19 Museenis, “Namni tokko iyyuu waan walitti qabate keessaa tokko illee ganamaaf hin bulfatin” jedheen.
19 Então Moisés disse: — Ninguém deixe nada para a manhã seguinte.
20 Taʼus isaan keessaa namoonni tokko tokko Musee hin dhageenye; waan walitti qabatan keessaas gartokko ganamaaf bulfatan; innis raammaʼee ajaaʼe. Kanaafuu Museen isaanitti aare.
20 Eles, porém, não deram ouvidos a Moisés, e alguns deixaram do maná para a manhã seguinte, mas deu bichos e cheirava mal. E Moisés se indignou contra eles.
21 Tokkoon tokkoon namaa ganama ganama hammuma barbaadu walitti qabate; innis yommuu aduun hoʼitetti baqee bade.
21 Colhiam-no, pois, manhã após manhã, cada um quanto conseguia comer; porque, vindo o calor do sol, o maná se derretia.
22 Guyyaa jaʼaffaatti jarri harka lama jechuunis mata mataatti gomoorii lama walitti qabatan; hooggantoonni waldichaa hundis dhaqanii Museetti himan.
22 No sexto dia, colheram alimento em dobro, quatro litros para cada um. E os principais da congregação vieram e contaram isso a Moisés.
23 Innis akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Bor guyyaa sanbata boqonnaa taʼa; innis sanbata Waaqayyoof qulqullaaʼee dha. Waan tolfachuu barbaaddan tolfadhaa; waan affeelachuu barbaaddanis affeeladhaa. Waan irraa hafu hunda immoo hamma ganamaatti turfadhaa.’ ”
23 Ele respondeu: — Isto é o que disse o
24 Jarris akkuma Museen isaan ajajetti hamma ganamaatti turfatan; nyaanni sunis hin ajoofne yookaan hin raammofne.
24 E guardaram-no até a manhã seguinte, como Moisés havia ordenado; e não cheirou mal, nem deu bichos.
25 Museenis akkana jedhe; “Waan guyyaan harʼaa sanbata Waaqayyoo taʼeef nyaata kana harʼa nyaadhaa; isin harʼa dirree irratti isa hin argattan.
25 Então Moisés disse: — Comam isto hoje, pois hoje é o sábado dedicado ao
26 Isinis nyaata sana guyyaa jaʼa walitti qabadhaa; guyyaa torbaffaatti jechuunis guyyaa Sanbataatiin garuu tokko iyyuu hin argamu.”
26 Seis dias vocês o recolherão, mas o sétimo dia é o sábado; nele, não haverá nada a recolher.
27 Jara sana keessaa namoonni tokko tokko immoo guyyaa torbaffaatti walitti qabachuuf gad baʼan; garuu homaa hin arganne.
27 No sétimo dia algumas pessoas saíram para o recolher, porém não o acharam.
28 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Isin hamma yoomiitti ajaja koo fi qajeelfama koo eeguu diddu?
28 Então o Senhor disse a Moisés: — Até quando vocês se recusarão a guardar os meus mandamentos e as minhas leis?
29 Waaqayyo Sanbata akka isinii kenne hubadhaa. Sababiin inni guyyaa jaʼaffaatti buddeena guyyaa lamaaf taʼu isinii kennuufis kanuma. Namni hundinuu guyyaa torbaffaatti idduma jiru haa turu. Namni tokko iyyuu gad hin baʼin.”
29 Vejam! O Senhor deu a vocês o sábado; por isso, ele, no sexto dia, lhes dá alimento para dois dias; cada um fique onde está, ninguém saia do seu lugar no sétimo dia.
30 Sabni sunis guyyaa torbaffaatti ni boqote.
30 Assim, o povo descansou no sétimo dia.
31 Sabni Israaʼel buddeena sana “mannaa” jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti.
31 A casa de Israel deu àquele alimento o nome de maná. Ele era como semente de coentro, branco e com gosto de bolo de mel.
32 Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Akka inni dhaloota dhufuuf turfamuuf Mannaa gomoorii tokko fuudhaa; kunis akka isaan buddeena ani yeroo biyya Gibxi keessaa isin baasetti akka isin gammoojjii keessatti nyaattaniif isinii kenne sana arganiif.’ ”
32 Moisés disse: — Esta é a palavra que o
33 Museen Arooniin, “Okkotee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti naqi; akka mannaan kun dhaloota dhufuuf turfamuuf fuula Waaqayyoo dura kaaʼi” jedhe.
33 Então Moisés disse a Arão: — Pegue um vaso, ponha nele dois litros de maná e coloque-o diante do
34 Aroonis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti akka mannaan sun turfamuuf fuula Dhugaa Baʼuu dura kaaʼe.
34 Como o Senhor havia ordenado a Moisés, assim Arão o colocou diante da arca do testemunho para o guardar.
35 Sabni Israaʼel hamma biyya keessa qubatamu sana gaʼanitti waggaa afurtama mannaa nyaatan; isaanis hamma daarii biyya Kanaʼaan gaʼanitti mannaa nyaatan.
35 E os filhos de Israel comeram maná durante quarenta anos, até que entraram em terra habitada. Comeram maná até que chegaram aos limites da terra de Canaã.
36 Gomooriin tokko harka kurnaffaa iifii tokkoo ti.
36 A porção de maná para cada pessoa era um décimo da medida padrão, que tinha vinte litros.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.